< Torati 29 >

1 Haya ni maneno ambayo Yahwe alimuamuru Musa kuwaambia watu wa Israeli katika nchi ya Moabu, maneno ambayo yaliongezwa katika agano alilolifanya pamoja nao kule Horebu.
Dubbiin kakuu kan Waaqayyo kakuu Kooreebitti isaan wajjin gale sana irratti dabalee akka inni Moʼaab keessatti Israaʼeloota wajjin galuuf Musee ajaje kanaa dha.
2 Musa aliwaita Waisraeli wote na kuwaambia, “Mmeona kila kitu ambacho Yahwe alifanya mbele ya macho yenu katika nchi ya Misri kwa Farao, kwa watumishi wake wote, na kwa nchi yake yote –
Museen Israaʼeloota hunda walitti waamee akkana jedheen: Waan Waaqayyo Gibxi keessatti Faraʼoon irratti, qondaaltota isaa hundaa fi guutummaa biyya isaa irratti hojjete hunda iji keessan argeera.
3 mateso makubwa ambayo macho yenu yaliona, ishara, pamoja na ile miujiza mikubwa.
Isin qorumsawwan gurguddaa sana, mallattoowwanii fi dinqiiwwan gurguddaa sana ijuma keessaniin argitaniirtu.
4 Lakini mpaka leo Yahwe hajawapatia moyo wa kufahamu, macho ya kuona, au masikio ya kusikia.
Waaqayyo garuu hamma harʼaatti qalbii hubatu yookaan ija argitu yookaan gurra dhagaʼu isinii hin kennine.
5 Nimewaongoza kwa miaka arobaini jangwani; mavazi yenu hayakuchakaa juu yenu, na ndala zenu hazikuchakaa miguuni mwenu.
Yeroo waggoota afurtamman ani gammoojjii keessa isin geggeesse sanatti uffanni keessan isin irratti hin dhumne yookaan kopheen miilla keessan irratti hin ciccinne.
6 Hamkula mkate wowote, na wala hamkunywa divai yoyote au kinywaji chochote chenye ulevi, ili kwamba muweze kujua kuwa mimi ni Yahwe Mungu wenu.
Isin buddeena hin nyaanne; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne. Ani akka isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe beektaniifan waan kana godhe.
7 Mlipokuja mahali hapa, Sihoni, mfalme wa Heshboni, na Ogu, mfalme wa Bashani, walikuja dhidi yetu kutupiga, na tukawapiga.
Yommuu isin as geessanitti Sihoon mootiin Heshboonii fi Oogi mootiin Baashaan nu loluuf nutti baʼan; nu garuu isaan moʼanne.
8 Tulichukua ardhi yao na kuwapa kama urithi Wareubeni, kwa Wagadi, na kwa nusu ya kabila ya Manase.
Biyya isaaniis fudhannee gosa Ruubeeniif, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala goonee kennine.
9 Kwa hiyo shikilia maneno ya agano hili na kuyatenda, ili ufanikiwe katika kila kitu ufanyacho.
Isin akka waan hojjettan hundaan milkooftaniif dubbiiwwan kakuu kanaa of eeggannaadhaan duukaa buʼaa.
10 Nyie wote, mnasimama leo, mbele ya Yahwe Mungu wenu; machifu wenu, makabila yenu, wazee wenu, na maafisa wenu – wanaume wote wa Israeli,
Hundi keessan jechuunis qajeelchitoonnii fi hooggantoonni keessan, maanguddoonnii fi qondaaltonni keessan akkasumas namoonni Israaʼel kanneen biraa hundinuu harʼa fuula Waaqayyo Waaqa keessanii dura dhaabattaniirtu;
11 watoto wenu, wake zenu, na wageni ambao wamo miongoni wa kambi yenu, kutoka kwa yule anayekata mbao zenu mpaka kwa yule atekaye maji.
ijoolleen keessanii fi niitonni keessan akkasumas alagoonni muka kee ciraa, bishaan kees waraabaa qubata kee keessa jiraatan si wajjin dhaabataniiru.
