< Ezekieli 31 >

1 Kisha ikawa katika mwaka wa kumi na moja, katika mwezi wa tatu, siku ya kwanza ya mwezi, lile neno la Yahwe likanijia, kusema,
Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sadaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Mwanadamu, mwambie Farao, mfalme wa Misri, na watu wake wanaomzunguka, 'Katika ukuu wako, je! wewe ni kama nani?
“Yaa ilma namaa, Faraʼoon mooticha Gibxii fi tuuta namoota isaatiin akkana jedhi: “‘Surraadhaan eenyutu siin qixxaata?
3 Tazama! Ashuru ilikuwa mwerezi katika Lebanoni pamoja na matawi mazuri, yakitoa kivuli kwenye msitu, na mirefu katika kimo, na matawi yalitengeneza kilele cha mti wake.
Kunoo Asoor akka birbirsa Libaanoon kan dameewwan mimmiidhagoo qabuu fi bosonaaf gaaddisa taʼee akka malee ol dheeraa fi kan fiixeen isaa duumessa tuqe ture.
4 Maji mengi yaliufanya kuwa mrefu; maji ya chini yaliufanya kuwa mkuba. Mito ilitiririka sehemu zake zote, kwa kuwa mifereji yake ilitoa kuelekea kwenye miti yote katika shamba.
Bishaan isa biqilche; burqaawwan gad fagoon immoo isa guddise; lageen isaanii hidda isaa hunda marsanii yaaʼanii bishaan isaanii gara mukkeen bosonaa hundaatti ergu.
5 Kimo chake kikubwa kilikuwa zaidi kuliko miti mingine yote katika shamba, na matawi yake yakawa mengi; matawi yake yalikuwa marefu kwa sababu ya maji mengi yalipokuwa yakikua.
Kanaafuu inni mukkeen bosonaa hundaan olitti akka malee ol dheerate; lataan isaa ni baayʼate; dameen isaas ni guddate; inni bishaan baayʼee argatee babalʼateeraatii.
6 Kila ndege wa mbinguni alitengeza kiota kwenye matawi yake, wakati kila kiumbe hai cha shamba kilizaa mtoto chini ya tawi. Mataifa mengi yote yaliishi chini ya kivuli chake.
Simbirroonni samii hundi damee isaa irratti manʼee ijaarratan; bineensonni dirree hundi damee isaa jalatti dhalan; saboonni gurguddaan hundinuus, gaaddisa isaa jala jiraatan.
7 Kwa kuwa ulikuwa uzuri katika ukuu wake na kimo cha matawi yake, kwa kuwa mizizi yake ilikuwa katika maji mengi.
Inni sababii hidda isaa gara bishaan baayʼeetti gad fageeffateef, dameewwan isaa kanneen babalʼatan wajjin akka malee miidhagaa ture.
8 Mierezi katika bustani ya Mungu haikuweza kuwa sawa nayo. Hakuna miongoni mwa miti ya mivinje iliyofanana matawi yake, na miti ya miamori haikuweza kuwa sawa na majani yake. Hapakuwa na mti mwingine katika bustani ya Mungu ulikuwa kama huo katika uzuri wake.
Gaattiraawwan iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran isa gituu hin dandeenye; yookaan mukkeen birbirsaa dameewwan isaatiin hin qixxaatan; mukni waddeessaas dameewwan isaatiin hin qixxaatu; mukni iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiru tokko iyyuu miidhagina isaatiin wal bira hin qabamu.
9 Nimeufanya kuwa mzuri pamoja na matawi yake mengi na miti yote ya Edeni iliyokuwa katika bustani ya Mungu ilimwonea wivu.
Ani dameewwan baayʼeedhaan isa nan miidhagse; mukkeen Eeden kanneen iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran hundi isatti hinaafan.
10 Kwa hiyo Bwana Yahwe asema hivi: Kwa sababu ilikuwa mirefu kwa kina, na imekiweka kilele chake kati ya matawi yake, moyo wake umeinua kwa sababu ya urefu wake.
