< Höga Visan 1 >

1 Sångernas sång av Salomo.
Weedduu Weeddotaa Solomoon.
2 Kyssar give han mig, kyssar av sin mun! Ty din kärlek är mer ljuv än vin.
Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu; jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.
3 Ljuv är doften av dina salvor, ja, en utgjuten salva är ditt namn; fördenskull hava tärnorna dig kär.
Urgaan shittoo keetii namatti tola; maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti. Kanaafuu dubarran si jaallatu!
4 Drag mig med dig! Med hast vilja vi följa dig. Ja, konungen har fört mig in i sina gemak; Vi vilja fröjdas och vara glada över dig, vi vilja prisa din kärlek högre än vin; med rätta har man dig kär. ----
Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa! Mootichi diinqa isaatti ol na galfate. Michoota Nu sitti gammannee ililchina; jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna. Ishee Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha!
5 Svart är jag, dock är jag täck, I Jerusalems döttrar, lik Kedars hyddor, lik Salomos tält.
Intallan Yerusaalem, ani akkuma dunkaana Qeedaar, akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha; garuu bareedduu dha.
6 Sen icke därpå att jag är så svart, att solen har bränt mig så. Min moders söner blevo vreda på mig och satte mig till vingårdsvakterska; min egen vingård kunde jag icke vakta.
Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin; aduutu na gurraachesseetii. Ilmaan haadha koo natti aaranii akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan; ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne.
7 "Säg mig, du som min själ har kär: Var för du din hjord i bet? Var låter du den vila om middagen? Må jag slippa att gå lik en vilsekommen kvinna vid dina vänners hjordar."
Yaa isa ani si jaalladhu, iddoo bushaayee kee tikfattuu fi iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi. Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa?
8 "Om du icke vet det, du skönaste bland kvinnor, så gå blott åstad i hjordens spår, och för dina killingar i bet vid herdarnas tält." ----
Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu, ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi; ilmoolee reʼoota keetiis dunkaana tiksootaa bira tikfadhu.
9 "Vid ett sto i Faraos spann förliknar jag dig, min älskade.
Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala.
10 Dina kinder äro så täcka med sina kedjehängen, din hals med sina pärlerader.
Maddiin kee amartii gurraatiin, mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera.
11 Kedjehängen av guld vilja vi skaffa åt dig med silverkulor på."
Nu warqee gurraa meetiidhaan wal make siif tolchina.
12 "Medan konungen håller sin fest, sprider min nardus sin doft.
Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu shittoon koo urgaa isaa kenne.
13 Min vän är för mig ett myrragömme, som jag bär i min barm.
Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti; inni guntuta koo gidduu boqota.
14 Min vän är för mig en klase cyperblommor från En-Gedis vingårdar."
Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha.
15 "Vad du är skön, min älskade! Vad du är skön! Dina ögon äro duvor."
Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda! Dinqii akkam bareedda! Iji kee gugee fakkaata.
16 "Vad du är skön, min vän! Ja, ljuvlig är du, och grönskande är vårt viloläger.
Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii akkam namatti tolta! Margi lalisaan siree keenya.
17 Bjälkarna i vår boning äro cedrar, och cypresser vår väggpanel."
Dareersumaan mana keenyaa birbirsa; dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.

< Höga Visan 1 >