< Faarfannaa 137 >

1 Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti, lageen Baabilon bira teenyee boonye. 2 Achittis kiraara keenya muka alaltuutti fannifne; 3 achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis, “Faarfannaawwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!” jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan. 4 Nu utuu biyya ormaa jirruu, akkamitti faarfannaa Waaqayyoo faarfachuu dandeenya? 5 Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe, harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu. 6 Yoo ani si yaadachuu baadhe, yoo ani gammachuu koo guddichaa olitti Yerusaalemin ilaaluu baadhe, arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu. 7 Yaa Waaqayyo, waan warri Edoom gaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu; isaanis, “Ishee diigaa! Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan. 8 Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte, inni waan ati nu goote sanaaf, gatii kee siif kennu eebbifamaa dha. 9 Inni daaʼimman kee qabee dhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.

< Faarfannaa 137 >