< Faarfannaa 98 >

1 Faarfannaa. Waaqayyoof faarfannaa haaraa faarfadhaa; inni dinqii hojjeteeratii; harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun, akka inni moʼannaa argatu godhaniiru. 2 Waaqayyo akka fayyisuun isaa beekamu godheera; qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera. 3 Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa mana Israaʼeliif yaadateera; daariin lafaa hundinuu, fayyisuu Waaqa keenyaa arganiiru. 4 Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa; faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa; 5 baganaadhaan faarfannaa galataa, baganaa fi sagalee weedduutiin Waaqayyoof faarfadhaa; 6 malakataa fi sagalee gaanfaatiin, fuula Waaqayyo mootichaa duratti ililchaa. 7 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu, addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan. 8 Lageen harka isaanii haa rurrukutan; tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan; 9 isaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan; inni lafatti murteessuu ni dhufaatii. Inni addunyaaf qajeelummaadhaan, namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.

< Faarfannaa 98 >