< Isaya 1 >

1 Maono ya Isaya mtoto wa Amozi ambayo aliyaona kuhusu Yuda na Yerusalemu katika vipindi vya utawala wa Uzia, Yothamu, Ahazi, na Hezekia, wafalme wa Yuda.
Mulʼata Isaayyaas ilmi Amoos bara bulchiinsa Uziyaan, bara Yootaam, bara Aahaazii fi bara Hisqiyaas keessa waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge.
2 Sikia enyi mbingu, tega sikio ewe nchi; kwa kuwa Yahwe amesema: ''Nimewatunza na kuwalea watoto, lakini wamenigeuka.
Yaa Samiiwwan dhagaʼaa! Yaa lafa dhaggeeffadhu! Waaqayyo akkana jedhee dubbateeraatii: “Ani ijoollee horadheen guddifadhe; isaan garuu natti fincilaniiru.
3 Ng'ombe anamjua anayemmiliki na punda anajua sehemu anapowekewa chakula, lakini Israeli hawajui, wala hawafahamu.''
Qotiyyoon gooftaa isaa, harreenis gola gooftaa isaa ni beeka; Israaʼel garuu hin beeku; sabni koo hin hubatu.”
4 Ole! Taifa, wenye zambi, mtu muovu, watoto wa wenye zambi, watoto wanaoenda kinyume, Wamemtelekeza Yahwe, wamedharau aliye Mtakatifu wa Israeli, wamejitenga wenyew kutoka kwake.
Yaa saba cubbamaa, uummata balleessaan itti baayʼate, ilmaan warra waan hamaa hojjetuu, ijoollee xuraaʼummaadhaan guutamte isiniif wayyoo! Isaan Waaqayyoon dhiisaniiru; Qulqullicha Israaʼel sana tuffatanii dugda isaanii itti garagalfataniiru.
5 Kwa nini ulikuwa unaendelea kupigwa? Kwa nini unazidi kuasi zaudi na zaidi? Kichwa chote kinauma, moyo wote ni dhaifu.
Isin siʼachi maaliif rukutamtu? Maaliif fincila keessa jiraatu? Mataan keessan guutuun miidhameera; garaan keessan guutuunis dadhabeera.
6 Kutoka kwenye unyayo wa mguu mpaka kichwani kila sehemu ina maumivu; ni madonda na majeraha mabichi yaliyoachwa wazi, ambayo hayajafungwa, kuasifishwa, kuwafunga vidonda vyao, wala kuwaponya kwa mafuta.
Faana miilla keessaniitii hamma gubbee mataa keessaniitti, fayyaa hin qabdan; madaa fi dirmammuun, madaan dhiigu, kan hin qulqulloofne yookaan hin maramne yookaan zayitiidhaan hin laafne.
7 Nchi yenu imeharibiwa; miji yenu imechomwa moto; mashamba yenu— mbele, wageni wamehiaribu; wamepatelekeza katika uharibifu, ulioangushwa na wageni
Biyyi keessan duwwaa hafteerti; magaalaawwan keessan ibiddaan gubamaniiru; alagoonni fuuluma keessan duratti lafa qotiisaa keessan saamu; akkuma waan ormi ishee saameettis onti.
8 Binti Sayuni ameacha kama kibanda katika shamba la mzabu, kama kivuli kitika shamba la matango, kama mji unaomba.
Intalli Xiyoon akkuma daʼannoo iddoo dhaabaa wayinii keessaatti, akkuma daasii lafa qotiisa buqqee keessaatti, akkuma magaalaa marfame tokkootti dhiifamti.
9 Kama Yahwe wa majeshi hakutuasha kwa mda mfupi tungekuwa kama Sodoma, tungekuwa kama Gomora.
Utuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu hambaa muraasa nuuf hambisuu baatee, nu silaa akkuma Sodoom taanee, Gomoraas fakkaanna turre.
10 Sikiliza neno la Yahwe, enyi viongozi wa Sodomu; sikilizeni sheria ya Mungu wetu, enyi watu wa Gomora:
Yaa bulchitoota Sodoom dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa; yaa saba Gomoraa, Seera Waaqa keenyaa dhaggeeffadhaa!
11 ''Sadaka zenu ni nyingi kiasi gani kwangu?'' asema Yahwe. ''Nimesikia vya kutosha kuhusu sadaka yenu ya mwana kondoo, na mnyama alionona; na damu ya ng'ombe, ndama, au mbuzi si vifurahii.
Waaqayyo akkana jedha; “Baayʼinni aarsaa keessanii anaaf maali?” Ani aarsaa gubamu kan korbeeyyii hoolaatii fi horii gabbifamanii baayʼeen qaba; ani dhiiga korommii looniitti, kan xobbaallaawwan hoolaattii fi reʼeetti hin gammadu.
12 Ulipokuja kuonekaa mbele yangu, Ni nani aliyehitaji hili juu yako, kukanyaga katika mahama yangu
Isin yommuu fuula koo duratti mulʼachuuf dhuftan, akka oobdii koo dhidhiittan eenyutu isin irraa barbaade?
13 Msilete tena sadaka zisizo na maana; maana zinaniongezea uchafu mmekusanyika katika siku yenu mpya ya mwenzi na sabato—Mimi siwezi vumlia mikusanyio hii ya waovu.
Kennaa faayidaa hin qabne fiduu dhiisaa! Ixaanni keessan na jibbisiisa. Ayyaana Baatii, Sanbataa fi yaaʼii keessan jechuunis wal gaʼii keessan hamaa sana ani hin fedhu.
