< Faarfannaa 3 >

1 Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate. Yaa Waaqayyo, diinonni koo akkam baayʼatu! Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!
מזמור לדוד בברחו מפני אבשלום בנו ב יהוה מה-רבו צרי רבים קמים עלי
2 Namoonni baayʼeen, “Waaqni isa hin baraaru” jedhanii waaʼee koo dubbatu.
רבים אמרים לנפשי אין ישועתה לו באלהים סלה
3 Yaa Waaqayyo, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti; ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.
ואתה יהוה מגן בעדי כבודי ומרים ראשי
4 Ani guddisee Waaqayyotti nan iyyadha; innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.
קולי אל-יהוה אקרא ויענני מהר קדשו סלה
5 Ani nan ciisa; nan rafas; waan Waaqayyo ol na qabuuf nan dammaqa.
אני שכבתי ואישנה הקיצותי--כי יהוה יסמכני
6 Saba kumaatama qixa hundaan kaʼee na marse ani hin sodaadhu.
לא-אירא מרבבות עם-- אשר סביב שתו עלי
7 Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqa koo na baraari! Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti; ilkaan hamootaa illee caccabsi.
קומה יהוה הושיעני אלהי-- כי-הכית את-כל-איבי לחי שני רשעים שברת
8 Fayyinni kan Waaqayyoo ti. Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.
ליהוה הישועה על-עמך ברכתך סלה

< Faarfannaa 3 >