< Књига пророка Јеремије 48 >

1 За Моава овако говори Господ над војскама, Бог Израиљев: Тешко Невону! Јер ће се опустошити; Киријатајим ће се посрамити и узети; Мизгав ће се посрамити и препасти.
Waaʼee Moʼaab: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Neboof wayyoo; isheen ni diigamtiitii. Kiriyaataayimis ni salphatti; ni qabamti; daʼoowwan ishees ni qaaneffamu; ni diigamus.
2 Неће се више хвалити Моав Есевоном; јер му зло мисле: Ходите да га истребимо да није више народ. И ти, Мадмане, опустећеш; мач ће те гонити.
Moʼaab siʼachi hin jajamtu; namoonni Heshboon keessatti, ‘Kottaa saba sana ni balleessinaa’ jedhanii waaʼee kufaatii ishee mariʼatu. Yaa magaalaa Maadmeen jedhamtu atis ni calʼista; goraadeen si ariʼaatii.
3 Чује се вика из Оронајима, пустошење и сатирање велико.
Iyya Hooronaayimii dhufu, iyya barbadaaʼuu fi badiisaa guddaa dhagaʼaa!
4 Моав се сатре; стоји вика деце његове.
Moʼaab ni cabdi; ijoolleen ishees ni booʼu.
5 Јер ће се путем луитским дизати плач без престанка; и како се силази у Оронајим, непријатељи ће чути страшну вику;
Isaan akka malee booʼaa, Luuhiitiitti ol baʼu; karaa gara Hooronaayimitti gad buusu irratti iyya badiisaa dhagaʼu.
6 Бежите, избавите душе своје, и будите као врес у пустињи.
Baqadhaa! Lubbuu keessan baafadhaa; akka daggala gammoojjii keessaa taʼaa.
7 Јер што се уздаш у своја дела и у благо своје, зато ћеш се и ти узети, и Хемос ће отићи у ропство, свештеници његови и кнезови његови скупа.
Isin waan hojii keessanii fi qabeenya keessan amanattaniif, boojuudhaan fudhatamtanii ni deemtu; Kemooshis luboota isaatii fi qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatama.
8 И доћи ће затирач у сваки град, неће се сачувати ни један град; долина ће пропасти и равница ће се опустошити, јер Господ рече.
Balleessituun sun magaalaa hundatti ni dhufa; magaalaan tokko iyyuu isa jalaa hin baʼu. Sababii Waaqayyo dubbateef sululli ni bada; dirreenis ni barbadeeffama.
9 Подајте крила Моаву, нека брзо одлети; јер ће градови његови опустети да неће нико живети у њима.
Moʼaabitti soogidda firfirsi; isheen ni baddiitii; magaalaawwan ishees nama isaan keessa jiraatu dhabanii onu.
10 Проклет био ко немарно ради дело Господње, и проклет ко устеже мач свој од крви!
“Namni garaa hirʼuudhaan hojii Waaqayyoo hojjetu abaaramaa haa taʼu! Namni goraadee isaatiin dhiiga dhangalaasuu didus abaaramaa haa taʼu!
11 Моав је био у миру од детињства свог и почивао на дрождини својој, нити се претакао из суда у суд, нити је у ропство ишао; зато му оста кус његов, и мирис се његов није променио.
“Moʼaab akkuma daadhii wayinii kan siicoo isaa irratti hafe kan okkotee tokko keessaa gara okkotee kaaniitti gara hin galfaminii ijoollummaa isheetii jalqabdee boqochaa turte; boojiʼamtees hin fudhatamne. Kanaafuu isheen akkuma durii miʼoofti; urgaan ishees hin geeddaramne.
12 Зато, ево, иду дани, говори Господ, да му пошаљем преметаче, који ће га преметнути, и судове његове испразнити и мехове његове покидати.
Garuu barri ani itti namoota okkotee keessaa dhangalaasan ergu tokko ni dhufa. Isaanis gad ishee naqu; okkotee ishee duwwaa hambisanii gaanii ishee cabsu” jedha Waaqayyo.
13 И Моав ће се осрамотити с Хемоса, као што се осрамотио дом Израиљев с Ветиља, гада свог.
“Yoos akkuma manni Israaʼel yeroo Beetʼeelin amanatetti qaanaʼe sana Moʼaabis Kemooshitti ni qaanaʼa.
14 Како говорите: Јаки смо и јунаци у боју?
“Isin akkamiin ‘Nu gootota; nu waraana keessatti jajjaboo dha’ jechuu dandeessu?
15 Моав ће се опустошити и градови ће његови пропасти, и најбољи младићи његови сићи ће на заклање, говори цар, коме је име Господ над војскама.
Moʼaab ni barbadoofti; magaalaawwan ishees ni qabatamu; dargaggoonni ishee filatamoon gara qalmaatti geeffamu” jedha Mootichi maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu jedhamu sun.
16 Близу је погибао Моавова, и зло његово врло хити.
“Kufaatiin Moʼaab gaʼeera; badiisni ishees dafee ni dhufa.
