< Faarfannaa 13 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti? Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa? Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita? 2 Ani hamma yoomiittin rakkina obsee guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda? Hamma yoomiitti diinni koo narra aana? 3 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni. Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni; 4 diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha; amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu. 5 Ani garuu araara kee nan amanadha; garaan koos fayyisuu keetti ni gammada. 6 Ani Waaqayyoof nan faarfadha; arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.

< Faarfannaa 13 >