14 Ninaichukia sherehe yenu mpya ya mwenzi na sherehe zilizoteuliwa; ni mzigo kwangu; nimechoka kuubeba.
Ayyaana Baatii keessanii fi ayyaanota keessan bebbeekamoo lubbuun koo ni jibbiti. Isaan baʼaa natti taʼaniiru; anis obsuu dadhabeera.
15 Hivyo basi mnapotawanya mikono yenu kitkika maombi, sitawangalia hata kama mkiomba sana, sitawasikiliza; mikono yenu imejaa damu.
Yeroo isin kadhannaaf harka keessan balʼifattan, ani ija koo isinan dhokfadha; yoo isin kadhaa baayʼee kadhattan illee ani hin dhaggeeffadhu. Harki keessan dhiigaan guutameera!
16 Jiosheni, jitakaseni wenyewe; ondoeni matendo maovu mbele ya macho yangu; acheni kutenda dhambi;
Dhiqadhaatii of qulqulleessaa. Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa! Yakka hojjechuus dhiisaa;
17 jifunze kutenda mema; tafuta ukweli; msiwanyanyase, wapeni haki yatima, walindeni wajane.''
waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.
18 Njooni sasa, njooni tusemezane, asema Yahwe, japokuwa dhambi zenu ni nyekundu kama bendera zitakuwa nyeupe kama theluji; japokuwa ni myekundu kama damu zitakuwa kama sufi.
Waaqayyo akkana jedha; “Kottaa wal qorraa; cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, inni addaatee akka cabbii ni taʼa; yoo akka alalaa diimate iyyuu, akka suufii ni addaata.
19 Kama utakubali na kutii, utakula mema ya nchi,
Isin yoo fedhii qabaattanii ajajamtan, waan lafti baaftu filatamaa ni nyaattu;
20 lakini ukikataa na kugeuka, upanga utakuangamiza, maama Yahwe amesema.
garuu yoo diddanii finciltan goraadeetu isin nyaata.” Afaan Waaqayyoo waan kana dubbateeraatii.
21 Ni kwa jinsi gani mji ulioaminika umekuwa kahaba! ulikuwa ni mij wenye usawa na haki, lakini sasa mji umejaa mauwaji.
Akka magaalaan amanamtuun sun sagaagaltuu taate ilaalaa! Isheen dur murtii qajeelaadhaan guutamtee qajeelummaan ishee keessa jiraata ture; amma immoo namoota nama ajjeesantu ishee keessa jiraata!
22 Fedha zenu zimechafuka, na mvinyo wenu umechanganjwa na maji.
Meetiin kee ligidaaʼeera; daadhiin wayinii kee filatamaan bishaaniin makameera.
23 Viongozi wenu wamemgeuka Mungu wamekuwa marafiki wa wezi; yeyote anayopenda rushwa na kuikimbilia. Hawawajali yatima, wala wajane wanaokuja kuwanyenyekea mbele yao.
Bulchitoonni kee finciltoota; michuu hattuuwwanii ti; isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu; kennaas akka malee barbaadu. Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman; himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan.
24 Hivyo basi hili ndilo tamko la Bwana, Yahwe wa majeshi, Shujaa wa Israeli: Ole wao! nitachukua hatua kwa wale walio kinyume na mimi na niwaadhibu wale wanaonipinga;
Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Jabaan Israaʼel sun akkana jedha: “Ani amajaajota koo irraa boqonnaa nan argadha; diinota koos haaloo nan baafadha.
25 Nitaugeuza mkono wangu juu yako, nitatakasa chuma kilicho chakaa na kuondoa kutu yote.
Ani harka koo sitti nan deebisa; ligidaaʼummaa kees akka malutti sirraa nan haqa; xurii kee hundas sirraa nan balleessa.
26 Nitailinda hukumu yako kama ilivyokuwa mwanzo, na washauri wako kama ilivyokuwa hapo mwanzo; baada ya hapo mtaitwa mji wa haki, mji wa imani.''
Ani akkuma bara durii abbootii murtii iddootti, akkuma jalqabaatti gorsitoota kee illee siifin deebisa. Ergasii ati magaalaa qajeelummaa, magaalaa amanamtuu jedhamtee ni waamamta.”
27 Sayuni itakombolewa kwa haki, na wanaotubu kwa haki.
Xiyoon murtii qajeelaadhaan, qalbii jijjiirrattoonni ishee immoo qajeelummaadhaan furamu.
28 Waasi na wenye dhambi wataangamizwa pamoja, na wale wataenda kinyume na Yahwe watauliwa.
Finciltoonnii fi cubbamoonni garuu ni caccabu; warri Waaqayyoon dhiisanis ni badu.
29 Kwakukuwa utaona aibu juu ya miti ya mialoni uliyoitamani, na utakuwa na hofu juu ya bustani uliyoichagua.
“Isin sababii muka qilxuu itti gammaddan sanaatiif ni qaanoftu; sababii iddoo biqiltuu filattan sanaatiif immoo ni salphattu.
30 Kwa kukuwa utakuwa kama mualoni ambao majani yake yamenyauka, na kama bustani isiyokuwa na maji.
Isin akka qilxuu baalli irraa harcaʼee, akka iddoo biqiltuu bishaan hin qabnee ni taatu.
31 Mtu mwenye nguvu atakuwa kama kitu kikavu, na kazi yake itakuwa kama cheche; zitawaka moto kwa pamoja, na hakuna hata mmoja ataweza kuuzima''.
Namni jabaan akkuma huubaa, hojiin isaas akkuma qaanqee taʼa; isaan lachuu walumaan gubatu; namni ibidda sana dhaamsus hin jiru.”

< Isaya 1 >