< داوران 15 >

و بعد از چندی، واقع شد که شمشون در روزهای درو گندم برای دیدن زن خود با بزغاله‌ای آمد و گفت نزد زن خود به حجره خواهم درآمد. لیکن پدرش نگذاشت که داخل شود. ۱ 1
Ergasii yeroo qamadiin walitti qabamutti Saamsoon korma reʼee xinnaa isaa fudhatee niitii isaa ilaaluu dhaqe. Innis, “Ani daree niitii koo nan seena” jedhe. Abbaan niitii isaa garuu eeyyamuufii dide.
و پدرزنش گفت: «گمان می‌کردم که او رابغض می‌نمودی، پس او را به رفیق تو دادم، آیاخواهر کوچکش از او بهتر نیست؛ او را به عوض وی برای خود بگیر.» ۲ 2
Innis, “Ani waan ati ishee jibbiteerta jedhee dhugumaan amaneef miinjee keetti ishee heerumsiiseera; obboleettiin ishee quxisuun, ishee caalaa bareedduu mitii? Qooda sanaa ishee fudhadhu” jedheen.
شمشون به ایشان گفت: «این دفعه از فلسطینیان بی‌گناه خواهم بود اگرایشان را اذیتی برسانم.» ۳ 3
Saamsoon deebisee, “Ani yeroo kanatti yoo miidhaa kam iyyuu Filisxeemota irraan gaʼe itti hin gaafatamu” isaaniin jedhe.
و شمشون روانه شده، سیصد شغال گرفت، و مشعلها برداشته، دم بر دم گذاشت، و در میان هر دو‌دم مشعلی گذارد. ۴ 4
Kanaafuu inni achii baʼee waangota dhibba sadii qabee lama lamaan eegee isaanii walitti hidhe. Eegee lamaan lamaan isaanii irrattis guca guduunfe;
ومشعلها را آتش زده، آنها را در کشتزارهای فلسطینیان فرستاد، و بافه‌ها و زرعها و باغهای زیتون را سوزانید. ۵ 5
ibiddas itti qabsiisee qamadii Filisxeemotaa keessatti waangota sana gad lakkise. Midhaan haamamee fi kan hin haamaminitti akkasumas iddoo dhaabaa wayiniitii fi ejersaa guggube.
و فلسطینیان گفتند: «کیست که این را کرده است؟» گفتند: «شمشون دامادتمنی، زیرا که زنش را گرفته، او را به رفیقش داده است.» پس فلسطینیان آمده، زن و پدرش را به آتش سوزانیدند. ۶ 6
Yeroo Filisxeemonni, “Eenyutu waan kana godhe?” jedhanii gaafatanitti, “Saamsoon dhirsa intala namicha Tiimnaahi sanaatu sababii niitiin isaa miinjee isaatti jalaa heerumsiifamteef waan kana godhe” jedhamee isaanitti himame. Kanaafuu Filisxeemonni ol baʼanii niitii Saamsoonii fi abbaa ishee gubanii ajjeesan.
و شمشون به ایشان گفت: «اگربه اینطور عمل کنید، البته از شما انتقام خواهم کشید و بعد از آن آرامی خواهم یافت.» ۷ 7
Saamsoonis, “Erga isin akkas gootanii ani hamma haaloo koo baafadhutti isin hin dhiisu” isaaniin jedhe.
و ایشان را از ساق تا ران به صدمه‌ای عظیم کشت. پس رفته، در مغاره صخره عیطام ساکن شد. ۸ 8
Akka malees isaan dhaʼee hedduu isaanii galaafate. Ergasii gad buʼee holqa kattaa Eexaam keessa jiraate.
و فلسطینیان برآمده، در یهودا اردو زدند ودر لحی متفرق شدند. ۹ 9
Filisxeemonnis ol baʼanii naannoo Lehiitti faffacaʼanii Yihuudaa keessa qubatan.
و مردان یهودا گفتند: «چرا بر ما برآمدید.» گفتند: «آمده‌ایم تا شمشون را ببندیم و برحسب آنچه به ما کرده است به اوعمل نماییم.» ۱۰ 10
Namoonni Yihuudaas, “Isin maaliif nu waraanuuf dhuftan?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis deebisanii, “Nu Saamsoon hiinee waan inni nu godhe sana isa godhuuf dhufne” jedhan.
