< Књига о Јестири 2 >

1 После тога, кад се утиша гнев цара Асвира, он се опомену Астине и шта је учинила и шта је наређено за њу.
Ahashweroos Mootichi erga aariin isaa qabbanaaʼee booddee waan Waashtiin gootee fi labsii inni waaʼee ishee labse ni yaadate.
2 И рекоше момци цареви, слуге његове: Да потраже цару младих девојака лепих;
Kana irrattis tajaajiltoonni mootichaa akkana jedhanii yaada dhiʼeessan; “Dubarran babbareedoon mootichaaf haa barbaadaman.
3 И нека одреди цар приставе по свим земљама царства свог да скупе све девојке младе и лепе у Сусан град царски у женски двор под руку Игаја дворанина царевог, чувара женског, и нека им се дају потребе за лепоту.
Akka isaan kutaalee biyyaa mootichaa hunda keessaa dubarran babbareedoo hunda gara Suusaa magaalaa guddoo iddoo dubartoonni jiraatanitti fidaniif mootichi itti gaafatamtoota haa muudu; isaanis Heegaayi xuʼaashii mootichaa itti gaafatamaa dubartoota sana jalatti haa ajajaman; dubarran sanaafis kunuunsi miidhaginaa haa godhamu.
4 Па која девојка буде по вољи цару, нека буде царица на Астинино место. И то би по вољи цару, и учини тако.
Ergasiis durbi mooticha gammachiiftu iddoo Waashtiin buutee niitii mootii haa taatu.” Gorsi kunis mooticha ni gammachiise; innis akkuma jedhame sana godhe.
5 Беше у Сусану, царском граду Јудејац по имену Мардохеј, син Јаира сина Симеја сина Кисовог, од племена Венијаминовог,
Yeroo sanatti gosa Beniyaam keessaa namichi Yihuudaa ilmi Yaaʼiir, ilmi Shimeʼii, ilmi Qiish kan Mordekaayi jedhamu tokko Suusaa magaalaa muummittii keessa jiraata ture;
6 Који би одведен у ропство из Јерусалима с робљем које би одведено у ропство с Јехонијом царем Јудиним, ког зароби Навуходоносор, цар вавилонски.
innis warra Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa wajjin Yerusaalemii Nebukadnezar mooticha Baabiloniin boojiʼamanii fudhataman keessaa tokko ture.
7 Он одгајаше Адасу, а то је Јестира, кћи стрица његовог, јер не имаше оца ни матере; а девојка беше лепог стаса и красног лица, и по смрти оца јој и матере узе је Мардохеј за кћер.
Mordekaayis, durbii Hadasaa jedhamtu kan sababii isheen abbaa fi haadha hin qabneef ofitti fudhate tokko qaba ture. Durbi Asteer jedhamtee beekamtu kun dhaabaa fi bifaan jaallatamtuu turte; yeroo abbaa fi haati ishee duʼanitti Mordekaayi ofitti fudhatee akkuma intala ofii isaatti guddifate.
8 И кад се разгласи реч царева и заповест, и много се девојака скупи у Сусан град царски под руку Игајеву, би и Јестира доведена у двор царев, под руку Игаја чувара женског.
Yeroo ajajnii fi labsiin mootichaa dhagaʼametti dubarran hedduun gara Suusaa magaalaa gudditiitti fidamanii harka Hegeetti kennaman. Asteeris gara masaraa mootichaatti geeffamtee Heegaayi itti gaafatamaa dubartootaa sanatti imaanaa kennamte.
9 И девојка му омиле и нађе милост у њега, те јој одмах даде потребе за лепоту и део њен, и седам присталих девојака из царског дома, и намести је с њеним девојкама на најлепше место у женском дому.
Durbi sunis isa gammachiiftee fuula isaa duratti fudhatama argatte. Innis yommusuma dibata miidhagina isheetiif taʼuu fi nyaata addaa kenneef. Dubartoota ishee tajaajilan kanneen masaraa mootichaa keessaa filataman torbas isheedhaaf ramade; ishee fi tajaajiltoota ishee sana gara mana dubartootaa kan mana hunda caalaa filatamaa taʼeetti geesse.
10 Јестира не каза народ свој ни род свој, јер јој Мардохеј беше забранио да не казује.
Waan Mordekaayi akka isheen hin himne ishee dhowweef Asteer saba isheetii fi maalummaa maatii ishee hin himne.
11 А Мардохеј ходаше сваки дан испред трема од женског дома да би дознао како је Јестира и шта ће бити од ње.
Mordekaayis haala Asteer keessa jirtuu fi waan ishee irra gaʼe beekuudhaaf guyyuma guyyaadhaan fuula oobdii mana dubartootaa dura jiru sana irra deddeebiʼaa ture.
12 А кад би дошао ред на коју девојку да уђе к цару Асвиру, пошто би јој се чинило по женском закону дванаест месеца (јер толико времена требаше да се улепшавају, шест месеца уљем од смирне, а шест месеца мирисима и другим стварима за лепоту женску),
Durbi tokko utuu dabareen isheen itti fuula Ahashweroos Mootichaa duratti dhiʼeeffamtu hin gaʼin dura akkuma seera dubartootaaf kaaʼame sanaatti kunuunsa miidhaginaa kan jiʼa kudha lamaa fixuu qabdi ture; isheenis jiʼa jaʼa zayitii qumbiitiin, jiʼa jaʼa immoo shittoo fi dibata garaa garaatiin miidhagfamuu qabdi ture.
