< Faarfannaa 76 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Faarfannaa Asaaf. Yihuudaa keessatti Waaqni beekamaa dha; maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha. 2 Dunkaanni isaa Saalem keessa, iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira. 3 Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi meeshaawwan waraanaa caccabse. 4 Ati ifa uffattee miidhagdeerta; ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa. 5 Gootonni boojiʼamaniiru; hirribaanis fudhatamaniiru; duultota keessaas namni tokko iyyuu harka sochoofachuu hin dandeenye. 6 Yaa Waaqa Yaaqoob, ifannaa keetiin fardeenii fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru. 7 Siʼi qofatu sodaatamuu qaba. Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa? 8 Ati samii irraa murtii kennite; laftis ni sodaatte; ni calʼiftes; 9 yaa Waaqi, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf, rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe. 10 Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida; warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta. 11 Waaqayyo Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa; warri naannoo isaa jiraatan hundinuus Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan. 12 Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa; mootonni lafaas isa sodaatu.

< Faarfannaa 76 >