< 2 Књига дневника 29 >

1 Језекији беше двадесет и пет година кад поче царовати, и царова двадесет и девет година у Јерусалиму. Матери му беше име Авија, кћи Захаријина.
Hisqiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas.
2 И чињаше што је право пред Господом сасвим како је чинио Давид отац његов.
Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete.
3 Прве године свог царовања, првог месеца, отвори врата на дому Господњем, и оправи их.
Inni bara mootummaa isaa keessa jiʼa jalqaba waggaa tokkoffaatti balbalawwan mana qulqullummaa Waaqayyoo ni bane; ni haaromses.
4 И сазва свештенике и Левите, и сабра их на источну улицу,
Lubootaa fi Lewwota waamsisee oobdii karaa baʼa biiftuutiin jiru irratti walitti isaan qabee
5 И рече им: Чујте ме, Левити, освештајте се сада и осветите дом Господа Бога отаца својих, и изнесите нечистоту из светиње.
akkana jedheen; “Yaa Lewwota, mee na dhagaʼaa! Amma of qulqulleessaatii mana qulqullummaa Waaqayyo Waaqa abbootii keessanii illee qulqulleessaa. Waan xuraaʼaa hunda iddoo qulqulluu keessaa baasaa.
6 Јер сагрешише оци наши и чинише што је зло пред Господом Богом нашим, и оставише га; и одвратише лице своје од шатора Господњег и окренуше му леђа;
Abbootiin keenya sababii amanamoo hin turiniif fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti waan hamaa hojjetanii isa irraa garagalan. Isaanis iddoo jireenya Waaqayyoo irraa fuula isaanii deebifatanii dugda isaanii isatti garagalchan.
7 И затворише врата од трема, и погасише жишке, и кадом не кадише, нити жртава паљеница приносише у светињи Богу Израиљевом.
Akkasumas balbala gardaafoo cufanii ibsaawwan ni dhaamsan. Isaan Waaqa Israaʼeliif iddoo qulqulluutti ixaana hin aarsine yookaan aarsaa gubamu hin dhiʼeessine.
8 Зато се разгневи Господ на Јуду и на Јерусалим, те их даде да се потуцају, и да буду чудо и подсмех, како видите својим очима.
Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo Yihuudaa fi Yerusaalem irra buʼe; inni akkuma isin ija keessaniin arguu dandeessan kana nama qaanii, nama qoosaa fi nama kolfaa isaan godhe.
9 Јер, ето, падоше оци наши од мача, и синови наши и кћери наше и жене наше заробише се зато.
Sababiin abbootiin keenya goraadeedhaan dhumaniif, sababiin ilmaan keenya, intallanii fi niitonni keenya illee boojiʼamaniif kanuma.
10 Сада дакле наумио сам задати веру Господу Богу Израиљевом, да би се одвратила од нас жестина гнева Његовог.
Ani amma akka dheekkamsi isaa inni sodaachisaan sun nurraa deebiʼuuf Waaqayyo Waaqa Israaʼel wajjin kakuu galuu yaadeera.
11 Синови моји, не оклевајте више, јер је вас изабрао Господ да стојите пред Њим и служите му, и да му будете слуге и да му кадите.
Yaa ilmaan ko, egaa hin dagatinaa; Waaqayyo akka isin fuula isaa dura dhaabattaniif, akka isa tajaajiltaniif, akka fuula isaa duratti hojjettoota isaa taatanii ixaana aarsitaniif isin filateeraatii.”
12 Тада усташе Левити Мат син Амасајев и Јоило син Азаријин од синова Катових; а од синова Мераријевих Кис син Авдијев и Азарија син Јалелеилов; и од синова Гирсонових Јоах син Зимин и Еден син Јоахов;
Ergasii Lewwonni kunneen hojiitti bobbaʼan; isaanis: Ilmaan Qohaatotaa keessaa, Mahat ilma Amaasaayii fi Yooʼeel ilma Azaariyaa; ilmaan Meraarotaa keessaa, Qiish ilma Abdii fi Azaariyaa ilma Yehaleliʼeel; ilmaan Geershoonotaa keessaa, Yooʼak ilma Zimaa fi Eeden ilma Yooʼaa;
13 И од синова Елифасанових Симрије и Јеило, и од синова Асафових Захарија и Матанија;
ilmaan Eliisaafaanotaa keessaa, Shimrii fi Yeʼiiʼeel; ilmaan Asaaf keessaa, Zakkaariyaasii fi Mataaniyaa;
14 И од синова Амонових Јеило и Симеј, и од синова Једутунових Семаја и Озило;
ilmaan Heemaan keessaa, Yehiiʼeelii fi Shimeʼii; ilmaan Yeduutuun keessaa, Shemaaʼiyaa fi Uziiʼeel.