17 Жалите га сви који сте око њега, и који год знате за име његово, реците: Како се сломи јаки штап, славна палица?
Warri naannoo ishee jiraatan hundi, warri maqaa ishee beektan hundi ‘Bokkuun jabaan sun akkamitti cabe! Uleen ulfina qabeessi sun akkamitti cabe!’ jedhaa booʼaafii.
18 Сиђи са славе своје, и седи на место засушено, кћери, која живиш у Девону; јер ће затирач Моавов доћи на тебе и раскопаће градове твоје.
“Yaa jiraattuu Diiboon, ulfina kee irraa gad buʼiitii lafa goggogaa irra taaʼi! Barbadeessaan Moʼaab sun sitti dhufee magaalaawwan kee kanneen dallaa jabaan marfaman ni diigaatii.
19 Стани на путу, и погледај, која живиш у Ароиру, упитај оног који бежи и ону која гледа да се избави, реци: Шта би?
Ati kan Aroʼeer keessa jiraattu, karaa cina dhaabadhuutii ilaali. Dhiira baqatuu fi dubartii miliqxu gaafadhu; ‘Maaltu dhalate?’ jedhii isaan gaafadhu.
20 Посрами се Моав; јер се разби; ридајте и вичите; јавите у Арнон да се Моава опустоши.
Moʼaab waan diigamteef qaanofteerti. Wawwaadhuu booʼi! Arnoon biratti akka Moʼaab barbadooftee jirtu labsi.
21 Јер суд дође на земљу равну, на Олон и на Јасу и Мифат,
Murtiin dirree ol kaʼaatti: Hooloonitti, Yaahizaa fi Meefiʼaatti,
22 И на Девон и на Невон и на Вет-Девлатајим,
Diiboonitti, Neboo fi Beet Diblaataayimitti,
23 И на Киријатајим и на Вет-Гамул и на Вет-Меон,
Kiriyaataayimitti, Beet Gaamulii fi Beet Meʼoonitti,
24 И на Кериот и на Восору, и на све градове земље моавске, који су далеко и који су близу.
Keriiyoottii fi Bozraatti, magaalaawwan Moʼaab kanneen fagoo fi dhiʼoo jiran hundatti dhufeera.
25 Одбијен је рог Моаву, и мишица се његова сломи, говори Господ.
Gaanfi Moʼaab irraa murameera; irreen ishees caccabeera” jedha Waaqayyo.
26 Опојте га, јер се подигао на Господа; нека се ваља Моав у бљувотини својој, и буде и он подсмех.
“Waan isheen Waaqayyotti koorteef dhugaatiidhaan ishee macheessaa. Moʼaab diddiga ofii ishee irra haa gangalattu; waan qoosaas haa taatu.
27 Јер, није ли теби Израиљ био подсмех? Је ли се затекао међу лупежима, те кад год говориш о њему поскакујеш?
Israaʼel si duratti waan qoosaa hin turree? Akka ati yeroo waaʼee ishee dubbattu hunda tuffiidhaan mataa kee isheetti raaftuuf isheen hattoota gidduutti qabamtee?
28 Оставите градове и населите се у стени, становници моавски, и будите као голубица која се гнезди у крају и раселини.
Isin warri Moʼaab keessa jiraattan, magaalaawwan keessan keessaa baʼaatii kattaawwan keessa jiraadhaa. Akkuma gugee mana ishee afaan holqaatti ijaarrattuu taʼa.
29 Чусмо понос Моавов да је веома поносит, охолост његову и понос, разметање његово и обест његову.
“Nu waaʼee of tuulummaa Moʼaab jechuunis akka malee of guddisuu fi ofiin boonuu ishee, of tuuluu fi of jajuu ishee, of bokoksuu ishee dhageenyeerra.
30 Знам ја, говори Господ, обест његову; али неће бити тако; лажи његове неће учинити ништа.
Ani addaggummaa Moʼaab beeka; garuu faayidaa hin qabaatu” jedha Waaqayyo; “Of tuuluun ishees homaa hin fayyaduuf”
31 Зато ћу ридати за Моавом, викати за свим Моавом, уздисаће се за онима у Кир-ересу.
Kanaafuu ani Moʼaabiif nan wawwaadha; Moʼaab hundaaf hiqqifadhee booʼa; ani namoota Qiir Hareeshetiif nan gadda.
32 Више него за Јазиром плакаћу за тобом, лозо сивамска; одводе твоје пређоше море, допреше до мора јазирског; затирач нападе на летину твоју и на бербу твоју.
Yaa muka wayinii Sibimaa, ani akkuma Yaʼizeeriif booʼu sana siifin booʼa. Dameen kee hamma galaanaatti diriirtee fagaatte; isheen hamma galaana Yaʼizeeritti diriirtee deemti. Balleessituun sun ija kee bilchaataa fi hurbuu wayinii keetii irra buʼeera.
33 И радост и весеље отиде с родног поља, из земље моавске, и учиних те неста у кацама вина; нико неће газити певајући; песма неће се више певати.
