< Łukasza 3 >

1 Był piętnasty rok rządów Tyberiusza, rzymskiego cezara. W tym czasie gubernatorem prowincji Judei był Piłat, zarządcą Galilei—Herod Antypas, zarządcą Iturei i Trachonu—jego brat Filip, a zarządcą Abileny—Lizaniasz.
Xibeeriyoos Qeesaar moʼee waggaa kudha shanaffaatti jechuunis yommuu Phonxoos Phiilaaxoos bulchaa Yihuudaa turetti, Heroodis bulchaa Galiilaa ture; obboleessi isaa Fiiliphoos bulchaa Ixuriyaasii fi Xiraakonitiis, Lisaaniiyaas immoo bulchaa Abileeniis turan;
2 Urząd najwyższego kapłana Izraela sprawowali Annasz i Kajfasz. Wtedy właśnie Jan, syn Zachariasza, mieszkający dotąd na pustyni, otrzymał od Boga misję.
yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Waaqaa gammoojjii keessatti gara Yohannis ilma Zakkaariyaas dhufe.
3 Wędrując brzegiem Jordanu, wzywał ludzi do opamiętania się i przyjęcia Bożego przebaczenia. Swoją przemianę mieli poświadczyć zanurzeniem w wodzie.
Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme.
4 To właśnie o nim mówił prorok Izajasz: „Głos wołającego na pustyni: Przygotujcie Panu drogę, wyrównajcie przed Nim ścieżki!
Kunis isa kitaaba dubbii Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha: “Sagalee nama gammoojjii keessaa iyyu tokkoo: ‘Karaa Gooftaa qopheessaa; daandii isaas qajeelchaa.
5 Zrównajcie góry, zasypcie doliny, wyprostujcie zakręty, usuńcie wyboje!
Sululli hundi ni guutama; tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifamu. Karaan jalʼaan ni qajeela; daandiin buʼaa baʼiinis wal qixxeeffama.
6 A wtedy wszyscy zobaczą Boże zbawienie”.
Sanyiin namaa hundinuus fayyisuu Waaqaa ni arga.’”
7 Całe tłumy przychodziły do Jana, aby dać się zanurzyć, a on mówił do nich: —Przebiegłe węże! Kto wam powiedział, jak uciec przed nadchodzącą karą Boga?!
Yohannisis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime?
8 Najpierw pokażcie poprzez wasze uczynki, że naprawdę się opamiętaliście! Nie oszukujcie się, powtarzając: „Jesteśmy potomkami samego Abrahama”. Zapewniam was, że Bóg może stworzyć potomków Abrahama nawet z tych kamieni!
Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii.
9 Siekiera Bożego sądu już jest przyłożona do pnia. I każde drzewo, które nie wydaje owocu, zostanie wycięte i rzucone w ogień.
Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.”
10 —Co więc mamy czynić?—pytały tłumy.
Namoonni sunis, “Yoos maal haa goonuu ree?” jedhanii isa gaafatan.
11 —Jeśli masz dwa ubrania, daj jedno biednemu. Jeśli masz co jeść, podziel się z głodnym—odpowiadał Jan.
Yohannisis deebisee, “Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu” jedheen.
12 A przychodzili do niego nawet znani z nieuczciwości poborcy podatkowi, chcąc przyjąć chrzest. I pytali Go: —Nauczycielu, co mamy czynić?
Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, “Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?” jedhanii isa gaafatan.
13 —Nie pobierajcie większych podatków niż ustalono—odpowiadał im.
Innis, “Waan ajajamtan caalaa walitti hin qabinaa” jedheen.
14 —A co z nami?—pytali żołnierze. —Od nikogo nie wymuszajcie pieniędzy. Zadowólcie się swoim żołdem!—odpowiedział. —I nikogo fałszywie nie oskarżajcie.
Loltoonnis akkasuma, “Nu immoo maal haa goonu ree?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Humnaan nama irraa maallaqa hin fudhatinaa; sobaan nama hin himatinaa; mindaan keessan isin haa gaʼu” jedheen.
15 Ponieważ wszyscy oczekiwali przyjścia Mesjasza, zaczęto się zastanawiać, czy przypadkiem to Jan Nim nie jest.
Namoonni sun hawwiidhaan eegaa turan; hundi isaaniis, “Yohannis kun inni Kiristoos taʼinnaa laata?” jedhanii garaa isaaniitti yaadaa turan.
16 On jednak zaprzeczył temu: —Ja was zanurzam w wodzie. Lecz niebawem nadejdzie ktoś potężniejszy ode mnie. Ktoś, komu nie jestem nawet godzien zdjąć butów! On będzie was zanurzał w Duchu Świętym i w ogniu.
Yohannis akkana jedhee isaan hundaaf deebii kenne; “Ani bishaaniin isin cuupha. Garuu kan na caalaa jabaa taʼe tokko ni dhufa; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuun naaf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.