15 И скупише браћу своју, и освештавши се дођоше, како беше заповедио цар по речи Господњој, да очисте дом Господњи.
Isaan erga obboloota isaanii walitti qabanii of qulqulleessanii booddee akkuma mootichi akka dubbii Waaqayyootti isaan ajajetti mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessuuf ol ni seenan.
16 И ушавши свештеници у дом Господњи да га очисте, износише сву нечистоту што нађоше у цркви Господњој у трем дома Господњег; а Левити купише и износише напоље на поток Кедрон.
Luboonnis mana Waaqayyoo qulqulleessuuf ol ni seenan. Isaanis waan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argan kan qulqulluu hin taʼin hunda gara oobdii mana qulqullummaa Waaqayyootti gad baasan. Lewwonnis achii guuranii Sulula Qeedroonitti geessan.
17 А почеше освећивати првог дана првог месеца; а осмог дана тог месеца уђоше у трем Господњи, и освећиваше дом Господњи осам дана, и шеснаестог дана првог месеца свршише.
Isaanis hojii qulqulleessuu kana guyyaa jalqaba jiʼa duraatii jalqabanii bultii saddeettaffaatti gardaafoo Waaqayyoo bira ni gaʼan. Guyyaa saddeet itti dabalanii mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessanii jiʼa tokkoffaa guyyaa kudha jaʼaffaatti fixan.
18 Потом дођоше к цару Језекији и рекоше: Очистисмо сав дом Господњи и олтар за жртве паљенице и све судове његове и сто за постављање и све судове његове,
Isaanis gara Hisqiyaas Mootichaa dhaqanii akkana jedhaniin; “Nu guutummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo, iddoo aarsaan gubamu itti dhiʼeeffamu miʼa isaa hunda wajjin, minjaala buddeenni qulqulleeffame irra kaaʼamu miʼa isaa hunda wajjin qulqulleessineerra.
19 И све судове које беше бацио цар Ахаз докле цароваше грешећи, и спремисмо и осветисмо, и ено их пред олтаром Господњим.
Miʼoota Aahaaz mootichi yeroo mootii turetti amanamummaa dhabee iddoo isaaniitii fuudhe hunda qulqulleessineerra; miʼoonni sunis fuula iddoo aarsaa Waaqayyoo dura jiru.”
20 Потом цар Језекија уста рано, и сазва управитеље градске, и отиде у дом Господњи.
Hisqiyaas Mootichi guyyaa itti aanu ganama bariidhaan qondaaltota magaalaa walitti qabee gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe.
21 И доведе седам јуница и седам овнова и седам јагањаца и седам јараца за грех, за царство и за светињу и за Јуду; и рече синовима Ароновим свештеницима да принесу на олтару Господњем.
Isaanis mootummaaf, mana qulqullummaa fi Yihuudaaf korommii loonii torba, korbeeyyii hoolaa torba, xobbaallaawwan torbaa fi korbeeyyii reʼee torba aarsaa cubbuu godhanii ni dhiʼeessan. Mootichis akka isaan horii kanneen iddoo aarsaa Waaqayyoo irratti aarsaa dhiʼeessaniif luboota sanyii Aroon sana ni ajaje.
22 Тада заклаше говеда, и свештеници узевши крв њихову покропише олтар; заклаше и овнове, и крвљу њиховом покропише олтар; и заклаше јагањце и крвљу њиховом покропише олтар.
Luboonnis korommii loonii sana qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; itti aansaniis korbeeyyii hoolaa qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; ergasii immoo xobbaallaawwan qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan.
23 Потом доведоше јарце за грех пред цара и пред збор, и они метнуше руке своје на њих.
Reʼoonni aarsaa cubbuutiif fidamanis fuula mootichaa fi fuula waldaa duratti dhiʼeeffaman; jarris isaan irra harka isaanii kaaʼan.
24 И заклаше их свештеници, и очистише крвљу њиховом олтар на очишћење свему Израиљу, јер цар заповеди да се за сав народ Израиљев принесе жртва паљеница и жртва за грех.
Sababii mootichi aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu Israaʼel hundaaf ajajeef luboonni reʼoota qalanii Israaʼel hundaaf araara buusuuf dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti dhiʼeessan.
25 И постави Левите у дому Господњем с кимвалима и псалтирима и гуслама, како беше заповедио Давид и Гад виделац царев и Натан пророк; јер од Господа беше заповест преко пророка Његових.
Innis akkuma Daawitii fi Gaad ilaaltuu mootichaa fi Naataan raajichaan ajajametti Lewwota kilillee, baganaa fi kiraara qabachiisee mana qulqullummaa Waaqayyootti ramade; kunis ajaja Waaqayyo karaa raajota isaatiin kennee dha.
