< Hagai 1 >

1 Katika mwaka wa pili wa mfalme Dario, katika mwezi wa sita, siku ya kwanza ya mwezi, neno la Bwana likaja kwa kwa mkono wa nabii Haghai kwenda kwa gavana wa Yuda, Zerubabeli mwana wa Sheatieli na kuhani mkuu Joshua mwana wa Yehozadaki, kusema,
Bara bulchiinsa Daariyoos Mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jaʼaffaatti, dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin gara ilma Sheʼaltiiʼeel gara Zarubaabel bulchaa Yihuudaatii fi gara Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa akkana jedhee dhufe:
2 “Bwana wa Majeshi asema: 'Hawa watu husema, “Si wakati wetu kuja au kujenga nyumba ya Jehova."””
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun, ‘Yeroon itti manni Waaqayyoo ijaaramu amma illee hin geenye’ jedha.”
3 Tena neno la Bwana lilikuja kwa mkono wa nabii Haghai kusema,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin akkana jedhee dhufe:
4 “Je ni wakati kwenu wenyewe kuishi katika nyumba zilizokamilika, na wakati nyumba hii inaharibika?
“Yeroon kun yeroo isin utuu manni kun diigamee jiruu manneen keessan kanneen miidhagfaman keessa jiraattaniidhaa?”
5 Kwa hiyo sasa Bwana wa Majeshi asema hivi: 'zitafakarini njia zenu!
Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaada keessan karaa keessan irra kaaʼadhaa.
6 Mmepanda mbengu nyingi, lakini mkaleta mavuno kidogo; mnakula lakini hamshibi, mnakunywa lakini hamkujazwa na vinywaji. Mnavaa nguo lakini hampati joto wenyewe, na mtu wa mshahara hupata pesa na kuweka kwenye mfuko wenye mashimo tu!'
Isin sanyii baayʼee facaafattanii waan xinnoo haammattaniirtu. Isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. Ni dhugdu; garuu dheebuu hin baatan. Wayyaa ni uffattu; garuu isinitti hin hoʼu. Namni mindaa fudhatu akkuma nama mindaa isaa korojoo tarsaʼaa keessa kaaʼatuu ti.”
7 Bwana wa Majeshi asema haya:
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Karaa keessan hubadhaa.
8 'Zitafakarini njia zetu! Pandeni milimani, mkalete mbao, na mjenge nyumba yangu; na pia nitakuwa radhi na nitatukuzwa!' Asema Bwana.
Tulluutti ol baʼaa; muka fidaa; manicha ijaaraa; anis isatti nan gammada; nan kabajamas” jedha Waaqayyo.
9 'Mmetazamia kupata vingi, lakini tazama! ulileta nyumbani vichache, nitavitowesha mbali! kwa nini?'- Hivi ndivyo anatamka Bwana wa Majeshi! kwa sababu nyumba yangu inakaa kwenye uharibifu, lakini kila mtu yuko radhi kwenye nyumba yake.
“Isin waan baayʼee abdattan; garuu ni xinnaate. Isin manatti galfattan ani immoo nan afuufe. Kun maaliif taʼee?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Kun sababii utuu manni koo diigamee jiruu tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti fiigdaniif.
10 Kwa sababu hii mbingu zimeshikiwa zisitoe umande kutoka kwako, na ardhi imeshikilia haizalishi.
Kanaafuu sababii keessaniif samiiwwan fixeensa isaanii dhowwatan; laftis midhaan ishee dhowwatte.
11 Nimekuita kutoka juu ya ardhi na juu ya milima, juu ya nafaka na juu ya mzabibu mpya, juu ya mafuta na juu ya mavuno ya ardhi, juu ya watu na juu ya wanyama, na juu ya kazi zote za mikono yako.
Anis lafa qotiisaa fi tulluuwwaniitti, midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, zayitii fi waan lafti kennitu hundatti, namaa fi loonitti, hojii dadhabbii harka keessaniittis hongee waameera.”
12 Kisha Zerubabeli mwana wa Shelitieli, na kuhani mkuu Yoshua mwana wa Yehozadaki, pamoja na mabaki ya watu, wakati sauti ya Bwana Mungu wao, na maneno ya Nabii Hagai, kwa sababu Bwana Mungu wao alikuwa amemtuma. Na watu wakaogopa uso wa Bwana.
Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Iyyaasuun ilmi Yehoozaadaaq lubichi ol aanaanii fi hambaawwan uummataa hundi sagalee Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi ergaa Haagee raajichaatiif ajajaman; Waaqayyo Waaqni isaanii isa ergeeraatii. Uummannis Waaqayyoon sodaate.
13 Ndipo Hagai, mjumbe wa Bwana, akaongea ujumbe wa Bwana kwa watu na kusema,”'Niko pamoja na wewe!'- Hili ni tamko la Bwana.
Ergasii Haageen ergamaan Waaqayyoo sun akkana jedhee ergaa Waaqayyoo kana sabatti hime: “Ani isin wajjinan jira” jedha Waaqayyo.
14 Bwana alitibua roho ya mkuu wa mkoa wa Yudah, Zerubabeli mwana wa Sheltieli, na roho ya kuhani mkuu Joshua mwana wa Yehozadaki, na roho ya masalia ya watu, kwa kiasi kwamba wakaenda kufanya kazi katika nyumba ya Bwana Mungu wa majeshi, Mungu wao.
Akkasiin Waaqayyo hafuura Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaa, hafuura Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaatii fi hafuura hambaa uummata hundaa kakaase. Isaanis dhufanii mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, mana Waaqa isaanii ijaaruu jalqaban;
15 katika siku ya ishirini na Mwezi wa sita, katika mwaka wa pili wa utawala wa Mfalme Dario.
kunis bara Daariyoos mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, bultii digdamii afuraffaa jiʼa jaʼaffaatti taʼe.

< Hagai 1 >