< Књига о Рути 2 >

1 А беше један човек, род мужу Нојеминином, човек богат од породице Елимелехове, коме име беше Воз.
Naaʼomiin balbala Eliimelek keessaa fira dhirsa ishee namicha sooressa Boʼeez jedhamu tokko qabdi turte.
2 И Рута Моавка рече Нојемини: Да идем у поље да пабирчим класје за оним пред ким нађем милост. А она јој рече: Иди, кћери моја.
Ruut Moʼaabittiinis Naaʼomiiniin, “Ani nama fuula isaa duratti fudhatama argadhu duubaan qarmii funaannachuuf gara lafa qotiisaatti achi nan baʼa” jette. Naaʼomiinis, “Yaa intala koo dhaqi” jetteen.
3 И она отиде, и дошавши стаде пабирчити по њиви за жетеоцима: и догоди се, те дође на њиву која припадаше Возу, који беше од породице Елимелехове.
Kanaafuu isheen gara lafa qotiisaa dhaqxee warra midhaan haaman duubaan qarmii funaannachuu jalqabde. Isheen utuma qarmii funaannachaa jirtuu akka lafti qotiisaa isheen keessa jirtu sun kan Boʼeez taʼe hubatte; Boʼeez kunis sanyii Eliimelek ture.
4 И гле, дође Воз из Витлејема, а рече жетеоцима: Господ да је с вама! И они му рекоше: Да те благослови Господ!
Yeruma sanatti Boʼeez Beetlihemii dhufee warra midhaan haamaniin, “Waaqayyo isin wajjin haa taʼu!” jedhee nagaa isaan gaafate. Isaanis deebisanii, “Waaqayyo si haa eebbisu!” jedhaniin.
5 Тада рече Воз слузи свом који беше над жетеоцима: Чија је оно младица?
Boʼeezis dura buʼaa hojjettoota isaatiin, “Intalli kun kan eenyuu ti?” jedhee gaafate.
6 А слуга који беше над жетеоцима одговори му: Моавка је младица која се вратила с Нојемином из земље моавске.
Dura buʼaan sunis akkana jedhee deebise; “Isheen nama Moʼaab; Naaʼomiin wajjin biyya Moʼaabii dhufte.
7 И рече: Да пабирчим, да купим класје између снопова за жетеоцима. И дошавши бави се од јутра до сада; само је мало била код куће.
Isheenis, ‘Maaloo akka ani hojjettoota duubaan bissii gidduudhaan qarmii funaannadhu naa eeyyami’ jette. Isheen yeroo xinnoof gaaddisa jala boqotte malee ganamaa jalqabdee hamma ammaatti jabaattee hojjechaa turte.”
8 Тада Воз рече Рути: Чујеш, кћери моја; немој ићи на другу њиву да пабирчиш, нити одлази одавде, него се држи мојих девојака.
Kana irratti Boʼeez Ruutiin akkana jedhe; “Yaa intala koo na dhagaʼi. Gara lafa qotiisaa biraa dhaqxee qarmii hin funaanin; iddoo kanaas hin deemin. Asuma hojjettoota koo dubarran wajjin turi.
9 Пази на којој њиви они жању, па иди за њима; јер сам заповедио момцима својим да те нико не дира; а кад ожедниш, иди к судовима и пиј шта моје слуге захватају.
Lafa qotiisaa warri dhiiraa keessaa haaman ilaaliitii dubarran duukaa buʼi. Akka isaan siʼi hin tuqne ani warra dhiiraatti himeera. Yeroo dheebottus qodaa bishaanii dhiironni guutan keessaa budduuqsii dhugi.”
10 Тада она паде ничице и поклони се до земље, и рече му: Како нађох милост пред тобом, да ме погледаш кад сам туђинка?
Kana irrattis isheen addaan lafatti gombifamtee, “Ani utuu nama biyya ormaa taʼee jiruu fuula kee duratti surraa argadhee ati na arguun kee kun maaliifi?” jettee isa gaafatte.
11 А Воз одговори и рече јој: Чуо сам ја све што си чинила свекрви својој по смрти мужа свог, и како си оставила оца свог и матер своју и постојбину своју, па си дошла к народу ког ниси знала пре.
Boʼeez immoo akkana jedhee deebiseef; “Waan ati erga dhirsi kee duʼee jalqabee haadha dhirsa keetiitiif goote hundumaa, akka ati itti abbaa kee, haadha keetii fi biyya kee dhiiftee saba kanaan dura hin beekin wajjin jiraachuudhaaf dhuftes dhagaʼeera.
12 Господ да ти плати за дело твоје, и да ти плата буде потпуна од Господа Бога Израиљевог, кад си дошла да се под крилима Његовим склониш.
Waaqayyo waan ati goote hundaaf gatii kee siif haa deebisu. Waaqayyo Waaqni Israaʼel kan ati qoochoo isaa jalatti baqachuudhaaf dhufte sun baayʼisee siif haa deebisu.”