12 Mpo hapa ili kwamba muingie katika agano la Yahwe Mungu wenu na katika kiapo ambacho Yahwe Mungu wako anafanya na wewe leo,
Atis kakuu Waaqayyo harʼa si wajjin galee kakaadhaan siif mirkaneessu kana Waaqayyo Waaqa kee wajjin galuuf as dhaabatteerta;
13 ili kwamba awafanye leo kuwa watu wake, na kwamba aweze kuwa Mungu kwa ajili yako, kama alivyonena kwako, na kama alivyoapa kwa mababu zako, kwa Abrahamu, kwa Isaka na kwa Yakobo.
innis akkuma si abdachiisee abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa gale sanatti akka ati saba isaa taatee innis Waaqa kee taʼuuf jabeessee si dhaabuuf waan kana godhe.
14 Kwa maana ninafanya agano hili na kiapo hiki sio na wewe tu –
Anis kakuu kakaadhaan mirkanaaʼe kana isin qofa wajjin utuu hin taʼin,
15 pamoja kila mtu aliyesimama hapa pamoja nasi leo mbele ya Yahwe Mungu wetu – bali na wale ambao hawapo pamoja nasi leo pia.
warra nu wajjin as fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa dura dhaabatan warra harʼa as hin jirre wajjinis nan gala.
16 Unajua jinsi tulivyoishi katika nchi ya Misri, na jinsi tulivyopenya miongoni mwa mataifa ambao uliwapita.
Akka nu itti Gibxi keessa jiraannee fi yommuu as dhufnus akka nu itti biyyoota keessa dabarre isin mataan keessanuu ni beektu.
17 Mmeona sanamu zao zinazokera zilizotengenezwa kwa mbao na mawe, fedha na dhahabu, ambazo zilikuwa miongoni mwenu.
Isinis gidduu isaaniitti fakkiiwwan isaanii jibbisiisoo, waaqota isaanii tolfamoo kanneen muka, dhagaa, meetii fi warqee irraa hojjetaman argitaniirtu.
18 Hakikisha hakuna kati yenu mwanamume, mwanamke, ukoo, au kabila ambaye moyo wake unamuacha Yahwe Mungu wetu leo, ili kwenda na kuabudu miungu ya mataifa hayo. Hakikisha hakuna kati yenu mzizi utakaozaa nyongo na pakanga.
Akka dhiirri yookaan dubartiin balballi yookaan gosti garaan isaa Waaqayyo Waaqa keenya irraa garagalee waaqota saboota sanaa faana buʼe isin gidduu hin jiraanne mirkaneeffadhaa; akka hiddi summii hadhaaʼaa akkasii baasu tokko iyyuu isin gidduu hin jiraanne qulqulleeffadhaa.
19 Wakati mtu huyo anaposikia maneno ya laana hii, atajifariji moyoni mwake na kusema, “Nitakuwa na amani, ingawa natembea katika ukaidi wa moyo wangu”. Hii itaangamiza ubichi pamoja na ukavu.
Namni akkasii yommuu dubbii kakuu kanaa dhagaʼutti, garaa isaatti of eebbisee, “Ani yoon akka fedhii kootti deeme illee nagaa qaba” jedhee yaada. Kun immoo lafa jiidhaa irrattis taʼu lafa goggogaa irratti badiisa fida.
20 Yahwe hatamsamehe, lakini badala yake, hasira ya Yahwe na wivu wake utambanika mtu huyo, na laana zote zilizoandikwa katika kitabu hiki vitakuwa juu yake, na Yahwe ataliondoa jina lake kutoka mbinguni.
Waaqayyo nama sanaaf gonkumaa dhiifama hin godhu; dheekkamsi isaatii fi hinaaffaan isaa namicha sana irratti bobaʼa. Abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame hundi isa qaqqaba; Waaqayyos samii jalaa maqaa isaa ni dhabamsiisa.
