< Faarfannaa 41 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha.
Blessed is he that considers the poor: the LORD will deliver him in time of trouble.
2 Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; lafa irratti isa eebbisa; hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu.
The LORD will preserve him, and keep him alive; and he shall be blessed upon the earth: and you will not deliver him unto the will of his enemies.
3 Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.
The LORD will strengthen him upon the bed of languishing: you will make all his bed in his sickness.
4 Anis, “Yaa Waaqayyo na maari; ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi” nan jedhe.
I said, LORD, be merciful unto me: heal my soul; for I have sinned against you.
5 Diinonni koo hamminaan, “Inni yoom duʼee maqaan isaa lafa irraa bada?” jedhanii waaʼee koo dubbatu.
Mine enemies speak evil of me, When shall he die, and his name perish?
6 Namni tokko yeroo na gaafachuu dhufutti, utuma garaa isaatti hammina kuufatee qabuu, sobee dubbata; gad baʼees iddoo hundumatti odeessa.
And if he comes to see me, he speaks vanity: his heart gathers iniquity to itself; when he goes abroad, he tells it.
7 Warri na jibban hundinuu waaʼee koo walitti hasaasu; waan akka malee hamaa taʼes natti mariʼatu.
All that hate me whisper together against me: against me do they devise my hurt.
8 Isaanis, “Dhukkubni hamaan isa qabateera; inni siʼachi iddoo ciisu sanaa hin kaʼu” jedhu.
An evil disease, say they, cleaves fast unto him: and now that he lies he shall rise up no more.
9 Michuun koo inni natti dhiʼaatu, inni ani amanadhe, inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate.
Yea, mine own familiar friend, in whom I trusted, which did eat of my bread, has lifted up his heel against me.
10 Ati garuu yaa Waaqayyo na baasi; akka ani haaloo baafadhuufis ol na kaasi.
But you, O LORD, be merciful unto me, and raise me up, that I may requite them.
11 Akka ati natti gammaddu ani beeka; diinni koo narra hin aanuutii.
By this I know that you favour me, because mine enemy does not triumph over me.
12 Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda; baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda.
And as for me, you uphold me in mine integrity, and set me before your face for ever.
13 Waaqayyo Waaqni Israaʼel, bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu.
Blessed be the LORD God of Israel from everlasting, and to everlasting. Amen, and Amen.

< Faarfannaa 41 >