< Faarfannaa 27 >

1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa? 2 Namoonni hamoon yommuu foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan, diinonni koo fi amajaajonni koo yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu. 3 Yoo duulli na marse illee, garaan koo hin sodaatu; yoo waraanni natti baname illee ani hin raafamu. 4 Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha; waan kanas nan barbaada: Kunis bara jireenya kootii guutuu mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa keessatti isa kadhachuu dha. 5 Inni guyyaa rakkinaa iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii; daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa; kattaa gubbaattis ol na baasa. 6 Yommus diinota na marsanii olitti mataan koo ol jedha; dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa; Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas. 7 Yaa Waaqayyo, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi; naaf araarami; deebiis naaf kenni. 8 Yommuu ati, “Fuula koo barbaadaa!” jettetti, garaan koo, “Yaa Waaqayyo, ani fuula kee nan barbaada” siin jedha. 9 Fuula kee na duraa hin dhoksin; aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin; ati gargaaraa koo taateerta. Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko, na hin gatin; na hin dhiisinis. 10 Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee, Waaqayyo na simata. 11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; sababii ani diinota baayʼee qabuuf daandii qajeelaa irra na buusi. 12 Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin; dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii; isaanis hafuura jalʼinaa baafatu. 13 Anis biyya jiraattotaa keessatti gaarummaa Waaqayyoo akkan argu amma iyyuu nan amana. 14 Waaqayyoon eeggadhu; cimi; jabaadhus; Waaqayyoon eeggadhu.

< Faarfannaa 27 >