< Sefaaniyaa 3 >

1 Magaalaa cunqursitootaa, finciltuu fi xurooftuu sanaaf wayyoo!
Woe to the rebellious and unclean city of oppression,
2 Isheen nama tokkoof iyyuu hin ajajamtu; sirreeffama tokko iyyuu hin fudhattu. Isheen Waaqayyoon hin amanattu; Waaqa isheettis hin dhiʼaattu.
She has not obeyed the voice, she has not accepted instruction, In the Lord she has not trusted, to her God she has not drawn near.
3 Qondaaltonni ishee leenca aaduu dha; bulchitoonni ishee yeeyyii galgalaa kanneen waan tokko illee ganamaaf hin bulfannee dha.
Her rulers in her midst are roaring lions. Her judges are evening wolves, who leave nothing over until the morning,
4 Raajonni ishee of tuultota; isaan namoota hin amanamnee dha. Luboonni ishee iddoo qulqulluu xureessanii seeras cabsu.
Her prophets are braggarts, faithless men. Her priests profane what is holy and do violence to the law.
5 Waaqayyo inni ishee keessa jiru qajeelaa dha; inni dogoggora tokko illee hin hojjetu. Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna; guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu; jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan.
The Lord is righteous in her midst, he does no wrong, Morning by morning he establishes his decree, Light is not lacking, an oversight is unknown. But the unjust know no shame.
6 “Ani saboota nan balleessa; daʼannoowwan isaanii diigamaniiru. Akka namni tokko iyyuu achiin hin dabarreef ani daandiiwwan ishee onseera. Magaalaawwan isaanii onanii nama malee, duwwaa hafu.
‘I have cut off nations, their turrets are destroyed; I have laid waste their broad streets, so that none passes over them. Desolate are their cities without people, without inhabitants.’
7 Ani magaalaa sanaan, ‘Ati dhugumaan na sodaatta; sirreeffamas ni fudhatta!’ nan jedhe. Ergasii iddoon jireenya ishee hin badu yookaan adabbiin koo hundinuu isheetti hin dhufu. Isaan garuu waan hojjetan hunda keessatti daba hojjechuutti ciman.
I said: ‘Surely the city will fear me, she will accept instruction. Nothing will vanish from her eyes that I have impressed upon her; But the more zealously have they made all their deeds corrupt.’
8 Kanaafuu guyyaa ani itti dhugaa baʼu eeggadhu” jedha Waaqayyo; “Ani sabootaa fi mootummoota walitti qabee dheekkamsa kootii fi aarii koo sodaachisaa sana hunda isaanitti dhangalaasuuf murteesseera. Addunyaan guutuun ibidda hinaaffaa kootiin gubattee barbadoofti.
Wait for me, is the Lord’s message, until the day when I stand up as a witness, for it is my fixed purpose to gather the nations, to collect the kingdoms, to pour upon them my wrath and my hot anger; for by the fire of my fury will all the earth be consumed.
9 “Ergasii ani akka hundi isaanii maqaa Waaqayyoo waammataniif, akka walii galuudhaan isa tajaajilaniifis afaan namootaa nan qulqulleessa.
For then I will purify the lips of all peoples, so that they will all call on the Lord’s name, to serve him with one accord.
10 Warri anaaf sagadan, intallan koo kanneen bittinnaaʼan lageen Itoophiyaa gamaa kennaa naaf fidu.
From beyond the rivers of Cush my worshipers will bring me offerings.
11 Sababii ani warra of tuulummaa isaaniitti gammadan magaalaa kana keessaa baasuuf, gaafas yakka ati natti hojjette sana hundaaf salphinni sitti hin dhufu. Ati lammata gaara koo qulqulluu irratti of hin tuultu.
On that day you will no longer be ashamed of all your deeds by which you rebelled against me. For I will rid you of your proudly arrogant ones, and you will never again be haughty on my holy mountain.
12 Ani garuu garraamotaa fi gad of qabeeyyii kanneen maqaa Waaqayyoo amanatan si keessatti nan hambisa.
But I will leave in your midst a people humble and poor, and the remnant of Israel will trust in the name of the Lord.
13 Hambaan Israaʼel yakka tokko illee hin hojjetan. Isaan soba hin dubbatan yookaan gowwoomsaan afaan isaanii keessatti hin argamu. Isaan nyaatanii boqotu; kan isaan sodaachisus hin jiru.”
They will not do evil, nor speak falsehood, and a deceitful tongue will not be found in their mouth; but they will pasture and lie down, and no one will make them afraid.
14 Yaa Intala Xiyoon ati faarfadhu; yaa Israaʼel sagalee ol fudhadhuu iyyi! Yaa Intala Yerusaalem gammadiitii garaa kee guutuudhaan ililchi!
Cry out with joy, daughter of Zion, shout aloud, Israel! Rejoice and exult with all your heart, daughter of Jerusalem.
15 Waaqayyo adaba kee sirraa fuudheera; inni diinota kee sirraa deebiseera. Waaqayyo Mootiin Israaʼel, si wajjin jira; ati lammata balaa tokko illee hin sodaattu.
The Lord has put away your adversaries, he has turned away your foes; the Lord is king in your midst, you will fear evil no more.
16 Isaan gaafas Yerusaalemiin akkana ni jedhu; “Yaa Xiyoon hin sodaatin; harki kees hin laafin.
In that day it will be said to Jerusalem: Fear not! Zion, let not your hands grow weak!
17 Waaqayyo Waaqni kee inni si wajjin jiru jabaa dha. Inni baayʼee sitti gammada; inni jaalala isaatiin si boqochiisa; faarfannaadhaanis sitti gammada.”
The Lord your God is in your midst, a victorious hero. He will rejoice over you with joy, he will renew his love, he will exult over you with singing,
18 “Ani gadda ati ayyaanota murteeffamaniif gadditu sirraa nan fuudha; isaan booʼichaa fi salphina sitti taʼu.
as on a day of festival. I will take away from you your disgrace, and put away from you your reproach.
19 Ani yeroo sanatti warra si cunqursan hunda nan adaba; ani okkolaa nan baraara; warra gatamanis walitti nan qaba. Ani biyya isaan itti qaaneffaman hunda keessatti maqaa fi ulfina isaaniifin kennaaf.
I will destroy at that time all who afflict you. I will deliver the lame, and gather the outcast, I will make them an object of renown and fame in all the earth.
20 Ani yeroo sanatti walittin isin qaba; yeroo sanatti ani biyya keessanitti isin nan galcha. Ani yeroo utuma isin argitanuu boojuu keessan deebisutti saba lafaa hunda gidduutti ulfinaa fi maqaa isiniifin kenna” jedha Waaqayyo.
I will do good to you, at the time when I gather you. For I will make you an object of fame and renown among all the peoples of the earth; when I bring back your captivity before your eyes. This says the Lord.

< Sefaaniyaa 3 >