< Faarfannaa 43 >

1 Yaa Waaqi, naa murteessi; saba hin amanametti dubbii koo naa falmi; gowwoomsitootaa fi jalʼoota jalaas na baasi. 2 Ati Waaqa jabina kootii ti. Maaliif na gatte? Ani maaliifin diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha? 3 Ifa keetii fi dhugaa kee ergi; isaan na haa qajeelchan; gara tulluu kee qulqulluutti, gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan. 4 Yoos ani gara iddoo aarsaa Waaqaa, gara Waaqa gammachuu fi ilillee koo nan dhaqa. Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ani baganaadhaan sin galateeffadha. 5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

< Faarfannaa 43 >