< Weedduu 8 >

1 Utuu ati akka obboleessa koo kan harma haadha koo hodhee guddatee naa taatee! Ani yoon alatti si arge sin dhungadhan ture; namni tokko iyyuu na hin tuffatu. 2 Anis si dura deemee mana haadha koo ishee na barsiifte sanaatti sin geessa ture. Akka ati dhugduufis daadhii wayinii kan miʼeeffame cuunfaa roomaanii koos siifin kenna ture. 3 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata. 4 Yaa intallan Yerusaalem, ani isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa. 5 Kan michuu isheetti irkattee gammoojjii keessaa ol dhufaa jirtu kun eenyu? Ishee Ani muka hudhaa jalatti sin kakaase; haati kee achitti si ulfoofte; achumattis ciniinsifattee si deesse. 6 Akkuma chaappaatti laphee kee irra, akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu; jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii; hinaaffaan isaas akkuma awwaalaa hamaa dha. Inni akkuma ibidda balaliʼuu, akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa. (Sheol h7585) 7 Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu; lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu. Namni tokko qabeenya mana isaa hunda yoo jaalalaaf kenne qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama. 8 Nu obboleettii xinnoo tokko qabna; isheen guntuta iyyuu hin baafne. Guyyaa isheen heerumaaf kadhatamtutti nu obboleettii keenyaaf maal goona? 9 Utuu isheen dallaa dhagaa taatee nu silaa gamoo meetii ishee irratti ijaarra ture. Utuu isheen balbala taatee nu silaa birbirsaan ishee marsina. 10 Ani dallaa dhagaa ti; guntunni koos akkuma gamoo ti. Kanaafuu ani fuula isaa duratti akkuma nama nagaa fidu tokkootti nan ilaalaman ture. 11 Solomoon Baʼaal Haamoon keessaa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture; innis iddoo dhaabaa wayinii ofii isaa qottuuwwanitti kiraa kennate. Tokkoon tokkoon isaaniis ija argatan irraa meetii saqilii kuma tokko fiduufii qabu ture. 12 Iddoon dhaabaa wayinii kootii, kanuma koo ti; yaa Solomoon, saqiliin kumni sun sumaaf; dhibbi lama immoo kan warra ija isaa eeganii ti. 13 Yaa ishee iddoo biqiltuu keessa jiraattu, michoonni sagalee kee dhaggeeffachaa jiru; mee anis nan dhagaʼa! 14 Yaa michuu ko, dafii kottu; akka kuruphee yookaan akka korma gadamsaa kan gaara urgooftuu irra burraaquu taʼi.

< Weedduu 8 >