< Faarfannaa 129 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Israaʼel akkana haa jedhu; “Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; 2 isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; garuu na hin moʼanne. 3 Warri qootiisa qotan dugda koo qotan; boʼoo isaaniis ni dheeressan. 4 Waaqayyo garuu qajeelaa dha; funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.” 5 Warri Xiyoonin jibban hundinuu, qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan. 6 Isaan akka marga bantii manaa irraa kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan; 7 namichi haamu qabaa isaa guuttachuu, yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu. 8 Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu; maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.

< Faarfannaa 129 >