< Књига о судијама 3 >

1 А ово су народи које остави Господ да њима куша Израиљ, све оне који не знаху за ратове хананске,
Saboonni Waaqayyo Israaʼeloota waraana Kanaʼaan keessatti deemsifame kam iyyuu irratti hirmaatanii hin beekin hunda qoruuf jedhee idduma isaan turanitti hambise kanneenii dha;
2 Да би барем наслеђе синова Израиљевих знало и разумело шта је рат, барем они који од пре нису знали:
innis akka Israaʼeloonni kanaan dura waraana keessatti hirmaatanii hin beekin muuxannoo argataniif waan kana godhe;
3 Пет кнежевина филистејских, и сви Хананеји и Сидонци и Јевеји, који живљаху на гори Ливану од горе Вал-Ермона до Емата.
kanneen utuu hin baʼin achumatti hafanis: bulchitoota Filisxeemotaa shanan, Kanaʼaanota hunda, Siidoonotaa fi Hiiwota Tulluu Baʼaal Hermoonii jalqabanii hamma balbala Hamaatitti gaarran Libaanoon gubbaa jiraatanii dha.
4 Ти народи осташе да се Израиљ њима куша, да се види хоће ли слушати заповести Господње, које је заповедио оцима њиховим преко Мојсија.
Isaan kunneen warra Israaʼeloonni ajaja Waaqayyoo kan inni karaa Museetiin abbootii isaaniif kennee ture sana eeguu fi eeguu baachuu isaanii ittiin qoramanii ilaalamaniif hambifamanii dha.
5 И живљаху синови Израиљеви усред Хананеја и Хетеја и Амореја и Ферезеја и Јевеја и Јевусеја.
Kanaafuu Israaʼeloonni Kanaʼaanota, Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota gidduu jiraatan.
6 И жењаху се кћерима њиховим и удаваху кћери своје за синове њихове, и служаху боговима њиховим.
Isaanis intallan jaraa fuudhan; intallan ofii isaanii immoo ilmaan isaaniitti heerumsiisan; waaqota isaaniis ni waaqeffatan.
7 И чињаху синови Израиљеви што је зло пред Господом, и заборавише Господа Бога свог и служаху Валима и луговима.
Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; Waaqayyo Waaqa isaanii irraanfatanii Baʼaalii fi Asheeraa waaqeffatan.
8 Зато се разгневи Господ на Израиља, и даде их у руке Хусан-Рисатајиму цару месопотамском; и служаше синови Израиљеви Хусан-Рисатајиму осам година.
Aariin Waaqayyo Israaʼelootatti bobaʼe; kanaafuu mootii Phaadaan Arraam Kuushan-Rishaataayimitti dabarsee isaan gurgure; Israaʼeloonnis waggaa saddeeti isa jalatti bulan.
9 Потом вапише синови Израиљеви ка Господу, и подиже Господ избавитеља синовима Израиљевим да их избави, Готонила сина Кенезовог, млађег брата Халевовог,
Waaqayyo garuu yeroo isaan gara isaatti iyyatanitti nama isaan furu tokko jechuunis obboleessa Kaaleb quxisuu, Otniiʼeel ilma Qenaz sana akka inni isaan furuuf kaaseef.
10 И беше на њему дух Господњи, и суђаше Израиљу; и изиђе на војску, и предаде му Господ у руке Хусан-Рисатајима цара месопотамског; и рука његова надјача Хусан-Рисатајима.
Hafuurri Waaqayyoo isa irra buʼe; kanaafuu inni abbaa murtii Israaʼelootaa taʼee duulaaf baʼe. Waaqayyos Kuushan-Rishaataayim mooticha Phaadaan Arraam sana dabarsee harka Onniiʼelitti kenne; innis isa moʼate.
11 И земља би мирна четрдесет година. Потом умре Готонило син Кенезов.
Kanaafuu biyyi sun hamma Otniiʼeel ilmi Qenaz duʼutti waggaa afurtama nagaa argate.
12 А синови Израиљеви стадоше опет чинити што је зло пред Господом; а Господ укрепи Еглона цара моавског на Израиља, јер чињаху што је зло пред Господом.
Ammas Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; sababii isaan waan hamaa kana hojjetaniif Waaqayyo akka Egloon mootiin Moʼaab harka isaa isaanitti cimsuuf dabarsee isaan kenne.
13 Јер скупи к себи синове Амонове и Амалике, и изашавши поби Израиља, и освојише град палмов.
Innis Amoonotaa fi Amaaleqoota walitti qabatee Israaʼeloota waraane; isaanis Magaalaa Meexxii qabatan.
14 И синови Израиљеви служише Еглону цару моавском осамнаест година.
Israaʼeloonni waggaa kudha saddeet Egloon mootii Moʼaab jalatti bulan.
15 Потом вапише синови Израиљеви ка Господу; и Господ им подиже избавитеља Аода сина Гире сина Венијаминовог, човека који беше левак. И послаше синови Израиљеви по њему дар Еглону цару моавском.
Israaʼeloonni ammas gara Waaqayyootti iyyatan; innis nama isaan furu tokko jechuunis Eehuud nama harka bitaachaa, ilma Geeraa sana gosa Beniyaam keessaa isaanii kaase. Israaʼeloonnis akka inni Egloon mootii Moʼaab sanaaf gibira geessu Naaʼodin ergan.
