< Псалми 84 >

1 Како су мили станови Твоји, Господе над силама!
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!
2 Гине душа моја желећи у дворе Господње; срце моје и тело моје отима се к Богу Живом.
Lubbuun koo oobdiiwwan Waaqayyoo hawwiti; akka malees itti gaggabdi; onneen koo fi foon koo Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.
3 И птица находи кућу, и ластавица гнездо себи где леже птиће своје, код олтара Твојих, Господе над силама, царе мој и Боже мој!
Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, Mootii koo fi Waaqa ko, iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa, girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.
4 Благо онима који живе у дому Твом! Они Те хвале без престанка.
Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha; isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.
5 Благо онима којима је сила у Теби, и којима су у срцу путеви Твоји!
Warri sirraa jabina argatan, kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.
6 Идући долином плачевном, претварају је у изворе, и дажд је одева благословима.
Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti, iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu; bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.
7 Иду збор за збором, јављају се пред Богом на Сиону.
Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti, jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.
8 Господе, Боже над силама! Услиши молитву моју, Боже Јаковљев!
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kadhannaa koo dhagaʼi; yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu.
9 Боже, браничу наш! Сагни се и види лице помазаника свог!
Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali; fuula dibamaa kee sanaas ilaali.
10 Јер је боље један дан у дворима Твојим од хиљаде. Волим бити на прагу дома Божијег него живети у шаторима безбожничким.
Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra, guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya; dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra, eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya.
11 Јер је Господ Бог сунце и штит, Господ даје благодат и славу; онима који ходе у безазлености не ускраћује ниједног добра.
Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
12 Господе над силама! Благо човеку, који се у Те узда!
Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, namni si amanatu eebbifamaa dha.

< Псалми 84 >