< Faarfannaa 128 >

1 Faarfannaa Ol Baʼuu. Warri Waaqayyoon sodaatan, kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha. 2 Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; ni eebbifamta; jireenyis sitti tola. 3 Niitiin kee mana kee keessatti, akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati; ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti, akka lataa muka ejersaa ni taʼu. 4 Namni Waaqayyoon sodaatu akkasitti eebbifama. 5 Bara jireenya keetii guutuu, Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu; atis badhaadhummaa Yerusaalem argi. 6 ijoollee ijoollee keetii ni argi; nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

< Faarfannaa 128 >