< 5 Мојсијева 2 >

1 Потом се вратисмо, и идосмо у пустињу к Црвеном Мору, као што ми заповеди Господ, и обилазисмо гору Сир дуго времена.
Ergasii akkuma Waaqayyo natti himetti, duubatti deebinee karaa Galaana Diimaatiin gara gammoojjiitti qajeelle; yeroo dheeraadhaafis naannoo biyya gaaraa Seeʼiir keessa joorre.
2 И рече ми Господ:
Waaqayyos akkana naan jedhe;
3 Доста сте обилазили ту гору, обрните се на север.
“Biyya gaaraa kana naannaʼuun isin gaʼa; gara kaabaatti garagalaa.
4 И заповеди народу и реци: Сада ћете прећи преко међе браће своје, синова Исавових, који живе у Сиру; и они ће вас се бојати, али се и ви добро чувајте.
Saba kana akkana jedhii ajaji: ‘Isin biyya obboloota keessan sanyiiwwan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraatanii keessa darbitu. Isaan isin sodaatu; isin garuu jabeessaa of eeggadhaa.
5 Немојте заметати боја са њима, јер вам нећу дати земље њихове ни стопе, јер сам дао Исаву гору Сир у наследство.
Lolaaf isaan hin kakaasinaa; ani lafa isaanii irraa iddoo isin miilla keessan irra dhaabbattan illee isiniif hin kennuutii. Ani biyya gaaraa Seeʼiir dhaala godhee Esaawuuf kenneera.
6 Јела купујте од њих за новце, и једите; и воду купујте од њих за новце, и пијте.
Nyaata achii nyaattanii fi bishaan dhugdaniif maallaqa baaftuuf.’”
7 Јер те је Господ Бог твој благословио у сваком послу руку твојих; и зна пут твој по овој великој пустињи, и ево четрдесет година беше с тобом Господ Бог твој, и ништа ти није недостајало.
Waaqayyo Waaqni keessan waan isin hojjettan hundaan isin eebbiseera. Inni deemsa dheeraa isin gammoojjii balʼaa kana keessa deemtan irratti isin eegeera. Waaqayyo Waaqni keessan waggoota afurtamman kanneen isin wajjin ture; isinis waan tokko illee hin dhabne.
8 И прођосмо браћу своју, синове Исавове, који живе у Сиру, пољем од Елата и од Гесион-Гавера; и оданде савивши ударисмо преко пустиње моавске.
Obboloota keenya ilmaan Esaawu warra Seeʼiir keessa jiraatan bira dabarree deemne. Nus daandii Arabbaa kan Eelaatii fi Eziyoon Geberii dhufu irraa garagallee karaa daandii gammoojjii Moʼaab deemne.
9 И Господ ми рече: Немој пакостити Моавцима ни заметати боја са њима, јер ти нећу дати земље њихове у наследство; јер дадох синовима Лотовим у наследство Ар.
Ergasiis Waaqayyo akkana naan jedhe; “Waan ani lafa Moʼaab irraa isiniif hin kennineef akkasumaan isaan hin rakkisinaa; waraanaafis isaan hin kakaasinaa. Ani Aarin dhaala godhee sanyii Looxiif kenneeraatii.”
10 (Пре живљаху онде Емеји, народ велик и јак и висок као Енакими;
Eemiimoonni achi jiraachaa turan; isaanis namoota jajjaboo fi baayʼee dha; akkuma Anaaqotaas dhedheeroo turan.
11 О њима се мислило да су дивови као и Енакими; али их Моавци зваху Емеји.
Isaan kunneenis akkuma Anaaqotaa, Refaayimoota jedhamanii hedamu turan; Moʼaabonni garuu Eemiimoota jedhuun.
12 И Хореји живљаху пре у Сиру, али их синови Исавови истераше и истребише испред себе и населише се на њихово место, као што учини Израиљ у земљи свог наследства које му даде Господ.)
Huuronni kunneen Seeʼiir keessa jiraachaa turan; ilmaan Esaawu garuu ariʼanii achii isaan baasan. Isaanis akkuma Israaʼeloonni biyya Waaqayyo dhaala isaaniif kenne sana keessatti godhan sana Hoorota achii balleessanii ofii isaaniitii biyya jaraa keessa qubatan.