پس سه هزار نفر از یهودا به مغاره صخره عیطام رفته، به شمشون گفتند: «آیاندانسته‌ای که فلسطینیان بر ما تسلط دارند، پس این چه‌کار است که به ما کرده‌ای؟» در جواب ایشان گفت: «به نحوی که ایشان به من کردند، من به ایشان عمل نمودم.» ۱۱ 11
Ergasiis namoonni kuma sadii Yihuudaadhaa gara holqa Eexaamitti gad buʼanii Saamsooniin, “Ati maali nu goote? Akka Filisxeemonni nu bulchan hin beektuu?” jedhan. Innis, “Ani waanuma isaan na godhan sana isaan irratti nan godhe” jedhee deebise.
ایشان وی را گفتند: «ماآمده‌ایم تا تو را ببندیم و به‌دست فلسطینیان بسپاریم.» شمشون در جواب ایشان گفت: «برای من قسم بخورید که خود بر من هجوم نیاورید.» ۱۲ 12
Isaanis, “Nu si hiinee dabarsinee Filisxeemotatti si kennuuf dhufne” jedhaniin. Saamsoon immoo, “Isin mataan keessan akka na hin ajjeefne naa kakadhaa” jedhe.
ایشان در جواب وی گفتند: «حاشا! بلکه تو رابسته، به‌دست ایشان خواهیم سپرد، و یقین تو رانخواهیم کشت.» پس او را به دو طناب نو بسته، ازصخره برآوردند. ۱۳ 13
Isaanis, “Tole, nu si hiinee dabarsinee harka isaaniitti si kennina malee ofii keenyaan siʼi hin ajjeefnu” jedhaniin. Kanaafuu funyoo haaraa lamaan isa hidhanii holqa keessaa isa baasan.
و چون او به لحی رسید، فلسطینیان ازدیدن او نعره زدند و روح خداوند بر وی مستقرشده، طنابهایی که بر بازوهایش بود مثل کتانی که به آتش سوخته شود گردید، و بندها از دستهایش فروریخت. ۱۴ 14
Yeroo inni Lehiitti dhiʼaatettis Filisxeemonni iyyaa gara isaa dhufan. Hafuurri Waaqayyoos jabinaan isa irra buʼe. Funyoon harki isaa ittiin hidhamee ture sun akka quncee talbaa kan ibidda keessa buʼee taʼe; hidhaan isaas harka isaa irraa ciccite.
و چانه تازه الاغی یافته، دست خود را دراز کرد و آن را گرفته، هزار مرد با آن کشت. ۱۵ 15
Innis lafee haʼoo harree haaraa isaa argatee hiixatee fudhate; ittiinis dhaʼee nama kuma tokko fixe.
و شمشون گفت: «با چانه الاغ توده برتوده با چانه الاغ هزار مرد کشتم.» ۱۶ 16
Kana irrattis Saamsoon, “Ani lafee haʼoo harree tokkoon, wal irra isaan nan tuule; lafee haʼoo harree tokkootiin, namoota kuma tokko nan ajjeese” jedhe.
و چون ازگفتن فارغ شد، چانه را از دست خود انداخت وآن مکان را رمت لحی نامید. ۱۷ 17
Innis erga waan kana dubbatee fixatee booddee lafee haʼoo harree sana achi darbate; iddoon sunis Raamaat Leehii jedhame.
پس بسیار تشنه شده، نزد خداوند دعاکرده، گفت که «به‌دست بنده ات این نجات عظیم را دادی و آیا الان از تشنگی بمیرم و به‌دست نامختونان بیفتم؟» ۱۸ 18
Innis sababii akka malee dheeboteef, “Ati moʼannaa guddaa akkanaa garbicha keetiif kenniteerta. Egaa ani amma dheebuudhaan duʼee harka warra dhagna hin qabatinii keessan buʼaa?” jechuudhaan Waaqayyoon waammate.
پس خدا کفه‌ای را که درلحی بود شکافت که آب از آن جاری شد و چون بنوشید جانش برگشته، تازه روح شد. از این سبب اسمش عین حقوری خوانده شد که تا امروز درلحی است. ۱۹ 19
Waaqnis boolla Lehii keessa jiru dhoosee bishaan baase. Saamsoonis yommuu bishaan sana dhugetti humni isaa deebiʼeefii jabaate. Kanaafuu burqaan suni Een Haqoree jedhamee moggaafame. Innis hamma harʼaatti achuma Leehiitti argama.
و او در روزهای فلسطینیان بیست سال بر اسرائیل داوری نمود. ۲۰ 20
Saamsoon bara Filisxeemotaa keessa waggaa digdama Israaʼeloota bulche.

< داوران 15 >