< Zakkaariyaas 6 >

1 Ani ammas ol nan milʼadhe; kunoo gaariiwwan afur kanneen gaarran lama jechuunis tulluuwwan naasii gidduu gad baʼan nan arge! 2 Gaariin jalqabaa fardeen didiimoo, lammaffaan gugurraa, 3 sadaffaan adaadii, afuraffaan immoo farda daamaa qaba ture; isaan hundinuu jajjaboo turan. 4 Anis, “Yaa gooftaa ko, isaan kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo natti dubbachaa ture sana gaafadhe. 5 Ergamaan Waaqayyoo sunis akkana jedhee naaf deebise; “Isaan kunneen hafuurota samii afran fuula Gooftaa lafa hundaa dura iddoo dhaabachaa turanii gad baʼanii dha. 6 Kan fardeen gugurraa qabu gara biyya kaabaa deema; kan fardeen adaadii qabu gara biyya lixa biiftuu deema; kan fardeen daamaa qabu immoo gara biyya kibbaa deemaa.” 7 Fardeen jajjaboon sun yeroo gad baʼanitti guutummaa lafaa irra asii fi achi deemuu barbaadanii turan. Innis “Guutummaa lafaa irra deemaa!” jedheen. Kanaafuu isaan guutummaa lafaa irra deeman. 8 Ergasii inni na waamee, “Ilaali, warri gara biyya kaabaa deeman sun biyya kaabaatti Hafuura koo boqochiisaniiru” naan jedhe. 9 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe; 10 “Boojiʼamtoota Baabilon irraa dhufan jechuunis Heldaayi, Xoobbiyaa fi Yedaaʼiyaa irraa meetii fi warqee fuudhi. Gaafasuma gara mana Yosiyaas ilma Sefaaniyaa dhaqi. 11 Meetii fi warqee sana fuudhiitii gonfoo tolchi; gonfoo sanas mataa Iyyaasuu lubicha ol aanaa ilma Yehoozaadaaq irra kaaʼi. 12 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii itti himi: ‘Kunoo namichi maqaan isaa Damee jedhamu tokko as jira; innis damee baasee iddoo isaatii dagaagee dhaqee mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaara. 13 Namni mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaru isa; inni ulfina uffatee teessoo isaa irra taaʼee ni bulcha. Inni teessoo isaa irratti luba taʼa. Walii galteen nagaas isaan lamaan gidduu ni jiraata.’ 14 Gonfoon sunis yaadannoo Heelem, Xoobbiyaa, Yedaaʼiyaatii fi Heeni ilma Sefaaniyaa tiif mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ni kaaʼama. 15 Warri fagoo jiraatan dhufanii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqayyoo ni gargaaru; isinis akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu. Yoo isin akka gaarii Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamtan wanni kun ni taʼa.”

< Zakkaariyaas 6 >