< Weedduu 3 >

1 Ani halkan guutuu siree koo irra ciisee nama garaan koo jaallatu sana nan barbaade; ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne. 2 Ani amma kaʼeen magaalaa keessa, daandiiwwanii fi oobdiiwwan irra nan deema; nama garaan koo jaallatu sana nan barbaada. Kanaafuu ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne. 3 Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan; anis, “Michuu koo argitanii?” jedheen isaan gaafadhe. 4 Ani akkuman xinnoo isaan bira darbeen, nama lubbuun koo jaallattu sana nan argadhe. Anis isa nan qabadhe; hamman mana haadha kootti, diinqa haadha koo ishee garaatti na baatte sanaatti ol galchutti gad isa hin dhiisne. 5 Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti, jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa. 6 Isheen qumbii fi ixaana urgooftuu daldaltootaa hunda irraa hojjetameen urgeeffamtee akkuma utubaa aaraa gammoojjii keessaa ol baatu kun eenyu? 7 Kunoo! Siree Solomoon kan loltoota jaatama warra Israaʼel keessaa bebeekamoo taʼaniin marfamteerti. 8 Hundi isaanii goraadee hidhatu; hundinuu muuxannoo waraanaa qabu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii luqqeettuutti hidhatanii lola halkaniitiif qophaaʼan. 9 Solomoon mootichi ofii isaatii gaarii tolfate; innis muka Libaanoon irraa tolfate. 10 Inni utubaa isaa meetiidhaan hojjete; jala isaa garuu warqeedhaan hojjete. Teessoon isaa kirrii diimaa dhiilgeedhaan hojjetame; keessi isaas jaalala intallan Yerusaalemiitiin bareechamee hojjetame. 11 Yaa intallan Xiyoon gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa; inni gonfoo haati isaa gaafa fuudha isaa, guyyaa garaan isaa gammadetti, mataa isaa irra keesseef sana kaaʼateera.

< Weedduu 3 >