Lafa biqiltuutii fi lafa qotiisaa midhaan Moʼaab keessaa ilillee fi gammachuun badeera. Ani iddoo itti wayinii cuunfan irraa wayinii kuteera; namni tokko iyyuu gammadaa sirbee isaan hin cuunfu. Wacni yoo jiraatee illee inni waca gammachuu miti.
34 Од вике есевонске, која допре до Елеале, подигоше вику до Јасе, од Сигора до Оронајима, као јуница од три године, јер ће и вода нимримских нестати.
“Sababii bishaan Niimriim gogeef, sagaleen iyya isaanii ol kaʼee, Heshboonii hamma Eleʼaaleettii fi Yaahaziitti, Zoʼaarii hamma Hooronaayimittii fi hamma Eglaati Sheelishiyaatti ni dhagaʼama ture.
35 И учинићу, говори Господ, да не буде Моаву човека који би приносио жртву на висини и кадио боговима својим.
Ani warra iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti aarsaa dhiʼeessanii waaqota isaaniif ixaana aarsan Moʼaab keessaa nan balleessa” jedha Waaqayyo.
36 Зато ће срце моје пиштати за Моавом као свирала, и срце ће моје пиштати као свирала за људима у Кир-ересу, јер ће му сва течевина пропасти.
“Kanaafuu garaan koo akkuma ulullee faarsee Moʼaabiif booʼa; akkuma ulullee faarsee namoota Qiir Hareeshetiif booʼa. Qabeenyi isaan horatan duraa badeera.
37 Јер ће све главе бити ћелаве и све браде обријане, и све руке изрезане, и око бедара кострет.
Mataan hundinuu haadamee hareedni hundinuu cirameera; harki hundinuu muramee mudhiin hundis wayyaa gaddaatiin hidhameera.
38 На свим крововима Моавовим и по улицама његовим биће сам плач, јер ћу разбити Моава као суд на коме нема милине, говори Господ.
Waan ani akkuma okkotee namni tokko iyyuu hin feeneetti Moʼaabin caccabseef bantii mana Moʼaab hunda irraa fi oobdii sabaa keessa booʼicha malee wanni tokko iyyuu hin jiru” jedha Waaqayyo.
39 Ридајте: Како је сатрвен! Како Моав обрну плећи срамотан? И поста Моав подсмех и страхота свима који су око њега.
“Isheen akkam akkas caccabde! Isaan akkam akkas wawwaatu! Moʼaab akkam akkas dugda ishee qaaniidhaan garagalfatte! Moʼaab waan kolfaa taatee, warra naannoo ishee jiraatan hundaaf waan sodaa taateerti.”
40 Јер овако говори Господ: Ево, као орао долетеће и рашириће крила своја над Моавом.
Waaqayyo akkana jedha: “Ilaa! Risaan tokko Moʼaab irratti qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira.
41 Кериот је покорен и тврда се места заузеше, и срца ће у јунака Моавових бити у онај дан као срце у жене која се порађа.
Keriiyooti ni qabamti; daʼannoon ishee jajjaboonis ni fudhatamu. Bara sana keessa garaan loltoota Moʼaab akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
42 И Моав ће се истребити да не буде народ, јер се подиже на Господа.
Moʼaab sababii Waaqayyoon tuffatteef barbadooftee saba taʼuun ishee ni hafa.
43 Страх и јама и замка око тебе је, становниче моавски, говори Господ.
Yaa saba Moʼaab sodaan, boollii fi kiyyoon si eeggata” jedha Waaqayyo.
44 Ко утече од страха, пашће у јаму, а ко изађе из јаме, ухватиће се у замку; јер ћу пустити на њега, на Моава, годину похођења њиховог, говори Господ.
“Namni sodaa sana duraa baqatu kam iyyuu boolla keessa buʼa; namni boolla sana keessaa ol baʼu kam iyyuu kiyyoodhaan qabama; ani Moʼaabitti waggaa adabamuu ishee nan fidaatii” jedha Waaqayyo.
45 У сену есевонском уставише се који бежаху од силе; али ће огањ изаћи из Есевона и пламен исред Сиона, и опалиће крај Моаву и теме немирницима.
“Baqattoonni waan taʼan dhabanii gaaddisa Heshboon jala dhadhaabatu; Heshboon keessaa ibiddi tokko, Sihoon gidduudhaas arrabni ibiddaa ni kaʼaatii; inni adda Moʼaab guba, buqqee mataa of tuultotaas ni guba.
46 Тешко теби, Моаве, пропаде народ Хемосов, јер синове твоје заробише, и кћери твоје одведоше у ропство.
Yaa Moʼaab siif wayyoo! Uummanni Kemoosh barbadaaʼeera; Ilmaan kee boojiʼamanii fudhatamaniiru; intallan kees boojiʼamaniiru.
47 Али ћу повратити робље Моавово у последње време, говори Господ. Довде је суд Моаву.
“Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa hambaa Moʼaab deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo. Murtiin Moʼaabitti murame sun asitti dhuma.

< Књига пророка Јеремије 48 >