< 4 Мојсијева 18 >

1 А Господ рече Арону: Ти и синови твоји и дом оца твог с тобом носите грехе у светињу; ти и синови твоји с тобом носите грехе свештенства свог.
Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ati, ilmaan keetii fi maatiin abbaa keetii si wajjin yakka iddoo qulqulluutti hojjetametti ni gaafatamtu. Yakka lubummaatti hojjetame siʼii fi ilmaan kee qofatu itti gaafatama.
2 И браћу своју, племе Левијево, племе оца свог узми к себи да буду уза те и служе ти; а ти ћеш и синови твоји с тобом служити пред шатором од састанка.
Akka isaan yeroo atii fi ilmaan kee fuula dunkaana dhuga baʼumsaa duratti tajaajiltanitti sitti dabalamanii si gargaaraniif obboloota kee warra gosa Lewwii, warra gosa abbaa keetii sana fidi.
3 Нека добро слушају заповести твоје и раде шта треба у свем шатору; али к судовима од светиње к олтару нека не приступају, да не изгину и они и ви.
Isaanis ajaja kee dhagaʼuudhaan hojiiwwan dunkaana keessaa hunda haa hojjetan; garuu miʼa iddoo qulqulluutti yookaan iddoo aarsaatti dhiʼaachuu hin qaban. Yoo akkas taʼe isaanis, atis ni duutu.
4 Нека буду, дакле, уза те и нека раде све што треба у шатору од састанка у свакој служби у њему; али нико други да не приступи с вама.
Isaanis dunkaana wal gaʼii eeguudhaaf isinitti dabalamuu qabu; hojii dunkaana sanaa hundas haa hojjetan. Namni biraa iddoo isin jirtanitti dhiʼaachuu hin qabu.
5 А ви радите шта треба у светињи и шта треба на олтару, да више не дође гнев на синове Израиљеве.
“Isin akka dheekkamsi ammas Israaʼeloota irra hin buuneef eegumsa iddoo qulqulluutii fi eegumsa iddoo aarsaatti ni gaafatamtu.
6 Јер ево, ја узех браћу вашу Левите између синова Израиљевих, и вама су дани на дар за Господа, да врше службу у шатору од састанка.
Ani mataan koo obboloota keessan Lewwota kennaawwan isinii kennaman godhee saba Israaʼel keessaa filadheera; isaanis akka hojii dunkaana wal gaʼii keessaa hojjetaniif Waaqayyoof kennamanii jiru.
7 А ти и синови твоји с тобом вршите свештеничку службу своју у свему што припада к олтару и шта бива иза завеса, и служите; свештенство даровах вам, зато ко би други приступио, да се погуби.
Garuu hojii iddoo aarsaatii fi hojii golgaa keessaa hunda siʼii fi ilmaan kee qofatu hojjeta. Ani hojii lubummaa kennaa godhee isiniif nan kenna. Namni biraa kan iddoo qulqulluutti dhiʼaatu haa ajjeefamu.”
8 Још рече Господ Арону: Ево, дајем ти и приносе своје што се увис подижу, између свих ствари које посвећују синови Израиљеви дајем их теби ради помазања и синовима твојим законом вечним.
Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ani mataan koo itti gaafatamaa aarsaawwan naa dhiʼeeffamanii si godheera; ani aarsaawwan qulqulluu Israaʼeloonni naaf dhiʼeessan hunda akka isaan bara baraan qoodaa fi gaʼee keessan taʼaniif siʼii fi ilmaan keetiif kenneera.
9 То нека је твоје од ствари посвећених, које се не сажижу; сваки принос њихов између свих дарова њихових и између свих приноса за грех и свих приноса за кривицу, које ми донесу, светиња над светињама да је твоја и синова твојих.
Kunis aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan kanneen ibiddi hin tuqin keessaa qooda kee taʼa. Kennaawwan isaan aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan godhanii naaf fidan jechuunis aarsaawwan midhaanii yookaan aarsaawwan cubbuu yookaan aarsaawwan yakkaa hunda keessaa qoodni sun kan keetii fi kan ilmaan keetii ti.
