< Faarfannaa 23 >

1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu. 2 Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa; gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa; 3 inni lubbuu natti deebisa. Maqaa isaatiif jedhees karaa qajeelaa irra na deemsisa. 4 Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu. 5 Ati utuma diinonni koo ilaalanuu fuula koo duratti maaddii naa qopheessita. Mataa koo zayitii dibda; xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha. 6 Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.

< Faarfannaa 23 >