< Псалми 110 >

1 Рече Господ Господу мом: Седи мени с десне стране, док положим непријатеље Твоје за подножје ногама Твојим.
Faarfannaa Daawit. Waaqayyo, gooftaa kootiin: “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, karaa mirga koo taaʼi” jedhe.
2 Скиптар силе даје ти Господ са Сиона: владај сред непријатеља својих.
Waaqayyo, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedhee bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga.
3 У дан рата Твог народ је Твој готов у светој красоти. Као роса зори из утробе, таква је у Тебе младост Твоја.
Gaafa ati waraanaaf baatu, loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu. Ati gadameessa ganamaa keessaa, surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta.
4 Господ се заклео, и неће се покајати: ти си свештеник довека по реду Мелхиседековом.
Waaqayyo, “Akka sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera. Inni yaada isaa hin geeddaru.
5 Господ је теби с десне стране. Побиће у дан гнева свог цареве;
Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira; inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa.
6 Судиће народима, напуниће земљу трупова; сатрће главу на земљи широкој.
Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa barbadeessuudhaan sabootatti mura.
7 Из потока ће на путу пити, и зато ће подигнути главу.
Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga; kanaafuu mataa ol qabata.

< Псалми 110 >