10 У светињи га једи, све мушкиње нека га једе, света ствар да ти је.
Isas iddoo iddoo hunda caalaa qulqulluu taʼetti nyaadhu; dhiirri hundi haa nyaatu; innis qulqulluu siif haa taʼu.
11 Твоје су, дакле, жртве дарова њихових које се у вис подижу; и сваку жртву синова Израиљевих која се обрће теби дајем и синовима твојим и кћерима твојим с тобом законом вечним; ко је год чист у дому твом, нека једе.
“Wanni kunis kanuma kee ti; aarsaan sochoofamu kan kennaa saba Israaʼel hunda irraa addaan baafame kanuma kee ti. Anis waan kana siʼii fi ilmaan keetii fi intallan kee kanneen si wajjin jiraataniif qooda bara baraa godhee kenneera. Mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa.
12 Најбоље од уља и најбоље од вина и жита, првине које дају Господу, теби дајем.
“Zayitii ejersaa filatamaa hunda, daadhii wayinii filatamaa hundaa fi waan galfatan keessaa mataa midhaanii kan isaan Waaqayyoof dhiʼeessan siif nan kenna.
13 Првине од свега што роди у земљи њиховој, које донесу Господу, твоје нека буду; ко је год чист у дому твом нека једе.
Mataan midhaanii kan isaan waan biyyattii irraa argatan hunda keessaa Waaqayyoof fidan kan kee haa taʼu; mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa.
14 Све заветовано Богу и Израиљу, твоје нека је.
“Israaʼel keessatti wanni qulqulleeffamee Waaqayyoof kenname hundinuu kee ti.
15 Шта год отвара материцу између сваког тела које приносе Господу, и између људи и између стоке, твоје да буде; али првенац човечји нека се откупљује; и првенац нечисте стоке нека се откупљује.
Wanni gadameessa saaqu kam iyyuu namas taʼu horiin Waaqayyoof dhiʼeeffamu hundi kan kee ti. Ati garuu ilma hangafa, horii qulqulluu hin taʼin keessaa immoo korma hangafa furuu qabda.
16 А откуп нека му буде кад буде од месеца дана по твојој цени пет сикала сребра, по сиклу светом; у њему је двадесет гера.
Yeroo umuriin isaanii jiʼa tokko taʼutti akka saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdama ulfaatu sanaatti gatii furii murtaaʼe meetii saqilii shaniin isaan furi.
17 А првенца од краве или првенца од овце или првенца од козе не дај да се откупи; свете су ствари; крвљу њиховом покропи олтар, и сало њихово запали, да буде жртва огњена за мирис угодни Господу.
“Garuu sangaa hangafa, hoolaa hangafaa fi reʼee hangafa hin furin; isaan qulqulluu dha. Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi; cooma isaanii immoo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhiitii gubi.
18 А месо од њих да је твоје, као груди што се обрћу и као плеће десно, да је твоје.
Akkuma handaraafni aarsaa sochoofamuutii fi tafni mirgaa kan kee taʼe sana foon isaaniis kan kee taʼa.
19 Све приносе што се подижу од посвећених ствари, што приносе синови Израиљеви Господу, дајем теби и синовима твојим и кћерима твојим с тобом законом вечним; то ће бити завет осољен, вечан пред Господом теби и семену твом с тобом.
Ani waan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Waaqayyoof dhiʼeessan irraa addaan baafame hunda siif, ilmaan keetii fi intallan keetiif qooda bara baraa godhee nan kenna. Innis fuula Waaqayyoo duratti siʼii fi sanyii keetiif kakuu soogiddaa kan bara baraa ti.”
20 Још рече Господ Арону: У земљи њиховој да немаш наследство, ни дела међу њима да немаш; ја сам део твој и твоје наследство међу синовима Израиљевим.
Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ati biyya isaanii keessatti dhaala tokko illee yookaan qooda tokko illee isaan gidduudhaa hin qabaattu; ani saba Israaʼel keessatti qooda keetii fi dhaala kee ti.
21 А синовима Левијевим ево дајем у наследство све десетке од Израиља за службу њихову што служе у шатору од састанка.
