< زکریا 3 >

و یهوشع رئیس کهنه را به من نشان داد که به حضور فرشته خداوند ایستاده بود و شیطان به‌دست راست وی ایستاده، تا با اومخاصمه نماید. ۱ 1
Innis utuu Iyyaasuun lubichi ol aanaan fuula ergamaa Waaqayyoo dura dhaabatee, Seexanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise.
و خداوند به شیطان گفت: «ای شیطان خداوند تو را نهیب نماید! خداوند که اورشلیم را برگزیده است تو را نهیب نماید. آیااین نیم سوزی نیست که از میان آتش ربوده شده است؟» ۲ 2
Waaqayyos Seexanaan akkana jedhe; “Seexana nana, Waaqayyo si haa ifatu! Waaqayyo inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?”
و یهوشع به لباس پلید ملبس بود و به حضور فرشته ایستاده بود. ۳ 3
Iyyaasuun yeroo ergamaa Waaqayyoo sana dura dhaabatetti uffata xuraaʼaa uffatee ture.
و آنانی را که به حضور وی ایستاده بودند خطاب کرده، گفت: «لباس پلید را از برش بیرون کنید.» و او را گفت: «ببین عصیانت را از تو بیرون کردم و لباس فاخر به تو پوشانیدم.» ۴ 4
Ergamaan Waaqayyoo sunis warra isa dura dhaabachaa turan sanaan, “Uffata isaa xuraaʼaa isa irraa baasaa” jedhe. Innis ergasii Iyyaasuudhaan, “Kunoo ani cubbuu kee sirraa fuudhee uffata miidhagaa sittin uffisa” jedhe.
و من گفتم که عمامه طاهر برسرش بگذارند. پس عمامه طاهر بر سرش گذاردند و او را به لباس پوشانیدند و فرشته خداوند ایستاده بود. ۵ 5
Anis, “Mataa isaa irra marata qulqulluu kaaʼaafii” nan jedhe. Kanaafuu isaan utuma ergamaan Waaqayyoo sun achi dhaabatee jiruu, marata qulqulluu mataa isaa irra kaaʼanii uffata itti uffisan.
و فرشته خداوند یهوشع را اعلام نموده، گفت: ۶ 6
Ergamaan Waaqayyoo sunis ajaja kana Iyyaasuuf kenne:
«یهوه صبایوت چنین می‌فرماید: اگر به طریق های من سلوک نمایی و ودیعت مرا نگاه داری تو نیز خانه مرا داوری خواهی نمود وصحن های مرا محافظت خواهی کرد و تو را درمیان آنانی که نزد من می‌ایستند بار خواهم داد. ۷ 7
“Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ati yoo karaa koo irra deemtee ajaja koo eegde, mana koo ni bulchita; itti gaafatamaa oobdii koo ni taata; anis warra as dhadhaabatan kana gidduutti iddoo siif nan kenna.
پس‌ای یهوشع رئیس کهنه بشنو تو و رفقایت که به حضور تو می‌نشینند، زیرا که ایشان مردان علامت هستند. (بشنوید) زیرا که اینک من بنده خود شاخه را خواهم آورد. ۸ 8
“‘Yaa Iyyaasuu lubicha ol aanaa, atii fi gareen kee warri fuula kee dura tataaʼan, namoonni waan dhufuuf jiruuf mallattoo taʼan waan kana dhaggeeffadhaa. Ani tajaajilaa koo Damee sana nan fida.
و همانا آن سنگی که به حضور یهوشع می‌گذارم، بر یک سنگ هفت چشم می‌باشد. اینک یهوه صبایوت می‌گوید که من نقش آن را رقم خواهم کرد و عصیان این زمین را در یک روز رفع خواهم نمود. ۹ 9
Dhagaa ani fuula Iyyaasuu dura kaaʼe ilaalaa! Dhagaa tokkicha sana irra ija torbatu jira; anis barreeffama isa irratti nan qiriixa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘cubbuu biyya kanaas guyyuma tokkotti nan balleessa.
و یهوه صبایوت می‌گوید که هر کدام از شما همسایه خود را زیر مو و زیر انجیر خویش دعوت خواهید نمود.» ۱۰ 10
“‘Bara sana tokkoon tokkoon namaa muka wayiniitii fi muka harbuu isaa jala taaʼuuf ollaa isaa ni waammata’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”

< زکریا 3 >