< Faarfannaa 44 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqi, waan ati bara durii, jabana isaanii keessa hojjette sana, abbootiin keenya nutti himaniiru; nuus gurra keenyaan dhageenyeerra.
We have heard with our ears, O God, our fathers have told us, what work you did in their days, in the times of old.
2 Ati harka keetiin saboota ariitee baafte; abbootii keenya immoo ni dhaabde; namoota ni balleessite; abbootii keenya garuu bilisa baafte.
How you did drive out the heathen with your hand, and planted them; how you did afflict the people, and cast them out.
3 Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle; yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne; ati isaan jaallatteertaatii.
For they got not the land in possession by their own sword, neither did their own arm save them: but your right hand, and your arm, and the light of your countenance, because you had a favour unto them.
4 Ati Mootii koo fi Waaqa koo kan Yaaqoobiif moʼicha ajajjuu dha.
You are my King, O God: command deliverances for Jacob.
5 Nu siin diinota keenya duubatti deebifna; maqaa keetiinis amajaajota keenya gad dhidhiinna.
Through you will we push down our enemies: through your name will we tread them under that rise up against us.
6 Ani iddaa koo hin amanadhu; goraadeen koos moʼannaa naa hin fidu;
For I will not trust in my bow, neither shall my sword save me.
7 ati garuu diinota keenya jalaa nu oolchita; warra nu jibban immoo ni qaanessita.
But you have saved us from our enemies, and have put them to shame that hated us.
8 Nu yeroo hundumaa Waaqaan dhaadanna; maqaa kees bara baraan ni galateeffanna.
In God we boast all the day long, and praise your name for ever. (Selah)
9 Amma garuu ati nu gatteerta; gadis nu deebifteerta; ati loltoota keenya wajjin hin baane.
But you have cast off, and put us to shame; and go not forth with our armies.
10 Akka nu diinota keenya baqannu nu gooteerta; warri nu jibbanis nu saamaniiru.
You make us to turn back from the enemy: and they which hate us spoil for themselves.
11 Ati akka hoolota qalamuuf qopheeffamanii nu gooteerta; ormoota keessas nu bittinneessiteerta.
You have given us like sheep appointed for food; and have scattered us among the heathen.
12 Saba kee gatii xinnaatti gurgurteerta; gurgurtaa isaanii irraas buʼaa hin arganne.
You sell your people for nothing, and do not increase your wealth by their price.
13 Ollaa keenya duratti nama kolfaa, warra naannoo keenyaa birattis waan qoosaatii fi nama tuffii nu gooteerta.
You make us a reproach to our neighbours, a scorn and a derision to them that are round about us.
14 Ormoota keessatti waan mammaaksaa nu goote; namoonnis mataa nutti raasan.
You make us a byword among the heathen, a shaking of the head among the people.
15 Salphinni koo guyyaa guutuu fuula koo dura jira; fuulli koos qaaniidhaan haguugameera.
My confusion is continually before me, and the shame of my face has covered me,
16 Kunis sababii dubbii warra na tuffataniitii fi warra na arrabsaniitiif, sababii diinaatii fi sababii nama haaloo baafatuutiif taʼe.
For the voice of him that reproaches and blasphemes; by reason of the enemy and avenger.
17 Kun hundi nutti dhufeera; taʼus nu si hin daganne; yookaan kakuu kee keessatti amanamummaa hin dhabne.
All this has come upon us; yet have we not forgotten you, neither have we dealt falsely in your covenant.
18 Garaan keenya dugda duubatti hin deebine; tarkaanfiin keenyas karaa kee irraa hin jalʼanne.
Our heart is not turned back, neither have our steps declined from your way;
19 Ati garuu iddoo waangoonni jiraatanitti nu caccabsite; dukkana hamaadhaan nu haguugde.
Though you have sore broken us in the place of dragons, and covered us with the shadow of death.
20 Utuu nu maqaa Waaqa keenyaa irraanfannee, yookaan utuu harka keenya gara waaqa ormaatti balʼifannee jiraannee,
If we have forgotten the name of our God, or stretched out our hands to a strange god;
21 silaa Waaqni waan kana bira hin gaʼu turee? Inni icciitii garaa namaa beekaatii.
Shall not God search this out? for he knows the secrets of the heart.
22 Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra.
Yea, for your sake are we killed all the day long; we are counted as sheep for the slaughter.
23 Yaa Gooftaa dammaqi! Ati maaliif rafta? Kaʼi! Bara baraanis nu hin gatin.
Awake, why sleep you, O Lord? arise, cast us not off for ever.
24 Ati maaliif fuula kee dhokfatta? Maaliifis dhiphinaa fi hacuucamuu keenya irraanfatta?
Wherefore hide you your face, and forget our affliction and our oppression?
25 Lubbuun keenya biyyootti dabalamteertii; garaan keenyas lafatti maxxaneera.
For our soul is bowed down to the dust: our belly cleaves unto the earth.
26 Kaʼiitii nu gargaar; sababii jaalala kee kan hin geeddaramneetiifis nu furi.
Arise for our help, and redeem us for your mercies' sake.

< Faarfannaa 44 >