< Efesliler 3 >

1 Bu nedenledir ki, ben Pavlus siz uluslar uğruna Mesih İsa'nın tutuklusu oldum.
Sababii kanaaf ani Phaawulos isin Namoota Ormaatiif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuus taʼeera.
2 Tanrı'nın bana bağışladığı lütfu size ulaştırmakla görevlendirildiğimi duymuşsunuzdur.
Isin dhugumaan waaʼee hojii ayyaana Waaqaa kan isiniif jedhamee natti kenname sanaa dhageessaniirtu;
3 Yukarıda kısaca değindiğim gibi Tanrı, sır olan tasarısını bana vahiy yoluyla bildirdi.
kunis akkuma ani kanaan dura gabaabsee isinii barreessetti icciitii mulʼataatiin natti beeksifame.
4 Bu mektubu okuduğunuzda Mesih sırrını nasıl kavradığımı anlayabilirsiniz.
Isin yommuu waan kana dubbiftanitti akka ani waaʼee icciitii Kiristoos beekumsa qabu hubachuu ni dandeessu;
5 Bu sır önceki kuşaklara açıkça bildirilmemişti. Şimdiyse Mesih'in kutsal elçilerine ve peygamberlerine Ruh aracılığıyla açıklanmış bulunuyor.
icciitiin kunis akka amma Hafuuraan ergamootaa fi raajota qulqulloota Waaqaatti mulʼifametti dhaloota kaanitti hin beeksifamne.
6 Şöyle ki, öteki uluslar da mirasa ortaktır, aynı bedenin üyeleridir ve Müjde aracılığıyla Mesih İsa'da vaade ortaktır.
Icciitiin kunis Namoonni Ormaa karaa wangeelaatiin saba Israaʼel wajjin dhaaltota, isaanuma wajjin dhagna tokko, waadaa Kiristoos Yesuusiin kenname keessatti immoo hirmaattota taʼuu isaanii ti.
7 Tanrı'nın etkin gücüyle bana verilen lütuf armağanı uyarınca bu Müjde'yi yaymakla görevlendirildim.
Anis kennaa ayyaana Waaqaa kan karaa hojii humna isaatiin naa kennameen tajaajilaa wangeela kanaa taʼeera.
8 Bütün kutsalların en değersiziydim. Yine de Mesih'in akıl ermez zenginliğini uluslara müjdeleme,
Ani qulqulloota hundaa gad taʼu iyyuu akka badhaadhummaa Kiristoos kan qoramee bira hin gaʼamne sana Namoota Ormaatti lallabuuf ayyaanni kun naa kennameera;
9 ve her şeyi yaratan Tanrı'da öncesizlikten beri gizli tutulan sırrın nasıl düzenlendiğini bütün insanlara açıklama ayrıcalığı bana verildi. (aiōn g165)
akkasumas icciitiin bara dheeraaf Waaqa waan hunda uumeen dhokfamee ture kun maal akka taʼe ani namoota hundaaf akka ibsuuf. (aiōn g165)
10 Öyle ki, Tanrı'nın çok yönlü bilgeliği, kilise aracılığıyla göksel yerlerdeki yönetimlere ve hükümranlıklara şimdiki dönemde bildirilsin.
Kaayyoon isaas akka ogummaan Waaqaa inni dachaa hedduu qabu sun amma karaa waldaa kiristaanaatiin bulchitootaa fi abbootii taayitaa kanneen samii irra jiranitti beeksifamuuf;
11 Bu, Tanrı'nın başlangıçtan beri tasarladığı ve Rabbimiz Mesih İsa'da yerine getirdiği amaca uygundu. (aiōn g165)
kunis akkuma kaayyoo isaa kan bara baraa kan inni karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin raawwate sanaatti ture. (aiōn g165)
12 Mesih'te ve Mesih'e olan imanımızla Tanrı'ya cesaret ve güvenle yaklaşabiliriz.
Nus isaan, amantii isa irratti qabnuun, ija jabinaa fi amanachuudhaan Waaqatti dhiʼaachuu dandeenya.
13 Bu nedenle, uğrunuza çektiğim sıkıntılar karşısında yılmamanızı rica ediyorum. Bunlar size yücelik kazandırır.
Kanaafuu sababii ani isiniif dhiphachaa jiruuf jettanii akka abdii hin kutanne isin kadhadha; dhiphachuun koo ulfinuma keessan.
14 Bunun için, yerde ve gökte her ailenin adını kendisinden aldığı Baba'nın önünde diz çökerim.
Sababii kanaaf ani fuula Abbaa duratti nan jilbeenfadha;
maatiin isaa warri samii irraa fi warri lafa irraa hundinuu maqaa isaanii isa irraa argatu.
16 Baba'nın kendi yüceliğinin zenginliği uyarınca Ruhu'yla sizi iç varlığınızda kudretle güçlendirmesini ve Mesih'in iman yoluyla yüreklerinizde yaşamasını dilerim. Öyle ki, Tanrı'nın bütün doluluğuyla dolmanız için, sevgide köklenmiş ve temellenmiş olarak bütün kutsallarla birlikte Mesih'in sevgisinin ne denli geniş ve uzun, yüksek ve derin olduğunu anlamaya, bilgiyi çok aşan bu sevgiyi kavramaya gücünüz yetsin.
Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf nan kadhadha;
akka Kiristoosis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf nan kadhadha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis nan kadhadha;
isinis jaalalli Kiristoos hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatuu fi hammam akka gad fagaatu qulqulloota hunda wajjin hubachuudhaaf akka humna qabaattaniif,
akka guutama Waaqaa hundaan guutamtaniifis jaalala Kiristoos kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif nan kadhadha.
20 Tanrı, bizde etkin olan kudretiyle, dilediğimiz ya da düşündüğümüz her şeyden çok daha fazlasını yapabilecek güçtedir.
Waaqa isa humna isaa kan nu keessatti hojjetu sanaan hamma nu kadhannu yookaan hamma nu yaadnu hundumaa olitti akka malee hojjechuu dandaʼu sanaaf,
21 Kilisede ve Mesih İsa'da bütün kuşaklar boyunca sonsuzlara dek O'na yücelik olsun! Amin. (aiōn g165)
waldaa kiristaanaa keessatti, dhaloota hunda keessattis karaa Kiristoos Yesuusiin bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)

< Efesliler 3 >