< 1 Књига дневника 21 >

1 Али уста сотона на Израиља и наврати Давида да изброји Израиља.
Seexanni Israaʼelitti kaʼee akka Daawit saba Israaʼel lakkaaʼuuf isa kakaase.
2 И рече Давид Јоаву и кнезовима народним: Идите, избројите синове Израиљеве од Вирсавеје дори до Дана, па ми јавите да знам колико их има.
Kanaafuu Daawit Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaatiin, “Dhaqaatii Bersheebaadhaa hamma Daaniitti Israaʼeloota lakkaaʼaa. Ergasii immoo akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf deebiʼaatii natti himaa” jedhe.
3 Али Јоав рече: Нека дода Господ народу свом колико га је сада још сто пута толико; нису ли, царе господару мој, сви слуге господару мом? Зашто тражи то господар мој? Зашто да буде на грех Израиљу?
Yooʼaab garuu deebisee, “Waaqayyo loltoota isaa dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu. Yaa gooftaa koo mooticha, isaan hundi garboota gooftaa kootiif bulan mitii? Gooftaan koo maaliif waan kana gochuu barbaade? Inni maaliif Israaʼelitti yakka fida?” jedhe.
4 Али реч царева надјача Јоава. И тако отиде Јоав и обиђе свега Израиља, па се врати у Јерусалим.
Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabin yaada geeddarachiise; kanaafuu Yooʼaab achii baʼee guutummaa Israaʼel keessa naannaʼee Yerusaalemitti deebiʼe.
5 И даде Јоав број преписаног народа Давиду; и беше свега народа Израиљевог хиљада хиљада и сто хиљада људи који махаху мачем, а народа Јудиног четири стотине и седамдесет хиљада људи који махаху мачем.
Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii Daawititti hime; namoota Yihuudaa keessa jiraatan kuma dhibba afurii fi torbaatama dabalatee namoota goraadee qabachuu dandaʼan miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkootu guutummaa Israaʼel keessa ture.
6 А племена Левијевог и Венијаминова не изброја с њима јер мрска беше Јоаву заповест царева.
Sababii ajajni mootichaa Yooʼaabin jibbisiiseef inni gosoota Lewwiitii fi Beniyaam itti dabalee hin lakkoofne.
7 А не беше мила Богу та ствар; зато удари Израиља.
Ajajni kun fuula Waaqaa durattis waan hamaa ture; kanaafuu inni Israaʼelin rukute.
8 И Давид рече Богу: Сагреших веома што то урадих; али узми безакоње слуге свог, јер веома лудо радих.
Kana irratti Daawit Waaqaan, “Ani waan kana gochuudhaan akka malee cubbuu hojjedheera. Amma garuu akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.
9 А Господ рече Гаду видеоцу Давидовом говорећи:
Waaqayyos Gaad raajii Daawit sanaan akkana jedhe;
10 Иди кажи Давиду и реци: Овако вели Господ: Троје ти дајем, изабери једно да ти учиним.
“Dhaqiitii Daawitiin, ‘Waaqayyo akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna. Akka ani isa sitti fiduuf, isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi.”
11 И дође Гад к Давиду и рече му: Тако вели Господ, бирај:
Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Filannoo kee addaan baafadhu:
12 Или глад за три године, или три месеца да бежиш од непријатеља својих и мач непријатеља твојих да те стиже, или три дана мач Господњи и помор да буде у земљи и анђео Господњи да убија по свим крајевима Израиљевим. Сада дакле гледај шта ћу одговорити оном који ме је послао.
Beela waggaa sadii yookaan jiʼa sadii fuula diinota keetii dura ariʼamuu fi goraadee isaaniitiin balleeffamuu yookaan guyyaa goraadee Waaqayyoo sadii jechuunis guyyoota dhaʼichi biyyattiitti buʼee ergamaan Waaqayyoo kutaa Israaʼel hunda balleessu.’ Egaa amma waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteeffadhu.”
13 А Давид рече Гаду: У тескоби сам љутој; али нека западнем Господу у руке, јер је веома велика милост Његова; а људима да не западнем у руке.
Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa akka malee guddaa taʼeef ani harka Waaqayyoo seenuu naaf wayya; garuu akka ani harka namaa seenu na hin godhin” jedhe.
14 И тако пусти Господ помор на Израиља, те паде Израиља седамдесет хиљада људи.
Kanaafuu Waaqayyo Israaʼelitti dhaʼicha ergee namoonni Israaʼel kuma torbaatama ni dhuman.
15 И посла Господ анђела у Јерусалим да га убија; и кад убијаше, погледа Господ и сажали му се са зла; и рече анђелу који убијаше: Доста, спусти руку своју. А анђео Господњи стајаше код гумна Орнана Јевусејина,
Waaqni akka inni Yerusaalem balleessuuf ergamaa isaa tokko erge. Garuu utuma ergamaan Waaqayyoo sun Yerusaalemin balleessuuf qophaaʼaa jiruu Waaqayyo balaa sana argee gaabbee ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo sun oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa bira dhaabachaa ture.
