< Faarfannaa 67 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa. Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; fuula isaas nurratti haa ibsu; 2 kunis akka karaan kee lafa irratti, fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf. 3 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan. 4 Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, saboota lafa irraas waan geggeessituuf, saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan. 5 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan. 6 Lafti midhaan kenniteerti; Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera. 7 Waaqni nu eebbiseera; handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.

< Faarfannaa 67 >