< Faarfannaa 131 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, garaan koo of hin jaju; iji koos of hin tuulu; ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu. 2 Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras; akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana, akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste. 3 Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf, Waaqayyoon abdadhu.

< Faarfannaa 131 >