< Faarfannaa 147 >

1 Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha! 2 Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara; Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba. 3 Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha. 4 Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama. 5 Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu. 6 Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata. 7 Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa. 8 Inni samiiwwani duumessaan haguuga; lafaafis bokkaa kenna; tulluuwwan irrattis marga biqilcha. 9 Horiidhaaf waan isaan dheedan, yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna. 10 Inni jabina fardaatti hin gammadu; yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu; 11 Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada. 12 Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu; Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu. 13 Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa. 14 Daarii keetiif nagaa kenna; qamadii qulqulluudhaanis si quubsa. 15 Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; dubbiin isaas ni ariifata. 16 Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; qorras akkuma daaraatti bittinneessa. 17 Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa? 18 Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu. 19 Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera. 20 Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; isaan seera isaa hin beekan. Haalleluuyaa.

< Faarfannaa 147 >