< Faarfannaa 134 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Isin tajaajiltoonni Waaqayyoo, warri halkan mana Waaqayyoo keessa tajaajiltan hundinuu, Waaqayyoon galateeffadhaa. 2 Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii Waaqayyoon galateeffadhaa. 3 Waaqayyo samii fi lafa uume sun Xiyoon irraa isin haa eebbisu.

< Faarfannaa 134 >