17 On potrafi oddzielić plewy od ziarna i wszystko oczyścić—ziarno zbierze do magazynu, a plewy spali w niegasnącym ogniu.
Innis oobdii isaa qulqulleessee gombisaa isaatti qamadii galfachuudhaaf afarsaan isaa harka isaa jira; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
18 Jan wiele razy w podobny sposób ostrzegał ludzi i głosił im dobrą nowinę.
Yohannisis dubbii biraa baayʼeedhaan namoota gorsee wangeelas isaanitti lallabe.
19 Krytykował natomiast króla Heroda Antypasa za to, że ożenił się z Herodiadą, żoną swojego brata, oraz za inne złe czyny.
Heroodis bulchaan garuu yommuu sababii inni niitii obboleessa isaa Heroodiyaas fuudhee fi sababii hammina inni hojjetee ture kaan hundaatiif Yohannis isa ifate,
20 W późniejszym czasie król jeszcze dalej posunął się w swoim grzechu i uwięził Jana.
hammina isaa hunda irratti dabalee Yohannisin mana hidhaatti galchee itti cufe.
21 Pewnego dnia, gdy Jan zanurzał ludzi w wodzie, znalazł się wśród nich sam Jezus. Gdy został ochrzczony i modlił się, nagle otworzyło się niebo
Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee,
22 i Duch Święty zstąpił na Niego jak gołąb. A z nieba rozległ się głos: —Jesteś moim ukochanym Synem, moją największą radością.
Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa ni dhufe.
23 Gdy Jezus rozpoczynał swoją publiczną działalność, miał około trzydziestu lat. Uważano Go za syna Józefa. Ojcem zaś Józefa był Heli, a ojcem Helego
Yesuus yeroo tajaajila isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa soddomaa ture. Innis akka waan ilma Yoosef tureetti yaadamaa ture: ilma Eelii,
24 —Mattat. Kolejni ich przodkowie to: Lewi, Melchi, Jannaj, Józef,
ilma Maataat, ilma Lewwii, ilma Melkii, ilma Yaanaa, ilma Yoosef,
25 Matatiasz, Amos, Nahum, Chesli, Naggaj,
ilma Maataatiyaas, ilma Amoos, ilma Naahoom, ilma Asiiliim, ilma Naagee,
26 Maat, Matatiasz, Semea, Josech, Joda,
ilma Maaʼat, ilma Maataatiyaas, ilma Semeeʼi, ilma Yoosef, ilma Yoodaa,
27 Jan, Resa, Zorobabel, Salatiel, Neri,
ilma Yoonaan, ilma Resaa, ilma Zarubaabel, ilma Sheʼaltiiʼeel, ilma Neeri,
28 Melchi, Addi, Kosam, Elmadan, Her,
ilma Melkii, ilma Hadii, ilma Qoosaam, ilma Elmaadaam, ilma Eer,
29 Jezus, Eliezer, Jorim, Mattat, Lewi,
ilma Iyyaasuu, ilma Eliiʼezer, ilma Yoorim, ilma Maataat, ilma Lewwii,
30 Symeon, Juda, Józef, Jonam, Eliakim,
ilma Simiʼoon, ilma Yihuudaa, ilma Yoosef, ilma Yoonaan, ilma Eliyaaqeem,
31 Meleasz, Menna, Mattat, Natan, król Dawid,
ilma Meeleyaa, ilma Mennaa, ilma Maataataa, ilma Naataan, ilma Daawit,
32 Jesse, Jobed, Booz, Sala, Naasson,
ilma Isseey, ilma Yoobeed, ilma Boʼeez, ilma Salmoon, ilma Nahishoon,
33 Aminadab, Admin, Arni, Ezrom, Fares, Juda,
ilma Amiinaadaab, ilma Aaraam, ilma Hezroon, ilma Faares, ilma Yihuudaa,
34 Jakub, Izaak, Abraham, Tare, Nachor,
ilma Yaaqoob, ilma Yisihaaq, ilma Abrahaam, ilma Taaraa, ilma Naahoor,
35 Seruch, Ragau, Falek, Eber, Sala,
ilma Seruug, ilma Reʼuu, ilma Feleg, ilma Eeber, ilma Saalaa,
36 Kainam, Arfaksad, Sem, Noe, Lamech,
ilma Qaayinaam ilma Arfaaksaad, ilma Seem, ilma Nohi, ilma Laamehi,
37 Matusala, Henoch, Jaret, Maleleel, Kainam,
ilma Matuuselaa, ilma Henook, ilma Yaared, ilma Mahalaleel, ilma Keenaan,
38 Enos, Set i Adam. Adam zaś pochodził od Boga.
ilma Enoos, ilma Seeti, ilma Addaam, ilma Waaqaa.

< Łukasza 3 >