< Књига Исуса Навина 16 >

1 И допаде део синовима Јосифовим од Јордана код Јерихона, од воде јерихонске к истоку, на пустињу која иде од Јерихона на гору ветиљску,
Qoodni Yoosef Yordaanos Yerikoo biratti argamtu, karaa baʼa bishaanota Yerikootii kaʼee gammoojjii keessa qaxxaamuree biyya gaaraa Beetʼeelitti ol baʼa.
2 А од Ветиља иде на Луз и долази до међе архијске до Атарота,
Luuzi ishee Beetʼeel jedhamtu sanaa kaʼee gara biyya Arkaawotaa kan Axaaroti keessatti argamtu sanaatti ceʼa.
3 Потом иде на запад до међе јафлетске па до међе доњег Вет-Орона и до Гезера, и излази на море.
Achii immoo gara lixaa biyya Yafleexotaatti gad buʼee Beet Horoon gaʼee gara Geezir itti fufee galaanicha gaʼee dhaabata.
4 Тако добише наследство синови Јосифови, Манасија и Јефрем.
Akkasitti Minaasee fi Efreem, ilmaan Yoosef dhaala isaanii argatan.
5 А беше међа синовима Јефремовим по породицама њиховим, беше међа наследства њиховог к истоку Атарот-Адар до горњег Вет-Орона,
Qoodni gosti Efreem balbala balbalaan argatte kunoo kana: Daariin dhaala isaanii gara baʼaatiin Axaaroti Adaarii kaʼee hamma Beet Horoon gara Ol aanuutti deemee
6 И излази међа на море код Михмете са северне стране, па се обрће међа к истоку до Танат-Силона, и пролази с истока до Јанохе,
hamma galaanaatti itti fufa. Karaa kaabaatiin Mikmetaatii kaʼee karaa baʼaatiin gara Taanaat Shiiloo goree achiin darbee baʼa Yaanoʼaatti qajeela.
7 Потом силази од Јанохе до Атарота и Нарата, и дошавши до Јерихона удара у Јордан.
Ergasii immoo Yaanoʼaadhaa kaʼee Axaarotii fi Naʼaraatti gad buʼee Yerikoo irra naannaʼee Yordaanositti gad baʼa.
8 Од Тафује иде међа к истоку до потока Кане и излази на море. То је наследство племена синова Јефремових по породицама њиховим.
Daariin sun Tafuuʼaadhaa kaʼee gama Lixaatiin Laga Qaanaatti gad buʼee galaana gaʼee dhaabata. Dhaalli gosti Efreem balbala balbalaan argatte kanaa dha.
9 А градови беху одвојени синовима Јефремовим у наследству синова Манасијиних, сви градови са селима својим.
Daariin kun magaalaawwanii fi olloota isaanii kanneen dhaala gosa Minaasee keessatti gosa Efreemiif hambifaman hundas ni dabalata.
10 А не изагнаше Хананејина који живљаше у Гезеру; зато осташе Хананеји међу синовима Јефремовим до данас плаћајући данак.
Isaan Kanaʼaanota Geezir keessa jiraachaa turan sana ariʼanii achii hin baafne ture; hamma harʼaatti Kanaʼaanonni saba Efreem gidduu jiraatu; garuu akka hojii humnaa hojjetan dirqamu.

< Књига Исуса Навина 16 >