13 А она рече: Нађох милост пред тобом, господару, јер си ме утешио и милостиво проговорио слушкињи својој, ако и нисам као једна од твојих слушкиња.
Isheenis akkana jette; “Yaa gooftaa ko, ani yoo akka hojjettoota kee dubarran keessaa akka ishee tokkootti madaalamuu baadhe illee sababii ati na jajjabeessitee gara laafinaan ana garbittii keetti dubbatteef ani fuula kee duratti surraa argadheera.”
14 А Воз јој рече: Кад буде време јести, дођи овамо и једи хлеба и умочи залогај свој у оцат. И она седе покрај жетелаца, и он јој пружи пржених зрна, и она једе и насити се, и претече јој.
Boʼeezis yeroo laaqanaatti, “As kottu. Buddeenas fudhadhuutii wayinii dhangaggaaʼaatti cuuphadhu” jedheen. Yeroo isheen hojjettoota wajjin teessettis asheetii waadame kenneef. Isheenis nyaattee quuftee xinnoon irraa hafeef.
15 Потом уста да пабирчи. А Воз заповеди момцима својим говорећи: Нека пабирчи и међу сноповима, немојте да је застидите.
Akkuma isheen qarmii funaannachuuf ol kaateenis Boʼeez akkana jedhee hojjettoota isaa ajaje; “Yoo isheen bissii gidduudhaa illee qarmii funaannatte ishee hin rifachiisinaa.
16 Него још навлаш испуштајте руковети и остављајте јој нека купи, и не корите је.
Qooda kanaa bissii keessaa tokko tokko luqqisaatii akka isheen funaannatuuf lafa bubuusaafii malee isheetti hin dheekkaminaa.”
17 И она пабирчи на њиви до вечера, и оврше шта напабирчи, и дође око ефе јечма.
Kanaafuu Ruut hamma galgalaatti lafa qotiisaa keessaa funaannatte. Garbuu funaannatte sanas ni sukkuumatte; innis gara safartuu iifii tokkoo taʼe.
18 И узевши отиде у град, и виде свекрва њена шта је напабирчила; а она извади и даде јој и оно што је претекло пошто се наситила.
Isheenis garbuu sana baadhattee magaalaatti deebite; haati dhirsa ishees wanni isheen funaannatte hammam akka taʼe argite. Akkasumas Ruut waan guyyaa nyaattee quuftee ishee irraa hafe sana gad baaftee kenniteef.
19 И рече јој свекрва: Где си пабирчила данас? И где си радила? Да је благословен који те је погледао! А она каза свекрви својој код кога је радила говорећи: Име је човеку код кога сам данас радила Воз.
Haati dhirsa ishees, “Ati harʼa eessaa funaannatte? Eessa hojjechaa oolte? Namni xiyyeeffannoo kana siif kenne sun haa eebbifamu!” jette. Ergasiis Ruut waaʼee namicha lafa qotiisaa isaa keessaa funaannachaa oolte sanaa haadha dhirsa isheetti himte. Isheenis, “Maqaan namicha ani harʼa bira hojjechaa oole sanaa Boʼeez jedhama” jette.
20 А Нојемина рече снаси својој: Господ да га благослови, кад није укратио милости своје к живима и к мртвима. И рече јој Нојемина: Тај је човек нама род, и један од осветника наших.
Naaʼomiinis, “Waaqayyo inni warra jiraniifis warra duʼaniifis gara laafina gochuu hin dhiifne sun isa haa eebbisu!” jette. Itti dabaluudhaanis, “Inni fira keenya kan dhiʼoo ti; warra nu dhaaluun irra jiru keessaas isa tokkoo dha” isheedhaan jette.
21 А Рута Моавка рече: Још ми је рекао: Држи се моје чељади докле не пожању све моје.
Ergasiis Ruut Moʼaabittiin, “Inni, ‘Hamma isaan midhaan koo hunda walitti qabanii fixanitti iyyuu hojjettoota koo wajjin turi’ naan jedheera” jetteen.
22 А Нојемина рече Рути снаси својој: Добро је, кћери моја, да идеш с његовим девојкама, да те не би дирали на другој њиви.
Naaʼomiinis niitii ilma ishee Ruutiin, “Yaa intala ko, dubarran isaa wajjin ooluun siif gaarii dha; ati yoo gara lafa qotiisaa nama biraa deemte, miidhaan sirra gaʼuu dandaʼaatii” jette.
23 И тако се држаше девојака Возових пабирчећи докле се не сврши жетва јечмена и жетва пшенична; и живљаше код свекрве своје.
Kanaafuu Ruut hamma garbuu fi qamadiin haamamee dhumutti tajaajiltoota Boʼeez dubarran wajjin turte. Haadha dhirsa ishee wajjinis jiraatte.

< Књига о Рути 2 >