< Faarfannaa 15 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata? Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa? 2 Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi nama waan qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi 3 kan arraba isaatiin nama hin hamanne, nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi nama ollaa isaa maqaa hin balleessine, 4 kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju, yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu, 5 nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha. Namni wantoota kanneen hojjetu, gonkumaa hin raafamu.

< Faarfannaa 15 >