< Faarfannaa 53 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawiti. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru. 2 Waaqni yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala. 3 Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru. 4 Warri hammina hojjetan, kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqa hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii? 5 Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti, sodaadhaan liqimfamaniiru. Waaqni lafee warra si marsanii ni bittinneessa; sababii Waaqni isaan tuffateef, ati isaan qaanessite. 6 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqni saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

< Faarfannaa 53 >