< Faarfannaa 92 >

1 Faarfannaa Guyyaa Sanbataa Faarfatamu. Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha. 2 Jaalala kee ganamaan, amanamummaa kees halkaniin labsuun, 3 kiraara ribuu kudhaniitiin, sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha. 4 Yaa Waaqayyo, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii; ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha. 5 Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam guddaa dha; yaadni kees akkam gad fagoo dha! 6 Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu; gowwaanis hin hubatu; 7 hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu, jalʼoonni hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan bara baraan ni barbadaaʼu. 8 Yaa Waaqayyo, ati garuu bara baraan ol ol jetta. 9 Yaa Waaqayyo, kunoo diinota kee, kunoo diinonni kee ni badu; warri jalʼina hojjetan hundinuus ni bittinneeffamu. 10 Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde; zayitii haaraa natti dhangalaafte. 11 Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera; gurri koos badiisa jalʼoota natti kaʼanii dhagaʼeera. 12 Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu; akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu; 13 isaan mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii jiru; oobdii Waaqa keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran. 14 Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu; gabbataniis dagaaganii jiraatu. 15 Isaanis, “Waaqayyo tolaa dha; inni Kattaa koo ti; hamminni isa keessa hin jiru” jedhanii labsu.

< Faarfannaa 92 >