< Faarfannaa 8 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Gitiitiidhaan faarfatamu. Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! Ati ulfina kee samiiwwan irratti diriirsiteerta. 2 Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatu afaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta. 3 Yommuu ani hojii quba keetii, samiiwwan kee, jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti, 4 akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali? 5 Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite. 6 Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote; waan hundas miilla isaa jala galchite; 7 bushaayee fi loon hunda, bineensota bosonaas, 8 simbirroota samii irraa, qurxummii galaanaa, waan daandii galaanaatiin darbu hundas miilla isaa jala galchite. 9 Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa!

< Faarfannaa 8 >