< 4 Мојсијева 28 >

1 Још рече Господ Мојсију говорећи:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 Заповеди синовима Израиљевим, и реци им: Приносе моје, хлеб мој, жртве што ми се сажижу за угодни мирис, пазите да ми приносите на време.
“Ajaja kana Israaʼelootaaf kenni; akkanas jedhiin: ‘Aarsaa nyaataa kan ibiddaan anaaf dhiʼeeffamu kan fooliin isaa natti tolu sana yeroo murtaaʼetti naa dhiʼeessuu keessan mirkaneeffadhaa.’
3 Реци им дакле: Ово је жртва огњена што ћете приносити Господу: два јагњета од године здрава, сваки дан на жртву паљеницу без престанка.
Akkana isaaniin jedhi; ‘Aarsaan isin ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessitan isa kana: xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkootii fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan yeroo hunda guyyuma guyyaan dhiʼeeffamu godhaa dhiʼeessaa.
4 Једно јагње принеси ујутру, а друго јагње принеси увече.
Xobbaallaa hoolaa tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi.
5 И десетину ефе белог брашна за дар смешаног с четвртином ина чистог уља.
Kana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi.
6 То је жртва паљеница свагдашња, која би принесена на гори Синајској за мирис угодни, жртва огњена Господу.
Kunis aarsaa yeroo hunda gubamu kan fooliin isaa toluu fi kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu kan Tulluu Siinaa irratti ajajamee dha.
7 И налив њен да буде четврт ина на свако јагње; у светињи приноси налив доброг пића Господу.
Dhibaayyuun tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin dhiʼeeffamus dhugaatii cimaa iinii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko haa taʼu; dhibaayyuu sanas iddoo qulqulluu keessatti Waaqayyoof dhangalaasi.
8 А друго јагње принеси увече; дар као ујутру и налив његов принеси за жртву огњену, за угодни мирис Господу.
Xobbaallaa hoolaa kaan immoo akkuma kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin ganama dhiʼeessite sanaa galgalas dhiʼeessi. Kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan fooliin isaa Waaqayyotti toluu dha.
9 А у суботу два јагњета од године здрава, и две десетине белог брашна смешаног с уљем за дар с наливом његовим.
“‘Guyyaa Sanbataa xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi hirʼina hin qabne aarsaa dhibaayyuutii fi kennaa midhaanii akkasumas kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame wajjin dhiʼeessi.
10 То је суботна жртва паљеница сваке суботе, осим свагдашње жртве паљенице и налива њеног.
Kunis aarsaa gubamu kan aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee Sanbata Sanbataan dhiʼeeffamuu dha.
11 И у почетак месеца својих приносите Господу жртву паљеницу, по два телета и једног овна и седам јагањаца од године здравих;
“‘Jalqaba jiʼoota keessanii hundatti jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii Waaqayyoof dhiʼeessaa.
12 И три десетине белог брашна помешаног с уљем за дар на свако теле, и две десетине белог брашна помешаног с уљем за дар на овна;
Tokkoo tokkoo jiboota loonii wajjin kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba;
13 И по једну десетину белог брашна помешаног с уљем за дар на свако јагње; то је жртва паљеница на угодни мирис, жртва огњена Господу.
tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu fi fooliin isaa toluu dha.
14 А налив њихов да буде вина по ина на теле, трећина ина на овна, и четврт ина на јагње. То је жртва паљеница у почетак месеца, сваког месеца у години.
Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjin dhibaayyuu daadhii wayinii iinii tokkoo irraa walakkaa isaa, tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin iinii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko, korbeessa hoolaa sana wajjinis iinii tokko irraa harka afur keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu. Kunis aarsaa gubamu kan waggaa keessatti baatii haaraatti dhiʼeeffamuu dha.
15 И јарца једног за грех, осим свагдашње жртве паљенице, приносите Господу с наливом његовим.
Akkasumas aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko Waaqayyoof dhiʼeessaa; innis aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee dhiʼeeffama.
16 А првог месеца четрнаести дан да је пасха Господу;
“‘Bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaan Waaqayyoo ayyaaneffamuu qaba.
17 А петнаести дан тог месеца празник: седам дана једите пресне хлебове.
Bultii kudha shanaffaa jiʼa kanaatti ayyaanatu jira; isinis guyyaa torba Maxinoo nyaattu.
18 Први дан нека је сабор свети; никакав посао ропски не радите.
Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
19 Него принесите Господу жртву паљеницу, два телета и једног овна и седам јагањаца од године, све да вам је здраво;
Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessaa.
20 А дар уз њих белог брашна помешаног с уљем три десетине уза свако теле и две десетине уз овна принесите.
Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
21 По једну десетину принесите уза свако јагње од оних седам јагањаца;
xobbaallaawwan hoolaa torban wajjin tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaatiif iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessi.
22 И једног јарца за грех, ради очишћења вашег.
Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessi.
23 То принесите осим јутарње жртве паљенице, која је жртва свагдашња.
Kanas aarsaa gubamu kan yeroo hunda ganama ganama dhiʼeeffamutti dabalaatii dhiʼeessaa.
24 Тако приносите сваки дан за оних седам дана, да буде јело, жртва огњена на угодни мирис Господу, осим свагдашње жртве паљенице и њен налив приносите.
Haaluma kanaan nyaata aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu sana bultii torbaaf guyyuma guyyaan dhiʼeessaa; innis aarsaa gubamuu fi dhibaayyuu isaa kan yeroo hunda dhiʼeeffamutti dabalamee haa dhiʼeeffamu.
25 И седми дан да имате свети сабор; посао ропски ниједан не радите.
Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
26 И на дан првина, кад приносите нов дар Господу после својих недеља, да имате сабор свети, ниједан посао ропски не радите;
“‘Ayyaana Torbanootaa keessa guyyaa ayyaana mataa midhaaniitti yeroo kennaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessitan sana wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
27 Него принесите жртву паљеницу за угодни мирис Господу, два телета, једног овна седам јагањаца од године;
Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
28 И дар уз њих: белог брашна помешаног с уљем по три десетине уз теле, две десетине уз овна,
Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame haa dhiʼeeffamu. Korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama,
29 По једну десетину уза свако јагње од оних седам јагањаца;
Xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu.
30 Једног јарца, ради очишћења вашег.
Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaa dhiʼeessaa.
31 Принесите то, осим свагдашње жртве паљенице и дара њеног; а све нека вам је здраво с наливом својим.
Aarsaawwan kanneen dhibaayyuu isaanii wajjin, aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamuu fi kennaa midhaan isaatti dabalaatii dhiʼeessaa; horiin sunis kan hirʼina hin qabne taʼuu isaanii mirkaneeffadhaa.

< 4 Мојсијева 28 >