“Kunoo ani kennaa Israaʼel keessa jiru kudhan keessaa tokko hunda waan isaan tajaajila dunkaana wal gaʼii tajaajilaniif dhaala godhee Lewwotaaf kenneera.
22 А синови Израиљеви нека више не приступају к шатору од састанка, да се не огреше и не изгину.
Siʼachi Israaʼeloonni akka cubbuu hin baannee fi akka hin duuneef dunkaana wal gaʼiitti hin dhiʼaatin.
23 Него сами Левити нека служе службу у шатору од састанка, и они нека носе грех свој законом вечним од колена до колена, па да немају наследство међу синовима Израиљевим.
Kan hojii dunkaana wal gaʼii hojjetuu fi kan itti gaafatama yakka achitti hojjetamuu fudhatu Lewwotuma. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin argatan.
24 Јер десетке синова Израиљевих, што ће доносити Господу на жртву што се подиже, дајем Левитима у наследство; тога ради рекох за њих; међу синовима Израиљевим да немају наследство.
Qooda kanaa ani waan Israaʼeloonni kudhan keessaa tokko aarsaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan sana dhaala isaanii godhee Lewwotaaf kenneera. Sababiin ani, ‘Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin qabaatan’ jedhee waaʼee isaanii dubbadheefis kanuma.”
25 Још рече Господ Мојсију говорећи:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
26 Реци Левитима и кажи им: Кад узмете од синова Израиљевих десетак који вам дадох од њих за наследство ваше, онда принесите од њега принос што се подиже Господу, десето од десетог.
“Akkana jedhii Lewwotatti dubbadhu: ‘Yommuu kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan ani dhaala keessan godhee isiniif kenne sana Israaʼeloota irraa fudhatanitti isin kennaa sana harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa Waaqayyoo godhaa dhiʼeessaa.
27 И примиће вам се принос ваш као жито с гумна и као вино из каце.
Aarsaan keessanis akkuma midhaan oobdii irraa yookaan akkuma cuunfaa iddoo ija wayinii itti cuunfanii keessaa baʼeetti isiniif herregama.
28 Тако и ви приносите принос што се подиже Господу од свих десетака својих, које ћете узимати од синова Израиљевих, и дајите од њих принос Господњи Арону свештенику.
Isinis haaluma kanaan kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan Israaʼeloota irraa argatan hunda keessaa Waaqayyoof aarsaa ni dhiʼeessitu; kennaawwan kanneen keessaas waan qooda Waaqayyoo taʼe Aroon lubichaaf kennaa.
29 Од свега што вам се да приносите сваки принос што се подиже Господу, од свега што буде најбоље свети део.
Waan isinii kenname hunda keessaa kutaa waan hunda caalaa gaarii fi qulqulluu taʼe qooda Waaqayyoo godhaatii dhiʼeessaa.’
30 И реци им: Кад принесете најбоље од тога, тада ће се примити Левитима као доходак од гумна и као доходак од каце.
“Lewwotaan akkana jedhi: ‘Yommuu isin kutaa waan hunda caalaa gaarii taʼe dhiʼeessitanitti kutaan sun akka midhaan oobdii irraa yookaan akka cuunfaa iddoo ija wayinii itti cuunfan keessaa baʼeetti isinii herregama.
31 А јести можете то на сваком месту и ви и породице ваше, јер вам је плата за службу вашу у шатору од састанка.
Sababii wanni kun mindaa hojii dunkaana wal gaʼii kan isin hojjettanii taʼeef isinii fi namoonni mana keessan jiraatan waan hafe sana iddoo barbaadan kamitti iyyuu nyaachuu dandeessu.
32 И нећете зато навући на се греха, кад станете приносити шта је најбоље, и нећете оскврнити свете ствари синова Израиљевих, и нећете изгинути.
Qooda isaa kan waan hunda caalu sana dhiʼeessuudhaan isin waan kana keessatti yakka hin qabaattan; yoos isin aarsaa Israaʼelootaa qulqulluu sana hin xureessitan; hin duutanis.’”

< 4 Мојсијева 18 >