< Faarfannaa 9 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa. 2 Ani sittin gammada; nan ililchas; yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha. 3 Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu; ni gufatu; fuula kee duraas ni badu. 4 Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta; atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta. 5 Saboota ifattee hamootas balleessiteerta; maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta. 6 Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu; ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta; seenaan isaaniis barbadeeffameera. 7 Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa; teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera. 8 Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna; sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha. 9 Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. 10 Warri maqaa kee beekan si amanatu; yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii. 11 Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa; hojii isaa illee saboota keessatti labsaa. 12 Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii; iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu. 13 Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali! Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi; 14 kunis ani karra Intala Xiyoon irratti akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis baayʼisee gammaduuf. 15 Saboonni boolla qotan keessa buʼan; miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame. 16 Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama; hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu. 17 Namoonni hamoon, warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu. (Sheol h7585) 18 Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu. 19 Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin; fuula kee duratti sabootatti haa muramu. 20 Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi; saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.

< Faarfannaa 9 >