26 И тако стајаху Левити са справама Давидовим а свештеници с трубама.
Kanaafuu Lewwonni miʼa faarfannaa kan Daawit, luboonni immoo malakata isaanii qabatanii qophaaʼanii dhaabatan.
27 Тада заповеди Језекија да принесу жртву паљеницу на олтару. И кад се поче жртва паљеница, поче се песма Господња уз трубе и справе Давида, цара Израиљевог.
Hisqiyaas akka aarsaan gubamu iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamuuf ajaje. Akkuma aarsaan dhiʼeeffamuu jalqabeen faarfannaan malakataa fi miʼa faarfannaa kan Daawit mooticha Israaʼeliin Waaqayyoof faarfatamus ni jalqabame.
28 И сав се збор клањаше, и певачи певаху и трубачи трубљаху, и то све докле се не сврши жртва паљеница.
Waldaan guutuun gad jedhee sagade; faarfattoonni ni faarfatan; warri malakata afuufanis ni afuufan. Wanni kun hundi hamma aarsaan gubamu dhiʼeeffamee xumuramutti itti fufe.
29 А кад свршише жртву, цар и сви који беху с њим падоше и поклонише се.
Yommuu aarsaa dhiʼeessuun xumurametti mootichii fi warri isa wajjin turan hundinuu jilbeenfatanii sagadan.
30 Потом рече цар и кнезови Левитима да хвале Господа речима Давидовим и Асафа видеоца; и хвалише с великим весељем, и савивши се поклонише се.
Hisqiyaas Mootichii fi qondaaltonni isaa akka Lewwonni dubbii Daawitii fi dubbii Asaaf ilaaltuu sanaatiin Waaqayyoon galateeffatan ajajan. Kanaafuu isaan gammachuudhaan faarfannaa galataa faarfatanii gad jedhanii sagadan.
31 Тада Језекија проговори и рече: Сада посветисте руке своје Господу, приступите и донесите приносе и жртве захвалне у дом Господњи. И донесе сав збор приносе и жртве захвалне, и ко год беше вољног срца жртве паљенице.
Ergasiis Hisqiyaas, “Isin amma Waaqayyoof of qulqulleessitaniirtu. Kottaatii qalmaa fi aarsaa galataa mana qulqullummaa Waaqayyootti galchaa” jedhe. Kanaafuu waldaan sun qalmaa fi aarsaa galataa dhiʼeesse; warri garaan isaanii jaallate hundis aarsaa gubamu dhiʼeessan.
32 И на број беше жртава паљеница што донесе збор, седамдесет волова, сто овнова, двеста јагањаца, све за жртву паљеницу Господу;
Aarsaan gubamu kan waldaan sun dhiʼeesses korommii loonii torbaatama, korbeeyyii hoolaa dhibba tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa dhibba lama ture; kunneen hundi aarsaa gubamu taʼanii Waaqayyoof dhiʼeeffaman.
33 А других ствари посвећених беше шест стотина волова и три хиљаде оваца.
Horiin qulqulleeffamee qalmaaf dhiʼeeffame walumaa galatti korommii loonii dhibba jaʼaa fi hoolaa fi reʼee kuma sadii ture.
34 Али мало беше свештеника, те не могаху драти свих жртава паљеница; зато им помагаху браћа њихова Левити, докле се не сврши посао и докле се не освешташе други свештеници; јер Левити беху радији освештати се него свештеници.
Haa taʼu malee horii aarsaaf dhiʼeeffaman irraa gogaa baasuuf lakkoobsi lubootaa gaʼaa hin turre; kanaafuu firoonni isaanii Lewwonni hamma hojiin sun dhumuttii fi hamma luboonni biraa qulqulleeffamanitti isaan gargaaran; Lewwonni ofii isaanii qulqulleessuutti luboota caalaa gara toloota turaniitii.
35 И беше врло много жртава паљеница с претилином од жртава захвалних и налива на жртве паљенице. Тако би повраћена служба у дому Господњем.
Cooma aarsaa nagaa fi dhibaayyuu aarsaa gubamu wajjin dhiʼeeffamu dabalatee aarsaan gubamu akka malee hedduutu ture. Akkasiin tajaajilli mana qulqullummaa Waaqayyoo akka duriitti deebiʼe.
36 И радоваше се Језекија и сав народ, што Бог управи народ, јер ово би нагло.
Hisqiyaasii fi namoonni hundi sababii waan Waaqni saba isaaf godheef ni gammadan; wanni kun dafee taʼeetii.

< 2 Књига дневника 29 >