16 А Аод начини себи мач са обе стране оштар, од лакта у дужину; и припаса га под хаљине своје уз десну бедрицу.
Eehuudis goraadee gama lamaan qara qabu kan meetira walakkaa dheeratu tolfatee uffata isaa jalaan tafa mirgaatti hidhate.
17 И однесе дар Еглону цару моавском; а Еглон беше човек врло дебео.
Gibira sana Egloon mooticha Moʼaab namicha akka malee furdaa ture sanaaf dhiʼeesse.
18 И кад предаде дар, отпусти људе који су носили дар.
Naaʼod erga gibira sana dhiʼeessee booddee namoota baataniifii dhufan geggeesse.
19 Па сам врати се од ликова камених, који беху код Галгала, рече: Имам, царе, неку тајну да ти кажем. А он рече: Ћути! И отидоше од њега сви који стајаху пред њим.
Inni garuu iddoo dhagaan baafamu kan Gilgaal biratti argamu bira gaʼee duubatti deebiʼuudhaan, “Yaa mootii ani waan dhoksaatti sitti himu tokko qaba” jedhe. Mootichis, “Calʼisaa!” jedhe; warri isa bira turan hundinuus isa dhiisanii baʼan.
20 А Аод приступи к њему; а он сеђаше сам у летњој соби; па рече Аод: Реч Божју имам да ти кажем. Тада он уста с престола.
Utuu mootichi kutaa mana isaa iddoo qabbanaaʼaa tokko kophaa isaa taaʼee jiruu Eehuud itti dhiʼaatee, “Ani ergaa Waaqa biraa siif ergame qaba” jedheen. Egloonis teessoo isaa irraa ol kaʼe;
21 А Аод потеже левом руком својом и узе мач од десне бедрице и сатера му га у трбух,
Eehuud harka isaa bitaa diriirsee tafa mirga isaa irraa goraadee luqqifatee garaa mootichaa keessa fullaase.
22 И држак уђе за мачем, и сало се склопи за мачем, те не може извући мача из трбуха; и изиђе нечист.
Qabannoon isaas utuu hin hafin garaa seenee sibiilli isaa duubaan baʼe. Naaʼod goraadicha garaa mootichaa keessaa hin buqqifne; moorris goraadee sana haguugee ture.
23 Потом изиђе Аод из собе, и затвори врата за собом и закључа.
Ergasiis Eehuud Egloonitti balbala cufee karaa borootiin baʼee qajeele.
24 А кад он отиде, дођоше слуге, и погледаше, а то врата од собе закључана, па рекоше: Ваљда иде напоље у клети до летње собе.
Erga Eehuud deemee booddee tajaajiltoonni mootichaa dhufan; balbala kutaa mana ol aanuus akkuma inni cufamee jirutti argan. Isaanis, “Tarii inni mana boolii gad taaʼee jira taʼa” jedhan.
25 И већ им се досади чекати а врата се од собе не отварају, те узеше кључ и отворише, а гле, господар им лежи на земљи мртав.
Hamma dadhabanittis eegan; garuu waan inni utuu balbala hin banin tureef furtuu fudhatanii balbala banan. Kunoo gooftaan isaanii duʼee lafa irra diriiree ture.
26 А Аод докле се они забавише побеже и прође ликове камене, и утече у Сериот.
Utuma isaan dhaabatanii eegaa jiranuu Eehuud fagaatee deeme. Karaa lafa dhagaan itti soofamuutiin darbee gara Seʼiiraatti baqate.
27 А кад дође, затруби у трубу у гори Јефремовој; и сиђоше с њим синови Израиљеви с горе, а он напред.
Innis yommuu achi gaʼetti biyya gaaraa Efreem keessatti malakata afuufe; Israaʼeloonnis hooggantummaa isaatiin biyya gaaraa sana irraa isa wajjin gad buʼan.
28 Па им рече: Хајдете за мном, јер Господ предаде вам у руке непријатеље ваше Моавце. И сиђоше за њим, и узеше Моавцима бродове јорданске, и не даваху никоме прећи.
Eehuudis, “Diina keessan Moʼaabin Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isinii kenneeraatii na duukaa buʼaa!” jedheen. Isaanis malkaa Yordaanos kan gara Moʼaabitti geessu sana qabatanii nama tokko illee achiin darbuu dhowwan.
29 И тада побише Моавце, око десет хиљада људи, све богате и храбре, и ни један не утече.
Yeroo sanatti Moʼaabota hundi isaanii jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan kuma kudhan fixan; namni tokko iyyuu isaan jalaa hin baane.
30 Тако у тај дан потпадоше Моавци под руку Израиљеву; и земља би мирна осамдесет година.
Gaafa sana Moʼaab harka Israaʼelitti galfamte; biyyattiinis waggaa saddeettamaaf nagaa argatte.
31 А после њега наста Самегар син Анатов, и поби шест стотина Филистеја останом волујским, и избави и он Израиља.
Eehuuditti aanee Shamgaar ilmi Anaat kaʼe; innis ulee ittiin qotiyyoo tuttuqaniin Filisxeemota dhibba jaʼa fixe. Akkasiinis Israaʼeloota baraare.

< Књига о судијама 3 >