13 Тада би девојка ишла к цару, и шта би год рекла дало би јој се да с тим иде из женске куће у дом царев.
Haalli itti durbi tokko mooticha bira dhaqxu akkana ture: Wanni isheen mana dubartootaatii fudhattee gara masaraa mootichaa dhaquu feetu kam iyyuu ni kennamaaf ture.
14 Увече би ушла, а ујутру би се вратила у другу кућу женску под руку Сазгаза дворанина царевог, чувара иночког; више не би ишла к цару, већ ако би је хтео цар, те би била позвана по имену.
Isheenis galgala achi dhaqxee ganama immoo gara kutaa mana dubartootaa kan harka Shaʼasgaazi xuʼaashii itti gaafatamaa saajjatoowwan sana jala jiru kaaniitti deebiti turte; yoo mootichi itti gammadee maqaadhaan waame malee isheen gara mootichaatti hin deebitu turte.
15 И тако, кад дође ред на Јестиру, кћер Авихаила стрица Мардохејевог, коју беше узео за кћер, да уђе к цару, она не заиска ништа него шта рече Игај дворанин царев, чувар женски; и Јестира налажаше милост у сваког ко је виђаше.
Yommuu dabareen Asteer intalli Abiihaayil obboleessa abbaa Mordekaayi kan Mordekaayi akkuma intala ofii isaatti guddifate sun itti mooticha bira dhaqxu gaʼetti isheen waan Heegaayi xuʼaashiin mootichaa inni itti gaafatamaa mana dubartootaa ture sun gorse malee waan tokko illee hin gaafanne. Asteeris fuula nama ishee argu hundaa duratti fudhatama argatte.
16 Тако би Јестира одведена к цару Асвиру у царски двор његов десетог месеца, које је месец Тевет, седме године царовања његовог.
Isheenis bara mootichaa keessa waggaa torbaffaa jiʼa kurnaffaa Teebeeti jedhamu keessa gara mana jireenyaa Ahashweroos Mootichaatti dhiʼeeffamte.
17 И цару омиле Јестира мимо све друге жене, и придоби милост и љубав његову мимо све девојке, те јој метну царски венац на главу и учини је царицом на место Астинино.
Mootichis dubartoota kaan hunda caalaa Asteerin jaallate; isheenis dubarran qulqulluu kaan hunda caalaa fuula isaa duratti surraa fi fudhatama argatte. Kanaafuu inni gonfoo mootummaa mataa ishee irra kaaʼeefii qooda Waashtiin ishee mootittii taasise.
18 И учини цар велику гозбу свим кнезовима својим и слугама својим ради Јестире, и поклони земљама олакшице, и раздаде дарове како цар може.
Ergasiis mootichi ulfina Asteeriitiif jedhee qondaaltota isaatii fi tajaajiltoota isaatiif cidha guddaa qopheesse. Innis ayyaana kana guutummaa kutaalee biyyaa keessatti labse; akkuma arjooma mootiitti kennaas kenne.
19 А кад се другом скупљаху девојке, Мардохеј сеђаше на вратима царевим.
Yommuu dubarran qulqulloonni sun yeroo lammaffaa walitti qabamanitti Mordekaayi karra mootichaa dura taaʼaa ture.
20 А Јестира не каза свој род ни народ, као што јој беше заповедио Мардохеј, и Јестира чињаше шта јој Мардохеј говораше, као кад се одгајаше код њега.
Asteer garuu akkuma Mordekaayi ishee gorse sanatti maalummaa maatii isheetii fi saba ishee hin himne; Asteer akkuma yeroo inni ishee guddise sanaatti ajaja Mordekaayi eegaa turteetii.
21 У те дане, кад Мардохеј сеђаше на вратима царевим, расрдише се Вихтан и Тарес, два дворанина царева између оних који стражаху на прагу, и гледаху да дигну руке на цара Асвира.
Yeroo Mordekaayi karra mootichaa dura taaʼaa turetti qondaaltonni mootichaa warri balbala eegaa turan lamaan jechuunis Bigtaanaa fi Tereshi aaranii Ahashweroos Mooticha ajeessuuf malatan.
22 А то дозна Мардохеј и јави царици Јестири, а Јестира каза цару у име Мардохејево.
Mordekaayi garuu waaʼee mala kanaa beekee Asteer Mootittiitti hime; Asteer immoo maqaa Mordekaayiin waan kana mootichatti himte.
23 И кад се ствар извиде и нађе, бише обешена она обојица на дрво, и то се записа у књигу дневника пред царем.
Yeroo wanni sun qoratamee dhugaa taʼee argametti qondaaltonni sun lamaanuu muka irratti fannifaman. Wanni kun hundinuu fuula mootichaa duratti kitaaba seenaa keessatti barreeffame.

< Књига о Јестири 2 >