16 А Давид подиже очи своје и виде анђела Господњег где стоји између земље и неба, а у руци му го мач, којим беше замахнуо на Јерусалим; и паде Давид и старешине ничице, обучени у кострет.
Daawitis ol ilaalee ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifamee Yerusaalemitti diriirfame harka isaatti qabatee samii fi lafa gidduu dhaabachaa jiru tokko ni arge. Daawitii fi maanguddoonni wayyaa gaddaa uffatanii fuula isaa duratti addaan lafatti ni gombifaman.
17 И рече Давид Богу: Нисам ли ја заповедио да се изброји народ? Ја сам дакле згрешио и зло учинио; а те овце шта су учиниле? Господе Боже мој, нека се рука Твоја обрати на ме и на дом оца мог; али не на тај народ да га потре.
Daawit immoo Waaqaan, “Namni akka loltoonni lakkaaʼaman godhe ana mitii? Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Yaa Waaqayyo Waaqa koo harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu; garuu akka dhaʼichi kun saba kee irra turu hin godhin” jedhe.
18 Тада анђео Господњи рече Гаду да каже Давиду да изиђе горе и начини олтар Господу на гумну Орнана Јевусејина.
Ergasii ergamaan Waaqayyoo akka Daawit ol baʼee oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaaru akka inni Daawititti himu Gaadin ajaje.
19 И изиђе Давид по речи Гадовој, коју му рече у име Господње.
Kanaafuu Daawit dubbii Gaad maqaa Waaqayyootiin isatti hime sanaaf ajajamee ol baʼe.
20 А Орнан окренувши се угледа анђела, и сакри се са четири сина своја, јер Орнан вршаше пшеницу.
Ornaan utuu qamadii dhaʼuutti jiruu ol jedhee ergamaa Waaqayyoo sana arge; ilmaan isaa warri isa wajjin turan afranis ni dhokatan.
21 У том дође Давид до Орнана; и погледавши Орнан кад виде Давида изиђе из гумна и поклони се Давиду лицем до земље.
Ergasii Daawit achi gaʼe; Ornaanis yommuu milʼatee isa argetti oobdii sana keessaa baʼee fuula Daawit duratti addaan lafatti gombifamee sagade.
22 Тада рече Давид Орнану: Дај ми то гумно да начиним на њему олтар Господу; за новце колико вреди дај ми га, да би престао помор у народу.
Daawitis, “Ani akka isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee akkasiin dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf oobdii kee naaf kenni. Gatii isaa guutuutti natti gurguri” jedheen.
23 А Орнан рече Давиду: Узми и нека чини господар мој цар шта му је драго; ево дајем и волове за жртве паљенице, и кола за дрва, и пшеницу за дар; све то дајем.
Ornaanis Daawitiin, “Fudhadhu! Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu haa godhu. Kunoo ani aarsaa gubamuuf sangoota, qoraaniif ulee ittiin midhaan dhaʼan, kennaa midhaan dhiʼeeffamuufis qamadii nan kenna; ani waan kana hunda nan kenna” jedhe.
24 А цар Давид рече Орнану: Не, него ћу купити за новце шта вреди, јер нећу да принесем Господу шта је твоје ни да принесем жртву паљеницу поклоњену.
Daawit Mootichi garuu Ornaadhaan, “Kun hin taʼu; ani gatii isaa guutuu siifin kenna. Ani waan kan kee taʼe Waaqayyoof hin fudhadhu yookaan waan gatii na hin baasisin aarsaa gubamuuf hin dhiʼeessu” jedhe.
25 И даде Давид Орнану за оно место на меру шест стотина сикала злата.
Kanaafuu Daawit gatii lafa sanaa Ornaadhaaf warqee saqilii dhibbaa jaʼa kafale.
26 И онде начини Давид олтар Господу, и принесе жртве паљенице и жртве захвалне; и призва Господа, и услиши га спустивши огањ с неба на олтар жртве паљенице.
Daawitis achitti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Innis Waaqayyoon ni waammate; Waaqayyos samiidhaa ibiddaan iddoo aarsaa gubamuu irratti isaaf deebii kenne.
27 И заповеди Господ анђелу, те врати мач свој у корице.
Sana booddee Waaqayyo ergamaa isaa sanatti dubbate; innis goraadee isaa manʼee isaatti ni deebise.
28 У оно време видевши Давид да га Господ услиши на гумну Орнана Јевусејина, приношаше жртве онде.
Daawit yeroo sanatti akka Waaqayyo oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti deebii isaa kenne ni hubate; achittis aarsaa ni dhiʼeesse.
29 А шатор Господњи, који начини Мојсије у пустињи, и олтар за жртве паљенице беше у то време на висини у Гаваону.
Dunkaanni Waaqayyoo kan Museen gammoojjiitti hojjetee fi iddoon aarsaa gubamuu Gibeʼoon keessa gaara sagadaa irra ture.
30 И Давид не може ићи к њему да тражи Бога, јер се уплаши од мача анђела Господњег.
Daawit garuu sababii goraadee ergamaa Waaqayyoo sodaateef achi dhaqee fuula iddoo aarsaa sanaa duratti Waaqa kadhachuu hin dandeenye.

< 1 Књига дневника 21 >