< Faarfannaa 96 >

1 Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.
Sing to Jehovah a new song. Sing to Jehovah, all the earth.
2 Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa; fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
Sing to Jehovah. Bless his name. Proclaim his salvation from day to day.
3 Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
Declare his glory among the nations, his marvelous works among all the peoples.
4 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala; inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
For great is Jehovah, and greatly to be praised. He is to be feared above all gods.
5 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
For all the gods of the peoples are idols, but Jehovah made the heavens.
6 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.
Honor and majesty are before him. Strength and beauty are in his sanctuary.
7 Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
Ascribe to Jehovah, you families of nations, ascribe to Jehovah glory and strength.
8 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.
Ascribe to Jehovah the glory due to his name. Bring an offering, and come into his courts.
9 Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa; isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.
Worship Jehovah in holy array. Tremble before him, all the earth.
10 Saboota gidduutti, “Waaqayyo mootii dha” jedhaa; addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu. Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.
Say among the nations, "Jehovah reigns." The world is also established. It can't be moved. He will judge the peoples with equity.
11 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.
Let the heavens be glad, and let the earth rejoice. Let the sea roar, and its fullness.
12 Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan. Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan.
Let the field and all that is in it exult. Then all the trees of the woods shall sing for joy
13 Uumamni hundi fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii; inni lafatti murteessuuf ni dhufa. Addunyaatti qajeelummaadhaan, sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.
before Jehovah; for he comes, for he comes to judge the earth. He will judge the world with righteousness, the peoples with his truth.

< Faarfannaa 96 >