13 А сада устаните и пређите преко потока Зареда. И пређосмо преко потока Зареда.
Waaqayyo, “Ammuma kaʼaatii Laga Zered ceʼaa” nuun jedhe. Nu laga sana ceene.
14 А времена за које идосмо од Кадис-Варније па докле пређосмо преко потока Зареда, беше тридесет и осам година, докле не изумре у логору сав онај нараштај, људи за војску, као што им се беше заклео Господ.
Yeroo nu Qaadesh Barnee kaanee jalqabee hamma laga Zered ceenutti waggaa soddomii saddeet fudhate. Akkuma Waaqayyo isaanitti kakatetti dhaloonni dhiira waraanaa hundi yeroo sanatti qubata keessaa dhume.
15 Јер и рука Господња беше против њих потирући их из логора докле не помреше.
Harki Waaqayyoos qubata keessaa isaan balleessuudhaaf isaan irra ture.
16 И кад сви ти људи за војску помреше у народу,
Yeroo loltoonni hundi saba keessaa dhumanitti,
17 Рече ми Господ говорећи:
Waaqayyo akkana naan jedhe;
18 Ти ћеш данас прећи преко међе моавске код Ара;
“Ati harʼa daarii Moʼaab, Aari keessa dabarta.
19 И доћи ћеш близу синова Амонових; немој им пакостити ни заметати боја са њима, јер ти нећу дати земље амонске у наследство, јер је дадох синовима Лотовим у наследство.
Yommuu Amoonotatti dhuftanitti akkasumaan isaan hin rakkisinaa yookaan waraanaaf isaan hin kakaasinaa; ani biyya isaanii keessaa tokko illee dhaala godhee isiniif hin kennuutii. Ani biyya isaanii sanyii Looxiif handhuuraa godhee kenneera.”
20 (И за њу се мислило да је земља дивовска; у њој пре живљаху дивови, које Амонци зваху Замзуми.
Kunis biyya Refaayimoota achi jiraachaa turaniiti jedhamee hedama; Amoononni garuu Zamzumoota jedhanii isaan waamu ture.
21 Беху народ велик и јак и висок као Енакими; али их истреби Господ испред њих, те они преузеше земљу њихову и населише се на њихово место;
Isaanis namoota jajjaboo fi baayʼee dha; akkuma Anaaqotaa dhedheeroo turan. Waaqayyos fuula Amoonota achii isaan baasanii iddoo isaanii qubatan sanaa duraa isaan barbadeesse.
22 Као што учини синовима Исавовим, који живљаху у Сиру, јер истреби Хореје испред њих, и преузеше земљу њихову и осташе на њиховом месту до данас.
Waaqayyos yommuu Hoorota fuula isaanii duraa balleessetti ilmaan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraachaa turanis akkasuma godhe. Isaanis jara achii baasanii hamma harʼaatti biyya isaanii keessa jiraatan.
23 И Авеје, који живљаху у Асироту па до Газе, истребише Кафтореји, који изађоше од Кафтора, и населише се на њихово место.)
Awoota gandoota hamma Gaazaatti jiran keessa jiraatan immoo Kaftooronni Kaftoorii baʼanii dhufan sun balleessanii iddoo isaanii qubatan.
24 Устаните, идите и пређите преко потока Арнона; гле, дао сам ти у руке Сиона Аморејина, цара есевонског и земљу његову; почни узимати наследство и завојшти на њ.
“Kaʼaatii Laga Arnoon ceʼaa; ani kunoo, Sihoon Amooricha mootii Heshbooniitii fi biyya isaa illee dabarsee harka keessanitti isinii kenneeraatii. Waraana itti banaatii biyya sana qabachuu jalqabaa.
25 Данас почињем задавати страх и трепет од тебе народима под целим небом; који год чују за те, дрхтаће и препадаће се од тебе.
Anis naasisuu fi sodaachisuu keessan saboota samii gad jiran hundatti buusuu hardhuma nan jalqaba. Isaanis oduu waaʼee keessanii dhagaʼanii sababii keessaniif hollatu; naasuunis isaan qabata.”
