< II Tesaloniczan 1 >

1 Paweł i Sylwan, i Tymoteusz zborowi Tesaloniceńskiemu w Bogu, Ojcu naszym, i w Panu Jezusie Chrystusie.
Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa, Gara Waldaa Kiristaanaa warra Tasaloniiqee kan Abbaa keenya Waaqaatii fi kan Gooftaa Yesuus Kiristoos taateetti:
2 Łaska wam i pokój niech będzie od Boga, Ojca naszego, i Pana Jezusa Chrystusa.
Ayyaannii fi nagaan Waaqa Abbaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoos irraa isiniif haa taʼu.
3 Powinniśmy Bogu zawsze dziękować za was, bracia! tak jako się godzi, iż bardzo rośnie wiara wasza i pomnaża się miłość każdego z was, jednych przeciwko drugim,
Yaa obboloota, sababii amantiin keessan baayʼee guddachaa, jaalalli hundi keessan walii keessaniif qabdanis ittuma dabalaa jiruuf nu yeroo hunda waaʼee keessaniif akka malutti Waaqa galateeffachuu qabna.
4 Tak iż i my sami chlubimy się z was we zborach Bożych z waszej cierpliwości i wiary we wszystkich prześladowaniach waszych i w uciskach, które ponosicie.
Kanaafuu nu qorumsa isin obsitan sanaaf, ariʼatama hunda keessatti jabaattanii dhaabachuu keessanii fi amantii keessaniin waldoota Kiristaanaa Waaqaa keessatti sababii keessaniin of jajna.
5 Co jest jawnym dowodem sprawiedliwego sądu Bożego, abyście godnymi byli poczytani królestwa Bożego, dla którego też cierpicie,
Kun hundinuu akka murtiin Waaqaa qajeelaa taʼe mulʼisa; sababii kanaafis isin warra mootummaa isaa kan dhiphachaafii jirtan sanaaf maltan ni taatu.
6 Ponieważ sprawiedliwa jest u Boga, żeby wzajem oddał uciśnienie tym, którzy was uciskają;
Waaqni qajeelaa dha: Inni warra isin rakkisan ni rakkisa;
7 A wam, którzyście uciśnieni, odpocznienie z nami przy objawieniu Pana Jezusa z nieba z Aniołami mocy jego,
isin warra rakkattaniif, nuufis boqonnaa ni kenna. Kunis yommuu Gooftaan Yesuus ibidda balaliʼuun ergamoota isaa humna qabeeyyii wajjin samii irraa mulʼatutti taʼa.
8 W ogniu płomienistym oddawając pomstę tym, którzy Boga nie znają i tym, którzy nie są posłuszni Ewangielii Pana naszego, Jezusa Chrystusa;
Inni warra Waaqa hin beeknee fi warra wangeela Gooftaa keenya Yesuusiif hin ajajamne ni adaba.
9 Którzy pomstę odniosą, wieczne zatracenie od obliczności Pańskiej i od chwały mocy jego. (aiōnios g166)
Isaanis fuula Gooftaa duraa fi ulfina humna isaa irraa fageeffamanii badiisa bara baraatiin ni adabamu; (aiōnios g166)
10 Gdy przyjdzie, aby był uwielbiony w świętych swoich i aby się dziwnym okazał we wszystkich wierzących (dlatego iż uwierzono naszemu świadectwu u was) w on dzień.
kunis guyyaa inni qulqulloota isaatiin kabajamuu fi warra amanan hundumaa gidduutti dinqisiifatamuuf dhufutti taʼa. Isinis waan dhuga baʼumsa keenya amantaniif isaanitti lakkaaʼamtu.
11 Dlaczego też modlimy się zawsze za was, aby Bóg nasz godnymi was uczynił powołania tego i wypełnił wszystko upodobanie dobrotliwości swojej, i skutek wiary w mocy.
Nus waan kana yaadatti qabachaa, akka Waaqni keenya warra waamicha isaatiif malan isin godhuuf, humna isaatiinis kaayyoo keessan gaarii hundaa fi akka hojii amantii keessanii hunda fiixaan isinii baasuuf utuu gargar hin kutin isinii kadhanna.
12 Aby było uwielbione imię Pana naszego, Jezusa Chrystusa w was, a wy w nim, według łaski Boga naszego i Pana Jezusa Chrystusa.
Nus akkuma ayyaana Waaqa keenyaattii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiitti akka maqaan Gooftaa keenya Yesuus isiniin kabajamuu fi akka isinis isaan kabajamtaniif waan kana kadhanna.

< II Tesaloniczan 1 >