21 Yahwe atamuweka kando kwa ajili ya maafa kutoka katika makabila yote ya Israeli, kwa kuzingatia laana zote za agano ambazo zimeandikwa katika kitabu hiki cha sheria.
Akkuma kakuu abaarsa Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffame hundaatti, Waaqayyo gosoota Israaʼel hunda keessaa badiisaaf kophaatti isa baasa.
22 Kizazi kifuatacho, watoto wako watakaoinuka baada yako, na mgeni atakayekuja kutoka nchi ya mbali, watazungumza watakapoona mapigo juu ya nchi hii na magonjwa ambayo Yahwe ameyafanya yawe –
Dhaloonni itti aanu jechuunis ijoolleen keessan warri isiniin duuba dhufan akkasumas keessummoonni biyyoota fagootii dhufan dhaʼicha guddaa biyyattii irra gaʼee fi dhukkuba Waaqayyo ittiin ishee dhaʼe ni argu.
23 na watakapoona kuwa nchi yote imekuwa salfa na chumvi ichomayo, ambapo hakuna kitu kipandwacho au kuzaa matunda, ambapo hapaoti mmea wowote, kama anguko la Sodoma na Gomora, Adma na Seboimu, ambayo Yahwe aliangamiza katika ghadhabu na hasira yake –
Guutummaan biyyattii gammoojjii gubduu kan soogiddaa fi dinyiin guutamte kan wanni tokko iyyuu irra hin dhaabamne, kan wanni tokko iyyuu irratti hin biqille, kan biqiltuun tokko iyyuu irratti hin guddanne taati. Badiisni ishee irra gaʼus akka badiisa Sodoomiitii fi Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiim kanneen Waaqayyo dheekkamsa guddaadhaan isaan barbadeesse sanaa ni taʼa.
24 watasema kwa pamoja na mataifa mengine, “Kwa nini Yahwe amefanya hili katika nchi hii? Joto ya hasira hii kali inamaanisha nini?”
Sabni hundinuu, “Waaqayyo maaliif waan akkasii biyya kanatti fide? Dheekkamsi sodaachisaan bobaʼu kunis maaliif dhufe?” jedhanii gaafatu.
25 Kisha watu watasema, “Ni kwa sababu walitelekeza agano la Yahwe, Mungu wa mababu zao, alilofanya nao alipowatoa kutoka Misri,
Deebiin isaas kana taʼa; “Kun sababii sabni kun kakuu Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii yeroo Gibxii isaan baasetti isaan wajjin gale sana dhiisaniif.
26 na kwa sababu waliondoka na kutumikia miungu mingine na kuzisujudu, miungu ambayo hawakujiua na ambayo hakuwapatia.
Isaanis dhaqanii waaqota biraa, kanneen hin beekiniif waaqota inni isaaniif hin kennin waaqeffatan; gad jedhaniis sagadaniif.
27 Kwa hiyo hasira ya Yahwe imewaka dhidi ya nchi hii, ili kuleta juu yake laana zote zilizoandikwa katika kitabu hiki.
Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo biyya kanatti bobaʼee akka inni abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame hunda itti fidu godhe.
28 Yahwe amewang’oa kutoka nchini kwao kwa hasira, kwa ghadhanu, na kwa ghadhabu kali, na kuwatupa katika nchi nyingine, leo.
Waaqayyos aarii sodaachisaa fi dheekkamsa guddaadhaan biyya isaaniitii isaan buqqise; akkuma amma jiru kanattis biyya biraatti isaan darbate.”
29 Mambo ya siri ni ya Yahwe Mungu wetu pekee; lakini mambo yaliyofichuliwa ni ya kwetu milele pamoja na wazawa wetu, ili tufanye maneno yote ya sheria hii.
Wanti dhoksaan kan Waaqayyo Waaqa keenyaa ti; kan mulʼifame garuu akka nu dubbii seera kanaa hunda eegnuuf bara baraan kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti.

< Torati 29 >