26 И послах посленике из пустиње Кедамота к Сиону, цару есевонском с мирним речима говорећи:
Anis akkana jedhee gammoojjii Qidemooti keessaa Sihoon mooticha Heshbooniitti ergamoota nagaa nan erge;
27 Да пређем преко твоје земље; управо ћу путем ићи, нећу свртати ни надесно ни налево.
“Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuu eeyyami. Nu karaa guddicha irraa hin gorru; mirgattis gara bitaattis hin gorru.
28 Храну да ми дајеш за новце да једем, и воду за новце да ми дајеш да пијем, само да прођем пешице,
Waan nyaannuu fi bishaan dhugnu maallaqaan nutti gurguri. Akka miilla qofaan achi keessa dabarru nuuf eeyyami;
29 Као што ми учинише синови Исавови који живе у Сиру, и Моавци, који живе у Ару, докле не пређем преко Јордана у земљу коју нам даје Господ Бог наш.
akkuma ilmaan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraatanii fi Moʼaabonni Aari keessa jiraatan nuuf godhan sana atis hamma nu gara biyya Waaqayyo Waaqni keenya nuu kennuutti galuuf laga Yordaanos ceenutti akkasuma nuuf godhi.”
30 Али не хте Сион, цар есевонски пустити да прођемо кроз његову земљу, јер Господ Бог твој учини те отврдну дух његов и срце његово поста упорно, да би га предао у твоје руке, као што се види данас.
Sihoon mootiin Heshboon garuu akka nu dabarru nuuf eeyyamuu dide. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma amma godhe kana dabarsee harka keessanitti isa kennuuf mataa fi garaa isaa jabeessee tureetii.
31 И рече ми Господ: Гледај, почех предавати теби Сиона и земљу његову; почни узимати земљу његову да је наследиш.
Waaqayyos, “Kunoo, ani Sihoonii fi biyya isaa dabarsee siif kennuu jalqabeera. Ati biyya isaa dhaaluuf qabachuu jalqabi” naan jedhe.
32 И изиђе пред нас Сион и сав народ његов на бој у Јасу.
Yommuu Sihoonii fi guutummaan loltoota isaa nu waraanuuf Yaahazitti baʼanitti,
33 И даде нам га Господ Бог наш, и убисмо га са синовима његовим и свим народом његовим.
Waaqayyo Waaqni keenya dabarsee harka keenyatti isa nuuf kenne; nus isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda dhoofne.
34 И узесмо тада све градове његове, и побисмо људе по свим тим градовима, и жене и децу, не остависмо живог ниједног.
Yeroo sanattis magaalaawwan isaa hunda qabannee dhiirota, dubartootaa fi ijoollee, tokkoo tokkoo magaalaawwanii guutumaan guutuutti barbadeessine. Nama tokko illee hin hambifne.
35 Само стоку запленисмо за се и плен што беше по градовима које узесмо.
Garuu horii fi boojuu magaalaawwan qabanne sana keessaa boojine ofii keenyaaf fudhanne.
36 Од Ароира који је на потоку Арнону, и од града који је у долини, па до Галада не беше града који би нам одолео: све то даде нам Господ Бог наш.
Magaalaa Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnoonitti argamuu fi magaalaa sululicha keessatti argamuu jalqabee magaalaa hamma Giliʼaaditti argamu keessaa tokko iyyuu nu ittisuu hin dandeenye. Waaqayyo Waaqni keenya hunda isaanii dabarsee nuuf kenne.
37 Само к земљи синова Амонових ниси приступио нити ка коме крају на потоку Јавоку, ни ка градовима у гори нити коме месту што је забранио Господ Бог наш.
Garuu akkuma ajaja Waaqayyo Waaqni keenya nuuf kenne sanaatti isin gara biyyoota Amoonotaa tokkootti illee yookaan gara biyya qarqara laga Yaaboq irratti argamuu yookaan biyyoota naannoo magaalaawwan gaarran irratti argamaniitti hin dabarre.

< 5 Мојсијева 2 >