< Faarfannaa 86 >

1 Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef, na dhagaʼiitii deebii naa kenni. 2 Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi. Ati Waaqa koo ti; garbicha kee kan si amanatu oolchi. 3 Yaa Gooftaa na maari; ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii. 4 Lubbuu garbicha keetii gammachiisi; yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii. 5 Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha. 6 Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi; iyya waammata koos dhaggeeffadhu. 7 Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha; ati deebii naa kennitaatii. 8 Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru; hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru. 9 Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii, fuula kee duratti ni sagadu; maqaa keetiifis ulfina fidu. 10 Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha; Waaqni suma qofa. 11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; anis dhugaa keetiin nan bula; akka ani maqaa kee sodaadhuuf, garaa gargar hin qoodamne naa kenni. 12 Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa. 13 Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii; lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta. (Sheol h7585) 14 Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru; tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne lubbuu koo galaafachuu barbaadu. 15 Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha; daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu. 16 Gara kootti deebiʼiitii na maari; jabina kee tajaajilaa keetii kenni; ilma garbittii keetiis oolchi. 17 Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif, mallattoo gaarummaa keetii naa kenni; yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.

< Faarfannaa 86 >