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii inni ol dheeratee fiixeen isaa duumessa tuqee inni dheerina isaatiin of tuuleef,
11 Nimeuweka kwenye mikono ya yeye mwenye uweza wa mataifa, kuishughulikia kulingana na yale maovu anayostahili. Nimeufukuza.
akka inni waan hammina isaatiif malu isaaf kennuuf, ani dabarseen bulchaa sabootaatti isa kenne. Darbadhees isa nan gate;
12 Wageni waliokuwa wakiogofya wa mataifa yote wameikatilia mbali kuiacha ife. Matawi yake yameanguka kwenye milima na mabonde yote, na matawi yake yameanguka katika mito yote ya nchi. Kisha mataifa yote juu ya nchi wakatoka nje kutoka chini ya kivuli na kwenda zao wakamwacha.
alagoonni akka malee hamoonis cicciranii isa gatan. Lataawwan isaa gaarran irraa fi sululawwan keessatti harcaʼa; dameewwan isaa immoo cicciramanii boʼoowwan bishaanii hunda keessa buʼan. Saboonni lafaa hundi gaaddisa isaa jalaa baʼanii isa dhiisanii deeman.
13 Ndege wa agani watapumzika kwenye shina la mti ulioanguka, na kila mnyama wa shambani atakuja kwenye matawi yake.
Simbirroonni samii hundi muka jige sana irra qubatan; bineensonni dirree hundinuus dameewwan isaa gidduu turan.
14 Hii litokea ili kwamba pasiwe na miti mingine itakayopandwa karibu na maji yatang'oa majani yake hata kwenye kina cha miti mirefu, na kwamba hakuna miti mingine itakayomea karibu na maji itakayofikia kwenye hicho kina. Wote wametolewa kufa, chini ya nchi, miongoni mwa watoto wa binadamu, pamoja na wale washukao chini.
Kanaafuu mukni bishaan bira jiru kam iyyuu akka malee hin guddatu yookaan fiixeen isaa duumessa hin tuqu. Mukni akkasitti bishaan quufe kam iyyuu akkas ol dheeratee hin beeku. Isaan hundi warra duʼanii boolla qileetti gad buʼan wajjin akka duʼan itti murteeffameera.
15 Bwana Yahwe asema hivi: Katika siku wakati mkangazi uliposhuka chini nilileta maombolezo kwenye dunia. Niliyafunika maji ya chini juu yake, nikayarudisha maji ya bahari. Nilizuia maji makuu, nikaleta maombolezo hata Lebanoni kwa ajili yake. Hivyo miti yote ya shambani ikaomboleza kwa sababu yake. (Sheol h7585)
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhe: Guyyaa inni awwaalametti ani isaaf jedhee burqaawwan gad fagoo gaddaan nan guute; lageen isaa nan ittise; bishaan isaa guddichis yaaʼuu dhiise. Sababii isaatiif ani Libaanoonitti dukkana nan uffise; mukkeen dirree hundis ni gogan. (Sheol h7585)
16 Nimeleta tetemeko kwa mataifa wa sauti ya kuanguka kwake, wakati nitakapomtupa chini mpaka kuzimu pamoja na wale walioenda chini kwenye shimo. Hivyo niliitia moyo miti ya Edeni yote katika pande zote za nchi. Hii ilikuwa imechaguliwa na miti iliyokuwa bora ya Lenanoni; miti iliyokunywa maji. (Sheol h7585)
Yommuu ani warra boolla buʼan sanatti dabalee awwaala keessa isa buusutti sagalee kufaatii isaatiin ani saboota nan hollachiisa. Ergasiis mukkeen Eeden kanneen Libaanoon keessaa filatamoo fi kan addaa taʼan hundi, mukkeen akka gaarii bishaan obaafaman hundi boolla keessatti jajjabeeffaman. (Sheol h7585)
17 Kwa kuwa walikwenda chini pia pamoja nayo hata kuzimu, kwa wale waliokuwa wameuawa kwa upanga. Kulikuwa na jeshi lake imara, yale mataifa yalikuwa yakiishi kati kivuli chake. (Sheol h7585)
Warri gaaddisa isaa jala jiraatan kanneen saboota gidduudhaa isaaf tumsan, warra goraadeedhaan ajjeefamanitti makamuuf isa wajjin awwaala keessa buʼan. (Sheol h7585)
18 Umefanana na nani hivi katika utukufu na ukuu kati ya mti wa Edeni? Kwa kuwa utashushwa chini pamoja na miti ya Edeni hata pande zote nne za dunia miongoni mwa wasiotahiriwa; utaishi pamoja na watu wake wote-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavy.”
“‘Mukkeen Eeden keessaa kan ulfinaa fi surraadhaan siin qixxaatu kami? Taʼu iyyuu mukkeen Eeden wajjin boolla buuta; ati warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin, namoota dhagna hin qabatin gidduu ciifta. “‘Kun Faraʼoonii fi waldaa uummata isaa hunda, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”

< Ezekieli 31 >