< Faarfannaa 20 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu; maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu. 2 Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu; Xiyoon irraas jabina siif haa kennu. 3 Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu; qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu. 4 Hawwii garaa keetii siif haa kennu; karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu. 5 Yommuu ati moʼattutti ililchinee maqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna. Waaqayyo waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu. 6 Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka; Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf. 7 Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu; nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna. 8 Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana; jabaannees ni dhaabanna. 9 Yaa Waaqayyo, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni! Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!

< Faarfannaa 20 >